Waraanni Mariidhaan Akka Dhaabatuu; Ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa Akka Qoratamu KFOn Waamicha Dhiyeesse

Finfinnee, Amajjii 10/2022- Turtii  baatii 18tiin booda Amajjii 7/2022 hidhaa irraa hiikamuu hoggansa isaa mirkaneesse ibsi KFO har’a baase. Hidhaan hoggantoota fi miseenstota paartichaa ilaalcha  siyaasaa irratti kan hundaa’ee jedhe ibsichi. Itti dabaluunis “Qaamoleen nu hidhanis nuti yakka kamirraayyuu bilisa akka taane wallaalanii osoo hin tahin dirree siyaasaa nu keessa jirrutti haqaan nu falmanii moohuun ulfaataa akka itti tahu waan beekaniifi. Egereen siyaasa isaaniis waan isaan yaaddessuufi.” jedha. 

KFOn erga paartichi siyaasa keessaa ‘humnaan baafamee’ biyyittii keessatti gaaga’amni siyaasaa muudate jedhe. Paartichi gaaga’ama siyaasaa kanaan namoota nagaa naannoo Oromiyaa, Benishangul Gumuz, Affaar, Tigraay fi Amaaraa keessa jiraatan irra miidhaa gaheef gadda itti dhagahame ibse. Kana malees ajjeechaan Haacaaluu Hundeessaa akka qoratamu gaafate KFOn.

Adeemsi waraana leellisuu dhiisuun rakkoo jiru nagahaa furuu irratti fuulleffachuun abdii akka itti hore kan ibse paartichi  “ Qaamotni lola kana keessatti hirmaannaa taasisaa jiran hundi rakkoo dhalateef furmaatni nagahaa akka argamuuf mariidhaaf carraa akka kennan waamicha goona. Hamma gama hundaa dhukaasni guutumaan guututti dhaabbatuttis qaamni hunduu nageenya Uummataa, Qabeenya akkasumas dhaabbilee tajaajila Ummataa kennan akka tiksan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna ” jedhe.

Guutuu ibsa KFO

Hidhaa Irraa Hiikkamuu Miseensotaafi Hogganoota KFO Ilaalchisee Ibsa KennameHidhaa baatii 18tiitiin booda Amajjii 7/2022 hidhaadhaa bahuu keenya isiniif mirkaneessuu barbaanna. Ajjeechaa Artistii keenya qaalii Haacaaluu Hundeessaatti aansee hidhaan nurratti raawwatame guutumaan guututti bu’uura siyaasaa irraa kan madde akka tahe beekamaadha. Qaamoleen nu hidhanis nuti yakka kamirraayyuu bilisa akka taane wallaalanii osoo hin tahin dirree siyaasaa nu keessa jirrutti haqaan nu falmanii moohuun ulfaataa akka itti tahu waan beekaniifi. Egereen siyaasa isaaniis waan isaan yaaddessuufi. Dirree siyaasaa irraa nu dhabamsiisuufii hidhaan siyaasaa kan nurratti raawwataniif sochiin siyaasaa nuti gaggeessaa turre aangoo isaaniitii garmalee sodaachisaa waan taheefi.

Erga nuti humnaan dirree siyaasaa irraa dhiibamnee gara mana hidhaatti galfamnee booda waan hedduutu tahe. Sodaan guddaan nuti siyaasa biyya keenyaa keessatti dhalachuun ni mala jennee tilmaamaa turres ni dhalate. Abdiin Ummanni Itiyoophiyaa ceehumsa siyaasaa baroota dabran uumamerraa eegaa tures guutumaan guututti fashalaaye. Biyyattiinis haala baay’ee nama gaddisiisuun wal waraansa suukaneessaa keessa galte. Gaaga’ama siyaasaa dhalate, rakkoo hamaa Ummanni nagahaa Miiliyoonotaan lakkaawamu keessatti kufeefii rakkoo wal waraansa kanaan dhalate hunda miira gaddaa guddaadhaan hordofaa turre. Hariiroon Ummatoota biyyattii jidduu jiru burkutaawee, biyyattiinis saffisa ol’aanaadhaan gadi konkolaattee yeroo arginu mana hidhaa keessa teenyee wanti godhuu dandeenyu gadduufii guyyaan fooyya’aan akka dhufuuf hawwuufii Rabbi kadhachuu qofa ture. Keessattuummoo yakkoota suukaneessoo Sabaaf Sablammootaf Nannolee biyyattii kanneen akka Oromiyaa, Tigraay, Beenishaanguul Gumuz, Affaarifii Amaara keessa jiraatan irratti raawwatamaniin gadda guddaatu nutti dhagahame.

