Xiinxala:- Oromootni walitti bu’insa Wallagga Bahaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an dagataman

Darajjee Gonfaa tiin 

Finfinnee, Mudde 22/2021– Godina wallagga Bahaa Aanaalee adda addaa keessatti walitti bu’iinsa saba irratti xiyyeeffateen  yeroo garaa garaatti namootni ajjeefamuun, buqqa’uuni fi qabeenyi barbadaa’uun akkuma itti fufetti jira jedhu jiraattootni Addis Standard dubbise. Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa gandoota baadiyyaa Horroo Alaltu,Meexxii,Gaaddisa Odaa fi Luugoo keessatti walitti bu’insa Sadaasa darbe uumameen namootni  80,000-100,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’an.  

Walitti bu’iinsi irra deddeebiin uumamu lubbuu lammiilee galaafachuun jireenya namoota Godina Wallagga Bahaa jiraatan gaaga’aa jira. Otuma qaamoleen  Walitti  bu’insa keessa jiran quba walitti qabanii hawaasni nagaan lubbuu dhabuu itti fufee jira.  

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa walitti bu’insi Wallagga Bahaa keessatti umaama ture bifa jijjiirratee gara haleellaa jumlaa sabummaarratti hundaa’etti deemaa jiraachuun akka isa yaaddesse ibsee, Mootummaan humnootaa nagaa kabachiisaan akka ramadu gaafatee ture. 

Haa ta’u malee rakkoon kun utuu furmaata hin argatin itti fufuun ammas ajjeechaa, saamichaa fi mancaati qabeenyaa akkasumas buqqa’iinsa cimaa geessissaa jiraachuu jirattootni aanaa Guutoo Giddaa irraa Sadaasa darbe baqatan kan himan.

“Walitti bu’insi Wallagga Bahaa keessatti umaama ture bifa jijjiirratee gara haleellaa jumlaa sabummaarratti hundaa’etti deemaa jiraachuun isaa yaaddessaadha.”

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa gandoota baadiyyaa Horroo Alaltu,Meexxii, Gaaddisa Odaa fi Luugoo jedhaman keessatti  walitti bu’iinsa uumameen lammiileen hedduun ajjeefamuu fi hedduun ammoo qe’eefi qabeenya isaanii gatanii baqachuu jiraataan aanichaa  Jireenyaa Margaa  Addis Standarditti himeera.

Jireenyaan Lubbuu isaatiif sodaatee magaalaa Naqamteetti baqate. Aanaa Guutoo Giddaa keessatti waan uumame yeroo ibsu “Sababni walitti bu’iinsichaa wal xuxxuqqaadhuma adda addaatin wal-qoodinsi saba lamaan giddutti jalqabame. Finxaaleyyiin sabaan Amaara ta’an Sochii WBO’n naannawa sanatti taasisu mormuun wal waraanaa turan. Boodarrammoo uummatuma nagaa ajjeesuu fi qe’erraa buqqisuu itti fufan. Sadaasa 12 hanga Sadaasa 20/2021tti gandoota baadiyyaa 4 keessaa  jiraattota kaan ajjeesanii, kaan hari’anii, qabeenya baayyee saamanii kaanis gubani.” jedha.

Akkaataa walitti bu’insaan duraa wajjiin jiraacha turan yoo yaadatu Jireenyaan “Duraan akkuma maatitti yeroo gaddaas ta’ee gammachuu waliin hirmaataa turre. Isa akkanaa baranuma argine malee dur hin jiru.” kan jedhe jiraataan kun uummatni Oromoo fi Amaaraa waggoota dheeraaf wal danda’anii nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa turuu hime.

“Finxaaleyyiin sabaan Amaara ta’an Sochii WBO’n naannawa sanatti taasisu mormuun wal waraanaa turan. Boodarrammoo uummatuma nagaa ajjeesuu fi qe’erraa buqqisuu itti fufan.”

Jireenyaa Margaa, jiraataa aanaa Gutoo Giddaa

Dhiibbaa walitti bu’insi kun hawaasa irraan gahe yoo himu, “Walitti bu’iinsa kananis namootni baay’een gara jabummaan ajjeefamaniiru, kan achi buuteen dhabameera, qabeenya jiraattotaa saamuu fi gubuunis raawwatamee jira.” Itti dabaluunis “Gama lamaaninuu namni du’e baay’eedha, iddoo adda addaatti ajjeefamaa turan waan ta’eef nama hangami akka du’e qulqulleeffachuun ni ulfaata. Kan akka koo lubbuu ofii fi maatii ofii oolfachuuf baqatanii magaalota keessa jiran ammoo manni haa lakkaa’u.” jedha.

