Tasfaaye Gabra’ab Asmaraatti Awwaalame

Tasfaaye Gabra’ab

Iteenash Abarraa tiin

Finfinnee, Mudde 31/2021– Magaalaa Bishooftutti dhalatee guddaate Gaazexeessaa fi Barreessan Tasfaaye Gabra’ab. Hojiiwwan hawwatoo fi falmisiiso ta’an dhiyeessuun kan beekamu Tasfaayeen barruule 11 fi kuusaa asoosamaa lama waayiloota isaa waliin barreesse.

Tasfayeen abbaa ijoollee sadii yoo ta’u torbee darbe magaalaa Naayiroobitti umurii waggaa 53tti boqote. Itoophiyaa gara Ertiraa deebi’ee jiraachuu kan eegale Tasfaayeen waggoota dheeraaf baqatee Keeniyaa,Afrikaa Kibbaa fi Neezerland akka ture dubbata obboleessi isaa. 

Hayyuuleen og-barruu, barruuleen Tasfaaye guddina afaan Amaaraa keessatti ga’ee guddaa taphatan jedhu. Warri kuun ammoo qabiyyeen barruu isaa kalaqa hin qabu jedhu. Tasfaayeen barruu isaa keessatti dhugaa saboota cunqurfamoo mul’isa  kan jedhanis jiru. 

Kitaaba ‘YeBurka Zimita’ (Callisuu Burqaa) saba Oromoo fi Amaaraa walitti buusuuf ABUT barreessise qeeqa jedhu “Barruulee Afaan Amaaraa keessatti taatoon maqaa Oromoo qabu iddoo gaariin hin laatamu. Maqaan akka Caaltu fi Caalaa baay’inaan waardiyyaa fi hojjattu manaa godhamee barreeffama.Kanaaf namootni kitaaba kiyya irraa komii qaban maaliif akka komatan naaf gala.” jechuun deebii laate. Kana malees “ABUT wajjiin hidhata qaba. Haati fi abbaan koo lammii Ertiraa waan ta’aniif Shaabiyaadha naan jechaa turan” jedha Tasfaayen. 


Tasfaayeen barreessitootni hedduun hojii isaanii akka maxxansaniif carraa banee jira. Kitaabni isaa hunduu Afaan Amaaraatiin barreeffaman. Kitaabotni muraasni gara Afaan Oromoo fi Afaan Tigreetti hiikamaniiru. Kana malees Tasfaayeen Maqaa Oromoo ‘Gadaa’ jedhu moggaasan argate. Tesfaayee Kamisa Mudde 30/2021 Magaalaa Asmaraa iddoo awwaalchaa Haz Haz jedhamutti awwaalame. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.