Joo Baayidan Itoophiyaa sagantaa AGOA keessaa haqe

Hojjattoota Paarkii Industirii
Suuraa: Korporeshinii Misooma Paarkii Industirii 

Finfinnee, Mudde 24,2021-Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Itoophiyaa, Maali fi Giinii sagantaa AGOA(African Growth and Opportunity Act) keessa haqe.Biyyootni kunneen ulaagaa sagantichaa 506A(a)(1) hin guutne jedhe. Murteen kun Amajjii 1/2022 irraa kaasee hojii irra ni oola.

Sadaasa 21, Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa murteen Itoophiyaa AGOA keessaa haquu kun namoota 200,000 ta’an kan walitti bu’insa kaaba biyyattii jiru wajjiin hidhata hin qabne madda galii ni dhabsiisa jechuun ibsa laatee ture. Ibsichi murtoon Ameerikaa kun jireenya namoota dhuunfaa  yaada keessa hin galchine jedha. 

Ibsi Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa kun erga Joo Baayidan Itoophiyaa AGOA keessaa haquu mana maree biyyatti beeskisee booda. Ameerikaan carraaqqii mootummaan Itoophiyaa ulaagaa AGOA guutuuf godhu duuka bu’uun akka madaaltus eerameera. 

Bakka buutuun Daldala Ameerikaa Kaatiriin Taahi Itoophiyaan carraa AGOA akka dhabdu akeekkachiistee turte. Walgahii Maammoo Mihiratuu,gorsaa Imaammataa olaanaa Itoophiyaa, wajjiin gooteen “Sarbamni mirga namoomaa, walitti bu’insii fi gaaga’amni jireenyaa Kaaba Itoophiyaa jiru yoo furamuu baate Itoophiyaan AGOA keessaa haqamuu dandeessi.” jettee turte. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.