Dargaggoo Hayiluu Alamuu jiraataa aanaa Guutoo Giddaa maatii isaa waliin baqatee jiru. Hayiluun waan uumame yeroo ibsu,“Jalqaba ganda Luugootti dhukaasni banamee. Namni wal ajjeesuu jalqabnaan namootni carraa baqachuu argatan yeruma sana baqachuu jalqaban. Dhukaasni gara gandoota biraattis babal’achuun nama ajjeesuun, qabeenya baayyee saamuu fi  gubuun hammaannan lubbuuf baqanne.”jedha.

Miidhamuu jiraattotaa kana mootummaan xiyyeeffannoo dhoowwachuu kan komatu Hayiluun,“Dhimma kana mootummaan waan callisee ilaaluuf wallaalle. Waanti ta’aa jiru rakkoodhuma siyaasaa biyyattiiti malee uummaticha waliin duraanis  walumaan jiraachaa turre, amma waanuma haaraa argaa jirra.” jedha. 

Baay’inni namoota miidhamanii heddummaachuu kan ibse dargaggoon kun, “Inni ammaa  kuni  ammoo addaa, gandoota afur keessaatti namni tokko hin hafne. Namoota  kuma  80 hanga kuma dhibba tokkoo taanee naannoo magaalaa Ukkee jedhamutti baqannee jirra.”jedha. 

“Namoota  kuma  80 hanga kuma dhibba tokkoo taanee naannoo magaalaa Ukkee jedhamutti baqannee jirra”

Hayiluu Alamuu jiraataa aanaa Guutoo Giddaa

Qaamoleen hawaasaa hunduu walitti bu’insa kanaan miidhamaniiru. “Dubartootni, daa’immani, fi maanguddoota dabalatee namootni baay’een bakka tokkotti walitti qabamnee jirra. Waanti nyaatamu, waanti dhugamu fi waanti irra ciisan hin jiru. Qaama nuuf birmatu barbaanna.” jedha Hayiluun. 

Lakkoofsi namoota buqqa’anii kun kan naannawa inni itti baqatee jiru qofaa  ta’uu kan eeru dargaggoon kun, magaalota aanalee ollaa biraa bakka adda addaatti  haaluma wal fakkaataa keessa akka jiran hima.

Barsiftuun Mana barumsaa sadarkaa jalqabaa magaalaa Angar Guuteetti barsiiftu maqaan ishee akka eeramu hin barbaanne tokko akka jettutti ammo “Naannawa kanatti namni guyyaa guyyaan du’uun baratameera. Waanti isaa Haaloo walirratti bahuu fakkaata. Asitti namni hin du’aa achis namni hin du’aa, gidduutti uummatni akka malee miidhamaa jira. Namuu hidhateetuma yaa’a kan si gaddisiisu eenyu akka nama ajjeesuyyuu hin beekamu.’’ 

Walitti bu’insi kun baruu fi barsiisuu addaan kutuun hawaasa gaaga’aa jira jetti barsiistuun kun. “Hanga walitti bu’iinsi akkasii uumamuu ijoolleen barnoota isaanii adda kutuun maatii waliin baqatu. Manni barumsaa duwwaa ta’uuf deema, yeroo walitti bu’insi jiru tasgabbaa’e, ijoolleen mana barnootatti akka deebi’an taasifna. Xiqqoo  turee walitti bu’insi jiru hammaata. Amma itti dhiifnee keessaa baqachuuf meeshaa fe’ataa jirra.” jetti.

“Hanga walitti bu’iinsi akkasii uumamuu ijoolleen barnoota isaanii adda kutuun maatii waliin baqatu. Manni barumsaa duwwaa ta’uuf deema.”

Barsiftuu Mana barumsaa sadarkaa jalqabaa magaalaa Angar Guutee

Yaadannoo Hundarraa, koreedhaan deeggarsa namoomaa namoota  godina  Wallagga Bahaa irraa sababa nageenyaan buqqa’an qaqqabsiisuuf hunda’aanii deeggarsa ummataa qindeessaa ture. 

Akka Yaadannoon jedhutti “Haala ittiin uummatni hirmaachuun namoota rakkoo nageenyaan Wallagga bahaa keessaa yeroo garaagaraa buqqa’an deeggaran irratti  koree adda addaa uumnee. Lakkoofsa Baankii bannee hojjataa turree. Haa ta’u malee haalli nageenyaa jiru deeggarsa walitti qabame bakka buqqaatootni jiran qaqqabsiisuun ulfaataa ture.”

Karaa adda addaatiin gargaarsa dhaqqabsiisuuf yaala turuu ibsa, “Namoota achi jiran qunnamnee akka koreetti qindeessuun maallaqa walitti qabame achi erginee haala ittiin midhaan nyaataa achumaa bitanii deeggarsa yeroo qaqqabsiisan taasisaa turre.” jedha. 

