Xiinxala: Hongeen Baha Oromiyaatti Muudate Hammaachaa Jira

Darajjee Gonfaa tiin

Finfinnee, Amajjii 15/2022– Naannoo Oromiyaatti hongeen godinaalee Booranaa fi Baale Bahaa keessatti hanqina nyaataa uumuun hawaasa rakkoo guddaadhaf saaxilee jira. Hongeen kun gara godinaalee Bahaa Oromiyaatti argaman godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee fi Harargee lamaanitti babal’achuu fi qaala’insa jireenyaa wajjiin hawaasa beelaaf saaxilaa jiraachuu jiraattootni Addis Standarditti himaniiru.

Gabaasni jalqaba Addis Standard dhaqqabe godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee irraati. Jiraataan aanaa Fantaallee Roobaa Jiloo hawaasni Karrayyuu fi beeladootni hongeedhan miidhaaf saaxilamuu akka jalqaban hima. Akka inni jedhutti “Beeladootni baay’een marga dheedumsaa akkasumas bishaan waan dhabaniif huuqqachuun of dadhabaniiru, iddoo tokko tokkottis du’aa jiru.” 

Aanaa Fantaallee keessatti haawaasni Karrayyuu horsiisa horii cinaattii oomisha midhaanii akka eegalu taasifamuu kan himu Roobaan haa ta’uu malee dhabamuu roobaa irraan kan ka’e  waanti qotame facaafame otoo hin margin hafuu hima. “Haalli kun yeroo muraasaf akkanaan itti fufnaan rakkoo hammaataaf saaxilamuu keenya.” jedha.

Jiraataan aanaa Fantaallee biraa Boruu Hawaas gama isaatin rakkoo hongee kanaan aanicha keessatti beeladootni baay’een miidhamaa jiraachuu eeruun,”Rakkoon kun ammoo beelaaf nu saaxileera”jedha. Naannaawa lafa margi jiru irraatti walitti bu’iinsi daangaa yeroo dheeraf turuu kan himu Boruun, keessumaa Godinni Shawaa Bahaa aanaan Fantaallee fi Naannoo Amaaraatti aanaan Minjaar Shankoraa daangaa waliin qaban irratti waldhibdeen uumama turuu dubbata. “Rakkoon daangatti muudatu yoo furmaata hin argatiin akka yeroo kaanii beeladoota qabannee godanuun waan ulfaatadha. Bonni irra caalaan ammoo isa kana booda jiruudha, ammaanuu kunoo beelli dhufe maaltu akka ta’u ani hin beeku.” Rakkoon kun uumamuu hordofee deeggarsi  gama mootummaatinis ta’ee dhabbilee tola ooltotaan hawaasa karrayyuutiif taasifamaa jiru akka hin jirre himu jiraattootni.

“Rakkoon daangatti muudatu yoo furmaata hin argatiin akka yeroo kaanii beeladoota qabannee godanuun waan ulfaatadha.”

Boruu Hawaas, Jiraataan Aanaa Fantaallee

Itti gaafatamaan Waajjira Hoggansa Sodaa balaa Gaaddisaa Barcoo gama isaatiin aanaa Fantaalletti bonni dheerachuu irraa kan ka’e yaaddoon  jiraachuu himaniiru. “Gandoota 18 aanaa Fantallee keessa jiran keessa kanneen jallisiin laga Awaash keessa darbuu muraasarraan  kan hafe  gandoota hunda keessatti beeladootni hongeen miidhamuu jalqabaniiru.” jedha itti gaafatamichi

Gaaddisaan “Haalli amma mul’ataa  jiru akka Booranaa fi Baalees ta’uu baatus garasumatti waan deemu fakkaata. Bakka tokko tokkotti margi dheedumsaa fi bishaan dhabamuu isaatin horsisee bultootni tokko tokko godaanuu jalqabaniiru haalli jiru baayyee sodaachisaadha.” jedha.  Akkuma haalli hongee fakkaatu iddoowwan bira hubaa jiru aanaa Fantaalleef illee qormaata ta’uu akka malu, yaada keessa galchuun qaamni qorachuu qabullee akka qoratu taasifamee, rakkoon kun ga’uun adda baafaeera jedha Gaaddisaan.

Haala kanaan utuu hin roobiin ji’ootaaf yoo itti fufe beeladootni hangamii miidhamuu akka danda’ani fi jireenyi horsiisee bultootaa horsiisa qofa irratti waan hundaa’eef namoota hangamiitu rakkoof saaxilama isa jedhu koreen qulqulleffatee gara qaamni ilaallatutti gabaasa gochuus Gaaddisaan himeera. Haa ta’u malee, “Ragaan amma walitti qabamaa jira waan ta’eef lakkoofsa hanga kana jechuun hin danda’amu.Garuu namoota baay’ee miidhaaf saaxila kan jedhu sodaa qabna.”jedha Gaaddisaan.

