Xiinxala: Qaala’insi gatii namoota galii dhaabbataa qabaniif ba’aa ta’e

Geetahun Tsaggayee tiin

Finfinnee, Amajjii 15/2022- Abbis Geetaachoo qorataa diinagdee qaala’insa Itoophiyaa keessa jiru irratti qorannoo gaggeessa ture.  Qaala’insi gatii dhiibbaa guddaa kan uumu namoota galii dhaabbataa qaban  hojjattoota mootummaa, sooramtoota fi namoota galii xiqqaan hojii yeroo gabaaba hojjatan irratti jedha Geetaachoon. Akka inni jedhutti kutaan hawaasa kun qaala’insa gatiitin baay’ee miidhama. “Gatiin bu’uuralee jireenyaa baay’ee dabalaa deemaa jira. Galiin isaanii dhaabbataa waan ta’eef jireenyi isaanii baay’ee ulfaata ta’a.” jechuun ibsa. 

Raabiyaa Yeesuf, hojjattuu Ministeera qonnaati, gatiin Xaafii, Qullubbii,Dinnicha fi Timaatimaa hedduu dabalee jetti. “Baatii Onkoloolessa gatiin Xaafii kilogiraaman birrii 56 ture Sadaasa birrii 59 ta’e. ” Itti dabaluunis “Gatiin Qullubbii qarshii 20 ture amma qarshii 35 ta’e.” akkataan gatiin ittiin dabalaa jiru nama yaaddessa jetti. 

Eenjansiin giddugala Istaatistikii gabaasa dhiyeenya kana baaseen qaala’insi waliigalaa kan baatii Sadaasa harka 25.5 dabale. Akka gabaasa kanaatti wantootni nyaataman qaala’insa guddaa harka 30.1 galmeesisan. Wantootni hin nyaataaf hin oolle ammoo harka 19.4 dabale. Qaala’insi kun baatii Sadaasa 2020 wal bira qabamee madaalame. Gabaasni Eejansichaa kan ji’oota kudha lamaa, qaala’insi biyyatti keessa jiru guddaataafi yeroo dheeraaf kan itti fufu ta’uu mul’isa.

“Gatiin bu’uuralee jireenyaa baay’ee dabalaa deemaa jira. Galiin isaanii dhaabbataa waan ta’eef jireenyi isaanii baay’ee ulfaata ta’a.”

Abbis Geetaachoo, Qorataa Diinagdee

Akka gabaasa Eejansichaatti qaala’insi waggaa gara waggaa baatii Sadaasa 2021, %33 yoo ta’u baatii Sadaasa 2020 qaala’insi gatii wantoota nyaatamanii %38.9 ture. Qaala’insi baatii gara baatii Onkoloolessa 2021 irraa %0.6 gadi bu’e. Haata’u malee qaala’insi wantoota nyaatamanii %1.7 hir’isee jira.

Akka gabaasa Eenjansiin giddugala Istaatistikiitti Baatii Sadaasa keessa gatiin midhaanii, kuduraa fi muduraa hir’isee jira. Akkasumas gatiin zayitii,mi’eessituu fi bunaa yoo hir’isuu dhugaatiin alkoolii hin qabne ammoo gatiin dabalee jira.

Qaala’insi gatii jiruu fi jireenya irratti dhiibbaa guddaa qaba. Dhibbaa kanaan hedduu kan hubaman ammoo hojjattoota mootummaa kangalii dhaabbataa qabani. Addis Standard hojjattoota mootummaa fi dhaabbata dhuunfaa qaala’insa gatiin ilaalchisee dubbisee jira.

Sisaay dhaabbata dhuunfaa keessa hojjattii. Qaala’insi jireenyaa baay’ee akka ishee yaaddesse dubbatti. Adeemsi gatiin ittiin dabalaa jiru nama rifachiisa jetti. “Onkoloolessa keessa gatiin Burtukaana kilogiraamiin tokko birrii 40 ture, amma birrii 75 ta’eera. Kana booda dandeenyee waan isa bitnu natti hin fakkaatu.” jechuun qaala’insa jiru ibsiti. 