Rakkoon hawaasaa hammachaa dhufus gargaarsi yarachaa adeemuun kan abdii kutachiise Yaadannoon “Hirmaannaan  namoota deeggarsa taasisaa jiranii amma akka jalqabaa miti. Namootni  buqqa’anis yeroodha gara yerootti dabalaatuma jiru. Humna  keenyaa ol ta’eera, haalli amma jiru deeggarsa namootni muraasni walitti buusaniin kan furamuu miti. Tumsa  dhaabbilee tola ooltotaa fi mootummaa barbaada.” jedha.

Jireenyaan gama isaatiin gargaarsi akka barbaachisu akkas jechuun ibsa, “Maatiin koo  walakkaa achittan gatee baqadhe. Kaan ammoo Naqamteetti ol fideera bakkuma bakka arganne taa’aa jirra. Waan qabnu hunda dhiifnee lubbuun baqanne. Waan qotanne waan hojanne hin sassaabbannee. Silaa kan badu badeera kan gubate gubateera, qaamni deeggarsa gochuu danda’uu barbaanna.”

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa fulbaana darbe baaseen mootummaa Federaalaafi bulchiinsi naannoo Oromiyaa humnoota aanaa Kiiramuutti haleellaa raawwatan dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan waamicha dhiyeessuus halli sun furmaata waaraa utuu hin argatin jiraattoota hedduu dararaaf saaxilaa jira.

“Haalli Lixa Oromiyaa jiru fedhii siyaasaan wal qabatee, baay’ee wal-xaxaa fi odeeffannoon dhufu ragaa amanamaa ta’erra qulqulleeffachuun haala hin danda’amnerra ga’ee jira.”

Imaad Abdulfattah, Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Daayirekteerri too’annoo fi qorannoo mirgoota namoomaa naannoo Oromiyaa

Walitti bu’insa Fulbaana booda muudate irratti Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa maaliif ibsa akka hin baasin kan gaafatame,Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Daayirekteerri too’annoo fi qorannoo mirgoota namoomaa naannoo, Imaad Abdulfattah odeeffannoon dhimma kana irratti nu ga’aa jira garuu hojjattoota keenya erginee, sababa isaa adda baafnee namootni meeqa akka buqqa’anii fi sarbama mirgaa raawwatame irratti  gabaasalee qorannoon deeggaraman baasuuf rakkoon nageenyaa jirutu nu danqe jedhe. 

Imaad, yeroo dhihoo asitti haalli Lixa Oromiyaa jiru fedhii siyaasaan wal qabatee, baay’ee wal-xaxaa fi odeeffannoon dhufus ragaa amanamaa ta’erra qulqulleeffachuun haala hin danda’amnerra waan ga’eef, hanga odeeffannoo qulqulluu argannutti ibsa dhimma kanaan wal qabatee baasnu xiqqeessineerra jedhe.  

Haleellaa wal-fakkaatan aanaalee Godina Wallagga Bahaa keessatti yeroo sadii ol raawwatamuu fi  haleellaa walitti fufinsaan naannawa sanitti raawwatamu kanaan namooti nagan heddu ajjeefamuu fi jiraattootni baay’een nageenya isaaniif haala rakkisaa keessa jiraachuu Addis Standard  gabaasaa ture

Rakkoo nageenyaa sanaan jiraattonni gandoota baadiyyaa Aanaalee Kiramuu, Giddaa Ayyaanaa fi Guutoo Giddaa irraa buqqa’an lakkoofsan hedduu ta’an baqatanii magaalota adda addaa keessa  deeggarsa malee jiraachuu himataniyyuu,qaamoleen mootummaa dhimmachi ilaallatu dubbisne odeeffannoo kennuuf eeyyamamoo miti.Jiraattotni yeroo ammaa kana yaaliin araara buusufi namoota buqqa’an gara qe’eetti deebisu taasifama akka jiru Addis Standard mirkaneessera.

Itti gaafatamaa waajjira hoggansa sodaa balaa Godina wallagga Bahaa Daanyee Dhaabaa, dhimma kanarratti odeeffannoo akka nuuf kennuuf qunnamnullee “Miidiyaalee Mootummaaf malee miidiyaalee dhuunfaatiif odeeffannoo hin kennuu.” jedhe. 

Bulchaa itti aanaa Godina Wallagga Bahaa Darajjee Abarraa, akkasumas Ministira Deetaa ministeera kominikeeshinii Kabbadaa Deessisaa qaaman dhuftan malee odeffannoo kennuu hin barbaannu jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.