Kana malees rakkoon kun  beela fiduu mala  kan jedhu sodaa qabaachuu ibsa Gaaddisaan. Itti dabaluunis “Ammayyuu  gandoota muraasaa keessatti beelli mul’achaa jira. Kun ammoo deeggarsa hatattamaa kan barbaadudha.” jedhe.  Rakkoo biraa kan ta’e rakkoo qaala’iinsa jireenya fi dhimma haala yerooti. “Gatiin beeladootaa  gadi bu’ee gatiin midhaanii baay’ee dabalaa jira. Beeladoota lamaa sadi gurguranii midhaan kuntaala tokko bitachuun haala hin danda’amnerra ga’aa jira.” 

“Ammayyuu  gandoota muraasaa keessatti beelli mul’achaa jira. Kun ammoo deeggarsa hatattamaa kan barbaadudha.”

Gaaddisaa Barcoo, Itti Gaafatamaa Waajjira Hoggansa Sodaa Balaa Aaanaa Fantaallee

Iddoowwan hongeen muudate keessatti gatiin horii gadi bu’uun raakkoo hongee hammeessaa jiraachuun gabaafamaa jira. Akka OBN  gabaasetti godina Booranaatti rakkoo hongee mudateen cinatti gadi bu’uun gatii beeladaa horsiisee bultoota godinichaa yaaddessaa jira.  Rakkoon muudachuun erga barame deeggarsi nyaata namaa fi horii akka taasifamu akka  qabu  qaama dhimmi ilaalatutti dabarsinullee, “Hanga yoonaa waanti nu qaqqabe hin jiru” jedha. Deebiin jiru garuu ni dhiyaataa eeggadhaa kan jedhudha jedha Itti gaafatamichi. 

Haalli  Godinaalee Harargee lamaan keessa jiru kan aanaa Fantaallee keessaa jiruun wal fakkaata. Hongeen bara kana hammaatee jiraattota aanaalee godina harargee lamaanii naannawa gammoojjii  jiraatan irratti  miidhaa geessiisaa jiraachuu Addis Standard odeeffateera.

Abdii Ibrahim horsiisee bulaa godina Harargee Bahaa aanaa Mayyuu Mulluqqee jiraataniidha. Akka inni jedhutti hongeen bara kana hammaachaa dhufe rakkoodhaaf isaan saaxiluu hima. “Naannawa keenyatti Roobni yeroo dheeraaf utuu hin roobiin waan tureef haroowwaan jiran hunduu goganii bishaan dhugaatii namaa fi horiillee rakkoo ta’eera.” jedha.

Abdiin “Kanaanis Beeladootnii baay’een miidhamaa jiruu, kan bakka ciisanii ka’uu dadhaban akkasumas kan du’uu jalqaban jiru. Nu biraa namni muraasni  gara bakka  dheedumsaa horii fi bishaan  jiruttii godaanan ni jiru. Halli kun yeroo kan  itti fufu taanaan baay’ee yaaddessadha. Deggarsa hanga yoonaa nu qaqqabe baay’ee xiqqaadha, fakkeenyaaf bishaan bottee lamaan waraabanii araddoota irratti qoodaa turan bishaan sun horiif haa hafuuti namaafu hin ga’u.  Amma botteen tokko dhaabateera, sanaan ummataa aanaa tokko guutuuf bishaan dhiyeessun waan hin yaadamneedha. Keessumaa bishaan irratti deeggarsa hatattamaa barbaanna” jedha.

“Naannawa keenyatti Roobni yeroo dheeraaf utuu hin roobiin waan tureef haroowwaan jiran hunduu goganii bishaan dhugaatii namaa fi horiillee rakkoo ta’eera.”

Abdii Ibrahim, Jiraataa Godina Harargee Bahaa aanaa Mayyuu Mulluqqee

Abdulwaasib Hahimed, jiraataan godina harargee Bahaa aanaa Mayyuu Mulluqqee, gama isaan sababa hanqina roobaan miidhan ga’aa jiru heddudha jedha. Isaan keessaa nyaatni fi bishaan beeladootaa dhabamuu fi  beelli namaa muudate isaan muraasa  keessa ta’uu hime. “Namootni harka qal’eeyyin hedduun beela hamaa keessa jiru,deeggarsi ni taasifama jechuu malee  deeggarsa taasifamus hanga yoonaa hin argine. Tarii humna xiqqaan nama muraasa yeroof waa deggaruu danda’an, sun garuu ga’aa miti amma hunduu rakkataadha,rakkoo kana jala hawaasa dandamachiisuf tumsaa fi birmannaa cimaa barbaada. Manneen barnootaa buufataaleen fayyaa  hedduun sababa hanqina bishaanitiin rakkatanii hojii dhaabuuf jiru. Hongeen bara kana hongewwaan  bara jireenya keenya keessatti argine muraasa keessaa isa hammaatadha.”jedha.

