Lammiileen Itoophiyaa Hidhaa Saawud Arabiyaa Jiran Mootummaan Akka Birmatuuf Dhaaman

Mana Hidhaa Al-Shumaasii, Suuraa:Nabiyyuu Siiraak

Iteenash Abarraa tiin

Finfinnee, Amajjii 22/2022- Ji’a Amajjii keessa diyaaspooraan kumaatamaan lakkaawwaman Awurooppaa fi Ameerikaa irraa waamicha mootummaa sababeeffachuun Ayyaana cuuphaatiif gara biyya dhufanii jiru. Haata’u malee godaantotni Saawud Arabiyaa jiran haala qabiinsa namaaf hin malle keessa jiraachuu Addis Standarditti himan.

Gabaasaaleen Addis Standard haala lammileen Itoophiyaa Hidhaa Saawud Arabiyaa keessa jiran mul’isaa turan. Saawudin lammiilee Itoophiyaa karaa seeraan alaa gara biyyattii  imalan irratti tarkaanfii fudhachuu erga eegaltee tureera. Lammileen mana hidhaa Jiddatti dhihoo jiru keessa jiran  bibilaan Addis Standard qunnamaniiru. Lammileen haala qabiinsa dhala namaatiif hin malle keessa jiraachuu ibsuun Imbaasiini fi Minsteerri Haajaa Alaa irraa birmanna hin arganne jechuun komatu.

Hayaat naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo irraa gara Saawudi deemte. “Kutaa tokko keessa nama 150 ol taane jirra. Nyaata ga’aa nuuf hin kennan. Ganama daabboo tokko galgalas daabboo tokko nuuf kennu. Qoricha gahaas ta’ee uffata halkanii gahaa hin qabnu.”jechuun haala mana hidhaa keessa jiru ibsite. “Jireenyi mana hidhaa keessaa baay’ee ulfaatadha” kan jetti Hayaat,osoo mana yaalaa xiinsammuuti deebituu qabamtee hidhamte. “Ijji kiyya na dhukkubaa, garuu qoricha gahaa hin argadhu. Qoricha bitachuu na dhoorkan. Mana hidhaa keessaa naaf kennaa hin jiran.”jetti.

“Kutaa tokko keessa nama 150 ol taane jirra. Nyaata ga’aa nuuf hin kennan. Ganama daabboo tokko galgalas daabboo tokko nuuf kennu. Qoricha gahaas ta’ee uffata halkanii gahaa hin qabnu.”

Hayaat,

 Dubbi himaan ministeera Haajaa Alaa, Ambaasaaddar Diinaa Muftii waamichi diyaaspooraaf dhiyaate lammiilee Itoophiyaa addunyaa guutuu jiran ilaallata jedhe. Halli godaantota Saawud Arabiyaa jiranii yeroodha gara yerootti badaa dhufuu dubbate. Itti dabaluunis “Biyyoota Alaa irraa dhiibbaa guddaan Itoophiyaa irra gahaa Jira. Kuni qoratamuu qaba.”jedhe Ambaasaaddar Diinaan. Sababa nageenyaatiin lammiilee Saawudi fi biyyoota giddugaleessa bahaa jiraniif mootummaan haala mijeessuu hin dandeenye jedhe.

Ziyaadaan, haadha durba tokkoo Tigraay irraa gara Saawudii deemte, haala qabiinsa mana hidhaa Saawudi hadheeffatte dubbatti.  “Anifi intalli koo ji’oota saddeetif hidhaa keessa turre. Nyaata gahaa hin argannu. Nama dhibba lama taaneef kutaa tokko keessa waan teenyuuf dhibeewwan daddarboof saaxilamnee jirra.” Ziyaadaan akkuma  godaantota kumaatamaan lakkaa’amanii  jireenya fooyya’aa barbaacha karaa seeraan alaa gara biyya Saawudi Arabiyaa seente. 

