Jeffiri Feeltimaan Marii Nageenyaa Irratti Aanga’oota Olaanoo Wajjiin Dubbachuuf Kamisa Itoophiyaatti Imala

Finfinnee, Amajjii 5/2022-Gaanfa Afrikaatti bakka bu’aan Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Jeffiri Feeltimaan, Kamisa Itoophiyaatti imaluun marii nageenyaa irratti aanga’oota olaanoo waliin akka mari’atu ibsame. 

Waraanni Kaaba Itoophiyaa namoota kumaatamaan lakkaa’aman galaafatee, miliyoonota ammoo qe’ee isaanii irraa buqqisee jira. Waraanni kun akka dhaabbatu Ameerikaan irra deddeebiin waamicha dhiyeessaa turte. Qaamoleen waraana kana keessatti hirmaatan wal-dhibdee jiru mariin akka hiikaniif Ameerikaan tarkaanfii adda addaa fudhachaa turteetti. Haaluma kanaan Sarbama mirga namoomaa, walitti bu’insii fi gaaga’ama jireenyaa Kaaba Itoophiyaa jiru sababeefachuun Itoophiyaa AGOA keessaa haqxe. 

Imalli erga Itoophiyaan AGOA keessaa haqamtee godhamu kun carraaqqii Ameerikaan waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabsisuuf bifa haaraan gocha jirtudha. “Jeffirii Feeltimaan Amajjii 6/2022 gara Finfinnee imaluun marii nageenyaa irratti aanga’oota olaanoo wajjiin ni mari’ata” jechuun aanga’ootni Ameerikaa imala Feeltimaan kana kan ibsan.

Kana malees dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun Ministirri Haajaa Alaa Antoonii Biliinken Mininstira Haajaa Alaa fi Walta’iinsa Addunyaa Gamtaa Emireetota Arabaa(UAE) Abdullahi Biin Zaayed Al Nahyan wajjiin bilbilaan mari’atan. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.