Waajjira qophaa’ina ittisa balaa aanaa Mayyuu Mulluqqee irraa yaada  kenne Adinaan Mohaammad hongeen bara kana muudate sodaa cimaa jiraattotaa ta’uu hima. Akka qorannaa isaaniitiin adda baasaanittis, keessumaa haroowwan tajaajila kennaa turan goguudhan rakkoon bishaanii cimaan muudachuu, margi dheeda beeladoota dhabamuu fi namootni beelaf saaxilaman heddummataa jiraachuu eerera.

Baatii Amajjiitti  keessa roobni  hin roobu  yoo ta’e akka aanichaatti qofa horiin kuma Kuma 100 ol ta’an, Namootni gara kuma 10tti siqan rakkoo hammataa fi beelaf akka saaxilaman hime Adinaan. Rakkoon kun akka hin hammaanneef, konkolaataan bishaan deddebisan manneen barnootaa fi buufatalee fayyaatif dursa kennuun tajaajilaa kan jiran yoo ta’u , araddoota hunda keessatti bishaan bolla gadi fagoo qochisiisuun ummata dheebuu jalaa baraaruun akka furmaatatti kan karoorfame ta’uyyuu hanga yoonaa sadarkaa qorannarra kan darbe mitis jedheera.

Godina Harargee Bahaa aanaalee gammoojjii 12 keessatti rakkoo wal fakkaatan jiraachuu himu jiraattootni. Aanaa Gola Odaa fi Cinaaksan irraa jiraattootni Addis Standarditti himanis yaaduma wal fakkaataa himu.

 Mohammed Yuusuuf horsiisee bulaa aanaa Cinaaksan jiraatu,  jireenyi isaanii irra caalaan horii irratti kan hundaa’e ta’uu fi hongeen bara kana dheeratemmoo yaaddoo jireenya isaanitti ta’uu hime. Akka inni jedhutti, “As cinaaksanitti, midhaan akka boqqolloo fi mishingaa oomishuuf jalqabnee turre. Haa  ta’uu malee roobni yeroo malee irraa caamee utuu midhaan hin godhatin hafe. Sun ammoo horiin akka nyaatanii yoona ga’an gargaarera. Amman booda garuu midhaan sunis dhumee jira, kana booda waan taanu rabbitu beeka.” jedha.

Margii fi bishaan nu biratti hedduu rakkoodha kan jedhan Mohaammad hongee bara kana dheerateen horiirra miidhaan qaqqabaa jiraachuu dubbata. “Horii baay’een dadhabanii jiru, bishaan lafa dheeraa deemaniiti kan dhugan, isaayyuu hundi hin argatu, sana biraan walitti bu’iinsi naannoo daangaa  jiru irra deeddeebin ka’a, qabeenyi ni saamamaa namni ni buqq’aa rakkoo heddutu jira. Kun ammoo akka beelaaf saaxilamnu nu taasiseera nama  baay’eetti jireenyi cimeera. Beeladootni baay’een rakkoo bishaanii fi marga dhabuu irraa kan ka’e  huuqqatanii gara gabaa geeffamanis  gatii hin baasan, Amma nami baay’een beela keessatti kufaa jira. Hanga yoonayyuu maqaa jimaaf jirra malee ummanni keenya silaa bara kana hin ba’u,ammagaa  jimaanis hongee kana dandamachuu dhabuu waan danda’uuf dhihootti hin roobu taanan  baay’ee soda qabna.”jedhe.

Waajjira  qophaa’inaa fi ittisa Balaa Godina Harargee Bahaa irraa yaada kan kennan  Tafarraa Isheetee, qorannaa baatii lamaan dura adeemsifameen rakkoon hongee aanaalee saddeet keessatti muudachuu fi deeggarsi hatattamaa akka barbaachisu barameera jedhe. Kanaafis baatii Amajjirraa hanga Waxabajjitti deeggarsi nyaata namaa, nyaata beeladootaa fi  bishaan dhugaatii akka taasifamu karoorri qabamee jira jedhe.

Bulchiinsi  Godina Harargee Bahaa  Miskii Mohaammad  gama isheetiin hongeen amma muudate ammatti miidhaa kan geessise miti jetti. Fulduraaf ammoo qorannoon taasifamaa waan jiruuf bakka tumsa barbaachisutti tumsi karaa mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa akka taasifamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himte jirti.

