Beellama Gammachuu Ayyaanaa Irratti Abbootiin Seeraa Hin Argamne

Siyaanne Mokonnon tiin

Finfinnee, Amajjii 11/2022- Hoggansa Adda Bilisumma Oromoo kan ta’e Gammachuu Ayyaanaa himata manni murtii bilisa isaan baasee irratti Abbaan Alangaa ol iyyannoo gaafateen deebii laachuuf kaleessa mana murtiitti dhiyaatee ture. Haa ta’u malee abbootiin seeraa dhaddacha irratti hin argamne.

Mana murtiin erga bilisa ba’ee booda mooraa hidhaa keessa miliqfamee achi buuteen dhabamee booda, Sadaasa 29/2021 koloneel Gammachuu Ayyaanaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataatti dhiyaate.

Koloneel Gammachuun Sadaasa 29/2021 mana murtiitti yeroo dhiyaatu abukaattoon isaa quba akka hin qabne maatiin isaa Addis Standarditti himanii turan. Beellama Mudde 16/2021 fi 17/2021 irratti poolisiin koloneel Gammachuu hin dhiyeessine. Mudde 29/2021 beellama mana murtii Walii gala Federaalaa Caffee Araaraatti kan dhiyaatan Koloneel Gammachuu Amajji 10/2022 beellamame.

Beellamni kun ol iyyannoo Abbaa Alangaa Murtii manni murtii olaanaa Federaalaa, ragaalee abbaa alangaa haasaa bilbilaa waraabame, labsii 1176/2012 bu’uureffatee kufaa taasise mormee dhiyyeffate irratti deebii dhaggeeffachuuf ture.

Abbaan Alangaa labsii kun erga himatamaan shororkeessummaan himatame booda waan ta’eef manni murtii ragaalee abbaa alangaa akka fudhatu gaafate. Kana malees ragaalee namaa godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaa jiraatan sababa rakkoo nageenyaatiif dhiyaachuu waan hin dandeenyeef murteen himatamtoota bilisa taasise akka kufuu fi ragaan haasaa bilbilaa waraabame akka fudhatamu gaafate.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi himatamtootni biroo galmee Kiisii Qixxummaa jala jiran godinaalee Wallaggaa keessatti Abba Torbee leenjisuu fi miseensa ta’uun aanga’oota mootummaa ajjeesan akkasumas qabeenya barbadeessaaniiru jedhamanii himataman.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Dilbata Adooleessa 4/2020 too’annoo jala oole. Erga too’annoo jala oolee adeemsa mana murtii wal xaxaa keessa kan darbe Koloneel Gammachuu Ayyaanaa essa akka jiru osoo hin beekamin baatii hedduu ture. Yeroo ammaa kana too’annoo poolisii Federaalaa jala jira. Amajjii bara darbee koloneel Gammachuun mana hidhaa keessatti iddoo namootni itti wal lolanitti yeroo jijjiiramu yaaddoo nageenya isaatii jedhanii hoggantootni KFO Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa lagannaa nyaata eegaluun isaanii ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.