Ayyalaan hojjataa mootummaa magaalaa Finfinnee jiraatu, yaaddoo guddaa kan natti  ta’e kiraa manaati jedha. “Ammaaf mootummaan labsii waan labseef warri mana natti kireessan gatii hin daballe. Yeroon labsii yoo dhumate gatii kiraa natti dabalu jiedheen shakka.” Qaala’insi gatii fi guddinni miindaa akka wal hin gitne “Miindaan koo guddachaa hin jiru, gatiin kiraa manaa garuu saffisaan dabalaa jira.” jechuun ibse.

Tinsaa’een hojjataa mootummaa koondominiyeemii ekkaa Abbaadoo jiraattu. Mana abbaa ciisicha lama keessaa jiraachuu kan ibsite Tinsaa’en “Kana dura ji’aan birrii 6,500 kaffalaa ture. Waahiloonni kiyya walloo irraa baqatan mana walfakkaataf birrii 7,500 gaafataman.” itti dabaluunis “Erga buqqaatotni gara qe’ee isaanitti deebi’uu jalqabanii gatiin kiraa gadi bu’aa jira.” jette.

“Miindaan koo guddachaa hin jiru, gatiin kiraa manaa garuu saffisaan dabalaa jira.”

Hojjataa mootummaa

Meeron Anteneh ammoo dhimmaa kaffaltii mana barnoota dhuunfa irratti jabeessitee dubbatte. Ilmi ishee kutaa tokko baratu waggoota sadan darbaniif mana barumsaa tokko keessa turu kan ibsite Meeron. “Waggaa darbe ji’a saditti birrii 4000 kafflalaa ture, bara kana birri 6100’n kaffalaa jira. Kana jechuun waggaatti birrii 8,400 dabale jedhuudha.” jetti. Itti dabaluunis “Gatii mana barumsaa hanga kana kanfalaa anii fi abbaan warraa koo dhala biraa waan godhannu natti hin fakkaatu” jette. 

Hojjattootni mootummaa Addis Standard dubbise gatii tasgabbeessuu irratti tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru gaariidha kana malees miindaan hojjattoota mootummaa otoo dabalamee jechuun abdii qaban ibsaniiru.  Tinsaa’en gama isheetiin warra daldalaniif gatii osoo hir’isanii jetti “Oomisha garaa garaa biyya keessa galchuuf baasii akka baasan nan beeka. Garuu hawaasa gargaaruuf mala otoo dhahanii gaarii natti fakkaata. ” Itti dabaluunis “Mootummaa fi dhaabbileen dhuunfaa walta’anii iddoo namni gatii humna nama madaaluun waa bitachuu danda’an osoo mijeessanii.” jetti. 

Abdii Najee daldalaadha, erga mootummaan qaala’insa gatii sirreessuuf tarkaanfii fudhatee booda ji’oota muraasa darbaniif gatiin tasgabba’aa jira jedhuun Addis Standarditti hime. Haa ta’u malee halli kun itti fufiinsa waan qabu miti jedha Abdiin. “Zayitii, aannan, daaku fi wantoota murta’anii alatti gatiin gurgurtaa dabalaa jira. Sabasni isaa warri markaatoo keessaa raabsan gatii dabalaa waan jiraniifi. Anis gatii dabaluudhan alatti filannoo biraa hin qabu.” jedha. 

Ashannafiin jiraataa magaalaa Finfinneeti, isaaf ammoo yaaddo guddaan dabaluu gatii geejjibaati. “Dabaluun gatii geejjibaa kun gatii tajaajila biroo baay’ee qaalessa jedheen sodaadha” jedha. 

Akkuma yaadatamu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gatii boba’aa ji’a Muddee sirreessuun  gatiin beenzini  liitirri tokko birrii 5 fi saantima 88 tiin dabaluun  Birrii 31fi saantima 74 tti sirreeffamee ture. Kanuma hordofee Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee gatii geejjibaa haaraa baseera. 

Tarkaanfii Mootummaa 

Waldaaleen hojii gamtaa namoota galii gadi aanaa qabaniif gatii madalawaadhan tajaajila akka dhiyeessaniif Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee birrii 500,000,000 ramaduu beeksises ture. 