“Haroowwaan kana dura itti fayyadamnu amma goganiiru. Warri mallaqa ga’aa qaban bishaan bitanii fayyadamu. Ani garuu bitee horiikoo obaasuuf humna hin qabu kan akka koo baay’eedha. Kanaaf rakkoo hammaataa keessa jirra”

Aliyyii Kadir,Jiraataa Aanaa Burqaa Diimtuu 

Godina Harargee Lixaa aanaalee gammojjii ta’an Akka Hawwii Guddinaa, Burqaa Diimtuu,  Gumbii Bordoddee fi Mi’eessottis hongeen wal fakkaataan miidhaa qaqabsiisaa jiraachuun himamee jira.

Jiraataa Aanaa Burqaa Diimtuu  Aliyyii Kadir “Rakkoo bishaanii irraa kan ka’e loon lama utuu bishaan barbaadanuu hallayyaa bu’anii na jalaa du’an namnillee akkasuma dheebuu keessa jira. Yeroo hedduuf bishaan isiniif gala jedhamee maallaqni nurraa funaanamus, sababa baay’isaniituma hanga yoona hin galle. Haroowwaan kana dura itti fayyadamnu amma goganiiru. Warri mallaqa ga’aa qaban bishaan bitanii fayyadamu. Ani garuu bitee horiikoo obaasuuf humna hin qabu kan akka koo baay’eedha. Kanaaf rakkoo hammaataa keessa jirra.” jedhe. Amma baqqachuu qofatu nu hafe qaamni nuti itti hin iyyatin hin jiru garuu furmaata dhabne jechuun haala jiru ibse Aliyyiin.

Aanaa Burqaa Diimtuutti barsiisaa mana barnootaa sadarkaa jalqabaa kan ta’e  Lalisaa Kumaa  sababa hongeetiin manneen barnootaa keessatti yeroodhaa gara yerootti harcaatiin barattootaa hammachuu dubbate. Sababa maatiin margaa fi bishaan barbaada godaananiif barattootnis barnoota adda kutuuf dirqamu. Hanqinni bishaanii manneen barnootaa keessa jiranis manneen barnoota hedduun qaboo yaa’ii qabachuun manneen barnoota akka cufamaniif mariirra akka jiran hime.

Hojjataa mootummaa Aanaa Hawwii Guddinaa Abdurramaan Riyaad,haalli hongee aanicha jiruu fi rakkoon bishaan dhugaatii hedduu ulfaataa ta’uu fi rakkoo fala dhabe ta’uu dubbata. “Amma Bishaan lagaa qulqullina hin qabne liitirri digdamni birrii 25 hanga 30tti gurguramaa jira sanaaniyyuu yeroo itti dhabamee dheebuun hawaasni miidhutu jira. Haalli ittiin konkolaataa bishaan waraabu ( bottedhan) deddeebisuuf yaalame jira sun garuu waan ulfaatadha. Konkolaataa tokko yookan lamaan lafa fagoo irraa deddeebisuun fedhii bishasn jiraattota aanaa tokkoo rakkoo hongee jalaa ni dandamachiifna  jechuun waan hin fakkaannedha.”jedha.

“Konkolaataa tokko yookan lamaan lafa fagoo irraa deddeebisuun fedhii bishasn jiraattota aanaa tokkoo rakkoo hongee jalaa ni dandamachiifna  jechuun waan hin fakkaannedha.”

Abdurramaan Riyaad, Hojjataa mootummaa Aanaa Hawwii Guddinaa

Akka godina Harargee lixaatti, akkataa qorannaa isaanitiin miidhaa hongeen nyaata beeladaa fi namaa akkasumas hanqina bishaanitiin muudachuu danda’u adda baasuun  deggarsi taasifamaa  jira kan jedha bakka bu’aan bulchaa Godinichaa Eeliyaas Abdi. 

Eliyaas nyaatni beeladootaa aanaalee sadi hongeen itti hammaatetti taasifamaa jira jedha. Haa ta’uu malee deeggarsi jiru ga’aa akka hin taane dubbatu jiraattotni. Qorannoon kan adda ba’an keessaa akka Harargee lixaatti namootni  kuma 400 ta’an rakkoo hanqina nyaataf saaxilamu akka danda’an, hanqinni bishaanis namaa fi beeladoota hedduu muudachuu akka danda’u fi hongeen kun kan itti fufu yoo ta’e yaaddoo guddaa isaanii ta’uullee himee jira Eliyaas.

Sababa hongee Afrikaa bahaa keessymaa Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti muudateen beeladoota kuma dhibbaatamaan lakkaa’aman ajjeesuun akkasumas midhaan balleessuu fi  namoota hedduu beelaaf saaxilamuun namootni miliyoonotaan lakkaa’aman gargaarsa atattamaa akka barabaadan gabaafameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.