Manni Maree Godina Addaa Saba Oromoo Hoggantoota Jijjiire

Naannoo Amaaratti Manni Maree Godina Addaa Saba Oromoo dhimmaa nageenyaa haala yerootiin walqabtee hoggantoota godinichaa jijjiire.

Humnootni Tigraay godina addaa Saba Oromoo yeroo too’atanii turanitti ajjeechaa, saamichaa fi qabeenya barbadeessaa akka turan eerame. Haa ta’u malee hoggantootni godinichaa gariin humnoota Tigraayi fi Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan Shanee jedhee waamu) deeggaranii turan jedhame.


Haaluma kanaan manni maree godina addaa Saba Oromoo wal-gahii atattamaa waamuun hoggantoota godinichaa hedduu aangoo irraa kaasee hoggantoota haaraa muudee jira. Namootni humnoota Tigraay fi Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan Shanee jedhee waamu) deeggaran too’annoo jala olaniiru jechuun Korporeshinii Miidiyaa Amaaraa gabaase.


Hoggantoonni godinichaa namoota sababa waraanatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an gargaaru fi tajaajila mootummaa addaan citee ture deebisanii eegaluuf hojjaachaa jiraachu dubbatan.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.