Mootummaan Naannoo Oromiyaa Walitti Bu’iinsa Wallagga Bahaa ‘Finxaaleyyiin Amaaraa’, Sochii Bilisummaa Uummata Gumuuz fi Waraana Bilisummaa Oromootu harka keessa qaba jedhe

Caalaa Fayyee, jiraataan Aanaa Diggaa

Finfinnee, Amajjii 3,2022- Jiraattootni Godina Wallagga Bahaa Aanaalee addaa addaa irraa humnoota hidhataniin qe’ee fi qabeenya  isaanii irraa  buqqifaman rakkoo keessa jiraachuu himu. Godinichatti sababa rakkoo nageenyaatiin namootni kuma dhibbaa fi kuma 28 caalaan qe’ee isaanirraa buqqa’uu bulchiinsi Godinichaa beeksisee jira.

Jiraattota  OBN  dubbise keessaa Caalaa Fayyee jiraataan Aanaa Diggaa isaan tokko yoo ta’an, akka isaan jedhanitti ‘Finxaaleyyiin Amaaraa’ fi Sochii Bilisummaa Uummata Gumuuz waliin ta’uun qe’ee keenya barbadeesuun miidhaa hamaaf nu saaxilan jechuun dubbatu. “Mana keenya keessa nu ari’anii, qabeenya keenya hundaa guban, horii keenyas fudhatanii kunoo harka qullaa, bakkeerra  jirra.” jedhu. Jiraattotni Aanichaa biroonis haleellaa hidhattootni kunneen jiraattota irratti bananiin, manneen jireenyaa dabalatee, oomishni isaanii hundi barbadaa’uu himu.

Jiraattootni Aanaa Guutoo Giddaa ganda Luugoos haleellaa ‘Finxaaleyyiin Amaaraa’ hidhatan isaan irratti bananiin qe’ee fi qabeenyi isaanii barbadaa’uun rakkataa akka jiran dubbatu. “Manneen jireenyaa nama dhuunfaa waajjiraalee mootummaa, manneen baaburaa fi nyaataa utuu hin hafin hunduu daaraa ta’eera.”jedhu.

“Manneen jireenyaa nama dhuunfaa waajjiraalee mootummaa, manneen baaburaa fi nyaataa utuu hin hafin hunduu daaraa ta’eera.”

Jiraataa  Aanaa Guutoo Giddaa

Akka dubartiin aanichaa tokko jettutti ammoo asiin dura qabeenya heddu horatanii akka turanii fi qabeenyi isaanii akka manneen jireenyaa mana kuusaa midhaanii, baaburii midhaan daakuu fi kanneen biroo hundi gubachuun yeroo amma harka duwwatti hafuu himti.

Jiraattootni dhalootaan saba Amaaraa ta’an kanneen buqqa’uun aanaa Xuqaa Waayyuu fi Diggaatti iddoo addaa addaa qubatanii jiran ammoo yeroo dheeraaf nagaa fi jaalaalaan uummata naannawa sanaa waliin jiraachaa turuu eeruun, Tibbana garuuWaraana Bilisummaa Oromoo(WBO, kan mootummaan shanee jedhee waamu) akka qe’ee fi qabeenya isaanirra hari’e himuu.

Dubartiin ijoollee ishee waliin baqatte jirtu tokko akka dubbattutti “Waan tokkoyyuu qabadhee manaa hin bane, uffata anarra jiru kana malee waanan jijjiirradhullee tokko hin qabu. Ijoollee  kootifuu waantin qabee ba’e hin qabu.’’ jetti.

“Mana keenya keessa nu ari’anii, qabeenya keenya hundaa guban, horii keenyas fudhatanii kunoo harka qullaa, bakkeerra  jirra.”

Caalaa Fayyee, jiraataan Aanaa Diggaa

Godina Wallagga bahaa bakka garaa garaa keessatti Sababa rakkoo Nageenya  ‘Finxaaleyyiin Amaaraa’, Gumuuzii  fi  Waraanni Bilisummaa Oromoo qaqqabsiisaniin, jiraattootni hedduun baqachuu fi qabeenyi isaaniis manca’uu kan himan Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Alamaayyo Tasfaaye, “Rakkoo nageenyaa kanaanis  namootni kuma 100 fi kuma 28 fi dhibba 200 caalaan lubbuu isaaniif baqatanii rakkoo hammataa keessa jiruu.” jedhan

Kanneen keessaa kuma 54 kan  ta’an gara qe’e issaniitti deebifamaniiru akka  Obbo Alamaayyoon jedhetti, haa ta’uu malee,  ammayyuu hidhattootni godincha keessatti rakkoo wal fakkaataa uumaan hidhatanii akka jiraan dubbachuu gabaasni OBN kan ibsu.

Godina Wallagga Bahaa Keessatti rakkoo wal fakkaatan irra deddeebiin mul’achuun gaga’ama lubbu namaa fi qabeenyarraan ga’aa turu akkasumas jiraattootni hedduun baqatanii rakkoo hammataa keessa jiraachuu Addis Standard irra deddeebiin gabaasaa tureera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.