Gaaga’ama siyaasaa biyyattii keessatti Uumamefii balaa hamaa baatiiwwan 13n dabran keessa mudatee of duuba deebi’anii sirreessuuf yeroon isaa baay’ee barfatuun isaa waan wal nama gaafachiisu hin qabu. Haa ta’u malee, hammamuu dhiphatus, badiin biraa akka hin uumamne hambisuu, nagahaaf tasgabbii deebisanii dhugoomsuu, hawaasaf Ummatoota walitti araarsuufii biyyattii deebisanii ijaaruudhaaf carraan ni jira jennee amanna. Kana godhuudhaaf garuu qaama hundaa bira fedhii dhugaa bu’uura godhate, hirmaannaa onneef qalbii guutuun taasifamuufii murannoof kutannoo waan kana dhugoomsuu qabaachuu gaafata.

Bu’uuruma Kanaan, akka dhaaba keenyaatti

– Jijjiirraa Adeemsaa gama Mootummaatiin mul’ataa jiru, kan waraana leellisuu baroota lamaa oliif ture irraa gara rakkoo Uumame nagahaan furuu irratti fuulleffataa jiru akka tarkaanfii gaariitti fudhanna. Yaadni kunis qabatamaan gara hojii mul’ataafii irra deebii hin qabnetti geeddaramuu qaba jennees ammanna.

– Qaamotni lola kana keessatti hirmaannaa taasisaa jiran hundi rakkoo dhalateef furmaatni nagahaa akka argamuuf mariidhaaf carraa akka kennan waamicha goona. Hamma gama hundaa dhukaasni guutumaan guututti dhaabbatuttis qaamni hunduu nageenya Ummataa, Qabeenya akkasumas dhaabbilee tajaajila Ummataa kennan akka tiksan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna;

– Qaamonni alaa kamiyyuu lola biyyattii keessatti uumame furuudhaan biyyattiin nagahaaf tasgabbii yeroo kamiyyuu caalaa isii barbaachisu akka argattu shoora gaarii/ bu’a qabeessa/ akka taphatan dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna. Qaama kamiifuu deeggarsa siyaasaas tahee meeshaa kennuudhaan waraanni biyyattii keessatti akka babal’atu qaamoleen taasisan gocha akkanaa irraa akka of qusatanis dhaamsa keenya dabarsuu barbaanna. Qaama tokko cinaa hiriiruudhaan deeggarsa laachuudhaan balaaf gaaga’ama biyyattii keessatti deemaa jiru hammeessuu irra balaa dhalate kana mariidhaan akka furan dhiibbaa akka taasisan dhaamuu barbaanna. – Sabaaf sablammoonni biyyattii waamicha waraanaaf qaama kamiinuu godhamu akka balaaleffataniifii haasaaf duula jibbiinsaa gaggaffamuu kamiifuu gurra akka hin kennine dhaamuu barbaanna.

– Gaddi guddaan Ajjeechaa Artistii Jaalatamaaf Kabajamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatameen gaddi nutti dhagahame ammas kan nu keessaa belbeluudha. Ajjeechaan Haacaaluu akkamiin akka raawwatame, ajaja eenyuutiin akkka raawwatameefii kaayyoo maaliitiif akka raawwatame qorannaan bal’aanifii amanamummaa Ummataa qabu akka godhamu gaafanna. Ummanni bal’aanis tahee Maatiin isaa eenyu ajjeechaa suukaneessaa sana akka ajajeefii akka raawwate beekuuf haqa qaba. Qorannaa yakka suukaneessaa Artistii keenya qaalii sabaa irratti raawwatame siyaasessuufii irra dibaadhaan bira dabruudhaaf yaaliin godhame fudhatama kan hin qabneefii sirni haqaa biyyattii haqa Haacaaluu ifoomsuu dhiisaatii taatee halkan san taheeyyuu ifoomsuu akka hin dandeenye kan mirkaneesse akka tahetti fudhanna. Kanaafuu, akka Idil Adduunyaatti gareen walaba tahe hundeeffamee qorannaan walabaafii haqaa gaggaaffamee akka dhugaan isaa bahu gaafanna.