Baankiin Daldala Itoophiyaa gama isaatiin birrii biliyoona dhibba tokko dhaabbilee dhuunfaa fi kan mootummaaf liqeessuuf akka karoorfate ibsee ture. Kana keessaa birrii biliyoonni 25 dhaabbilee dhuunfaaf, biliyoonni 30 dhaabbilee qonnaatii kan hfe ammoo dhaabbilee mootummaaf kan liqeeffamu ta’uu ibse. Liqaan kun diinagdee warraaqsuuf akkasumas hojii uumuu kaayyeffate. 

“Warri markaatoo keessaa raabsan gatii dabalaa waan jiraniif, Anis gatii dabaluudhan alatti filannoo biraa hin qabu.”

Abdii Najee, Daldalaa

Ministeerri Daldalaa fi Industirii Hagayya darbe qaala’insa gatii tasgabeessu oomishaalee bu’uuraa irratti mootummaan akka gargaarsa kenny beeksisee ture.  Kana malees “Gareen ministreerichaa, Federaala kaasee hanga aanaatti, namoota seeran ala gatii dabalan irratti tarkaanfii fudhachaa jira.” jedhe ibsichi. Ministeerichi qamooleen adda addaa  sababa diinagdee malee gatii dabalu fi oomishas ni kuusu jechuun komate.  Haaluuma kanaan qamoolee gochaa akkanaa keessatti hirmaatan tarkaanfi irra debii hin qabne akka fudhatu ministeerichi akeekkachiise. 

Ministeerrii Maallaqaa gama isaatiin qaala’insa gatii tasgabbeessuufi to’achuuf bittaa Qamadii kuntaalaa miiliyoona 4 fi Zayitii nyaataa Liitira miiliyoona 12.5 raawwachuu beeksise

Qorattotni Diinagdee Maal jedhu?

Tarkaanfii mootummaan gatii murteessuun fudhate yeroo gababaaf bu’aa qaba kan jedhu Abbis, mootummaan diinagdee waliigalaa sirreessuu irratti xiyyeefatee hojjachuu qaba jedhe.  

Hojjattoota mootummaaf miindaa dabaluun qaalai’insa hin furu kan jedha qorataan kun. “Miindaa dabaluun sadarkaa jireenya hojjaattoota mootummaa ta’ee namoota galii dhaabbbataa hin jijjiiru. Miindaa dabaluun haala Itoophiyaa kanaan gatiin akka dabalu gochuun diinagdee jeequu danda’a.”  mootummaan diinagdee tasagbeessuuf hin barfanne kan jedhe qorataan kun “Mootummaan ammas rakkoo qaala’insaa kana furuuf yeroo qaba. Mootummaani fi qamooleen dhimmi ilaallatu geejjiba, misooma manneen jireenyaa fi hojii gamtaa irratti xiyyeeffannoon osoo hojjatanii gaariidha. ” jedha. 

Itti dabaluunis qorataan kun mootummaan Baankii Biyyaalessaa bilisa akka godhu gorse. “Baankiin Biyyaalessaa itti gaafatammummaan isaa  Mana Maree Bakka bu’oota uummataatiif osoo ta’ee walaba ta’ee hojjata. Kunis rakkoo diinagdee jiru saffisaan akka furu isa taasisa.”

“Baankiin Biyyaalessaa itti gaafatammummaan isaa  Mana Maree Bakka bu’oota uummataatiif osoo ta’ee walaba ta’ee hojjata. Kunis rakkoo diinagdee jiru saffisaan akka furu isa taasisa.”

Abbis Geetaachoo, Qorataa Diinagdee

Waraana kaaba biyyaatti adeemsifamaa jiruun naannoolee Affar, Tigraay fi Amaaraa keessatti hanqina dhiyeessi uumuu danada’a kan jedhe Abbis “Sababa waraanatiin namootni miliyoonotaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Qabeenyi isaanii barbadaa’e jiruu fi jireenyi isaanii jeqamee jira.”jedha. Itti dabaluunis  “Dhiyeessiin nyaataa iddoo biraa irraa gara adda waraanaa deemu hanqina dhiyeessitiif sababa ta’uun qaala’insa gatii uumee jira.” jedhe. Yoo waraanni kaaba biyyattii dhaabbate qaala’insi kun akka tasgabbaa’u abdiin qaba jedha qorataan kun. Kana malees mootummaani fi qamooleen dhimmi ilaallatu qaala’insa gatii kana tasgabbeessuuf akka hojjatan waamicha dhiyeessa Abbis. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.