Antoonii Biliinkeen Pirezidaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa waliin bilbilaan mari’atan

Antoonii Biliinkeen Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa, Pirezidaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa

Finfinnee, Mudde 29/2021-Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkeen pirezidaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa waliin dhimmoota Itoophiyaa fi Somaaliyaa, dabalatee dhimmoota waloo faayidaa biyyoota lamaanii nageenya naannichaa eegsisan irratti mari’ataniiru.

Itoophiyaa keessatti waraanni hatattamaan akka dhaabatu, dhiittaa fi sarbiinsi mirga namoomaa akka dhaabatu fi walitti bu’iinsi mariin akka furamu walii galaniiru. Jaarsummaa fi carraaqqii araara buusuu Pirezidaantiin Keeniyaataa fi Gamtaa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa Oluseengun Obaasaanjoo taasisaan Ameerikaan akka deeggartu Ministirichi ibsaniiru.

Somaaliyaa ilaalchisee, ministirichi, miseensonni hoggantoota federaalaa fi biyyaalessaa Somaaliyaa filannoo miseensota paarlamaa fi pirezidaantummaa hatattamaan goolabuu fi gochoota seeraan alaa bu’aa filannoo fudhatama dhabsiisan irraa akka of-qusatan dhaaman.

Ministirichi, uggura ministira Muummee Mohaammad Huseen Rooblee Ameerikaan akka mormitu eeruun, gareen hunduu ibsaa fi tarkaanfiiwwan ulfaataa irra akka of qusatan walii galuu himan. Pirezidaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Mohaammad Ministira Muummee Mohaammad Huseen Rooblee wiixata darbe aangoo irraa kaasuu isaa beeksisee ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.