Nabiyyuu Siiraak gaazexeessaa fi jiraata Saawudi Arabiyaa ture. Rakkoo godaantota  kana hubachuuf Addis Standard Nabiyyuu dubbise. Haalli qabiinsa hidhamtootaa badaa ta’uu kan ibse Nabiyyuu tarkaanfiin godaantota seeraan alaa irratti fudhatamaa jiru kan xiyyeeffate lammilee Itoophiyaa irratti jedha. Kana malees “Hidhamtootni hundi godaantota seeraan alaa miti. Namootni karaa seeraan gara biyyatti seenan erga hidhamanii booda qulqullaa’ee kan gadi lakkifaaman jiru. Kuni garuu fudhatama hin qabu.”jedha. 

“Godaantota gara biyyaatti deebisuun sababa dhimma atattamaa xiyyeeffannoo barbaaduun addaan citee ture.”

Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Akka Nabiyyuun jedhutti lammiileen Itoophiyaa walakkaa miliyoonaa ta’an karaa seeraan ala Saawudi seenaniiru. Namootni 100,000 ta’an hidhaa keessatti rakkachaa jiru. “Lammiileen 200,000 ala jiranis rakkoo hamaa keessa jiru.” jedha. Mootummaan waggaa tokko keessatti godaantota 42,000 gara biyyaatti deebisuyyuu furmaata waaraa fiduu hin dandeenye jedha Nabiyyuun. Itti dabaluunis “Yaalii garaa garaa karaa Ministeera Haajaa Alaatin godhamu ni beekama. Haata’u malee mootummaan dararaa fi doorsisa lammiilee dhaabsisuu hin dandeenye. Hidhaa godaantotaa akkuma itti fufetti jira.”jedhe. 

Godaantotni seeraas tarkaanfii mootummaan Saawudi fudhatuun miidhamaniiru. Alamuun hidhaa naannoo Jiddaa jiru keessaa Addis Standard dubbisee “Ji’oota salgan darbaniif koonsulaatii Jiddaa irraa qaamni dhufee nu ilaale hin jiru. Amma har’aatti uffatuma gaafa qabamnu uffatneen jirra. “jedha.  Alamuun karaa seeraan Saawudi Arabiyaa deeme matii isaa gargaaraa ture. Hidhamuun isaa maatii isaa irratti dhiibbaa guddaa fide kan jedhu Alamuun mootummaan gara biyyaatti akka isa deebisu kadhata.

Ahimed godaanaa karaa seeraa deeme ta’uyyuu maatiin isaa  hidhamanii jiru. Tarkaanfiin mootummaan Saawudii fudhatu namoota addaan hin baasu jedha. Kana malees xiyyeeffannoon mootummaan Itoophiyaa lammiilee Saawudi keessa jiraniif kennu na gaddisiisa jedhe Ahimed. Itti dabaluunis “Gabaasni ministeera Haajaa Alaa dhiyyeessu dhugaa jiru hin mul’isu. Gabaasni isaanii siyaasa malee qabiinsa mirga namoomaa hidhamtootiif iddoo hin laatu. Yeroo haala qabiinsa hidhamtoota gaafatame ministeerichi waa’ee godaantota gara biyyaatti deebisuu dubbata.”

“Yaalii garaa garaa karaa Ministeera Haajaa Alaatin godhamu ni beekama. Haata’u malee mootummaan dararaa fi doorsisa lammiilee dhaabsisuu hin dandeenye. Hidhaa godaantotaa akkuma itti fufetti jira.”

Nabiyyuu Siiraak, Gaazexeessaa

Godaana karaa seeraa ta’us Ahimed hidhaan doorsifamaa jiraachuu himata “Haalli jiru baay’ee badaadha. Obboleeyyan kiyya hidhaa keessa jiru.Ofii kiyyaa waanan sodaadhuuf, isaan gargaaruu hin dandeenye.”jedha. Ragaaleen Addis Standard dubbise dubartootni ulfaa, harma oosisan fi daa’imman nyaata, qorichaa fi uffata gahaa malee rakkachaa jiraachuu himuu. Mootummaan atattamaan tarkaanfii akka fudhatu gaafatu.

Dubbi himaan ministeera Haajaa Alaa, Ambaasaaddar Diinaa Muftii dhimma kana irratti “Godaantota gara biyyaatti deebisuun sababa dhimma atattamaa xiyyeeffannoo barbaaduun addaan citee ture. Amma gareen godaantota biyyaatti deebisu ijaarame yeroo dhiyootti gara Saawudi imaluun lammiilee hidhaa keessa jiran biyyatti ni deebisa” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.