– Hidhamtoonni Siyaasaa biyyattii keessatti sadarkaa gubbaatii hanga jalaatti jiran, miseensonni dhaaba keenyaa, deeggartootni keenya, Hoggantootni ABO gameeyyiin, Miseensonni ABO, hidhamtoonni siyaasaa kumaatamootaan lakkaawwaan, gaazexeessitoonni, rogeeyyiin, akkasumas qaamooleen sababa siyaasaa qofaaf labsii yeroo muddamaa kanaan wal qabatee hidhaman hundi haal duree tokko malee akka hiikaman gaafanna,

– Akka dhuunfaattis tahee akka dhaabaatti qabsoo karaa nagahaa gaggeessaa turre itti fufuudhaan Mirga Ummata Oromootifii kan sabaaf sablammoota biyya kanaa dhugoomsuuf akka hojjannu irra deebisnee isiniif mirkaneessuu barbaanna. Akkuma amma duras irra deddeebiidhaan dubbataa turre rakkoo siyaasaa wal xaxaa biyya tanaa hiikuudhaaf waraanni furmaata ni taha jennee hin amannu. Yeroo nuti dubbataa turretti qaamotni hin hubatin jiraachuu malanis taatee biyyattii keessatti uumamerraa qaamonni heddduuun dhugaa nuti jedhaa turre kana ni hubatu jennee abdanna. Nagaaf tasgabbii waaraa biyyattii keessatti mirkaneessuudhaafii waliin jireenya keenya dhugoomsuudhaaf marii dhuga qabeessa sabaaf sablammoota biyyattii jidduutti gaggeeffamu qofatu furmaata fiduu dandaha jennee amanna.

Dhumarrattis,

Qaamotaafii namoota dhuunfaa ji’oota 18n dabraniif nu cinaa dhaabbatan, maatii keenya kanneen yeroo hunda fuula ifnanaatiin nu kunuunsaa turan, warreen guyyaa hunda hedduminaan dhufanii nu dubbisaa turan, hiriyyootaafii deeggartoota keenya kanneen akka nuti gadi lakkifamnuuf sagalee nuuf tahaa turan, Abukaattowwan keenya kanneen kanfaltii tokko osoo nurraa hin barbaadin gootummaafii gammachuu guddaadhaan qulqullummaa keenyaaf nuuf falmaa turan hundaanuu galanni keenya onnee keenyarraa madde isin haa qaqqabu jechuu barbaanna. Keessattuummoo Abukaattoo Seeraa keenya osoo nuuf falmuu aarsaa ol’aantuu nuuf jecha kanfale Obboo Abduljabbaar Huseeniif galata guddaa galchuu barbaanna. Ajjeechaan isarratti raawwatames gadi fageenyaan qoratamee qaamni yakka suukaneessaa sana isarratti raawwate seeraaf akka dhiyaatu gaafanna. Garee Wal’aantotaa yeroo yeroodhaan deddeebi’aa fayyaa keenya toohataa turan, keessattuummoo yeroo nyaata laganneefii yeroo kaanis kanneen irra deddeebiidhaan dhufanii tajaajila nuuf kennaa turaniif galanni keenya isin haa dhaqqabu jechuu barbaanna. Oolmaa Hospitaalli Land Markifii Hojjattoonni isaanii lubbuu keenya oolchuu keessatti nuuf oolan immoo kan bara baraan yoomuu yaadannuudha! Haa Ulfaatan! Poolisoota Federaalaafi Eegdota Mana hidhaa Qaallittiifii hojjattoota Bulchiinsa Mana Hidhaa Qaallittii kabajaafi ulfina ol’aanaa nutti agarsiisaniif baay’ee galatoomaa jechuunii barbaanna. Dhugumatti akkaataan isaan ittiin nu toohataa turan osoo manneen hidhaa biyyattii guutuu keessa jiran bira gahee maal qaba kan nama jechisiisudha! Onneerraa Galatoomaa isaaniin jechuu barbaanna.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.