Addis Standard Afaan sadiin tajaajila eegaluu JAKENN Publishing PLC’n beeksise

Weebsaayitii Addis Standard

Finfinnee, Mudde 20/2021– Magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu Miidiyaan beekamaan, dhaabbata JAKENN Publishing PLCtiin maxxanfamu Addis Standard, har’aa eegalee weebsaayitiin isaa afaan sadiin tajaajila kennu hojii eegalera.

Dhaabbatichi tajaajila asiin dura Afaan Ingiliziin kennu,dabalatee Afaanota Itoophiyaa keessatti bal’inaan dubbataman lama Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa itti dabaluun weebsaayitii Afaan sadiin tajaajilutti guddisee jira.

JAKENN Publishing PLC’n Barbaachisummaan tajaajila isaa afaanota heddutti babal’isuu kan madde fedhii fi gaaffii hordoftoota isaa akkasumas caaseffama waliigalaa isaa haaressuuf  karoora yeroo gabaabaa dhaabbatichi qabatee hojjataa ture irraan  kan ka’e  ta’uu ibseera.

Kanaanis JAKENN weebsaayitii isaa haaraa fooyya’e www.addisstandard.com irratti tajaajila AfaanOromoo fi Afaan Amaaraa kan Afaan Ingilizii dura ture irratti dabaluun ni dhiyeessa.

Haaluma kanaan, JAKENN Publishing PLC‘n tajaajila oduu guyyaa, xiinxala fi gabasalee bal’inaa afaanota eeraman sadeeninuu karaa maqaa miidiyaa isaa ittin beekamu Addis Standard ‘n hordoftoota isaaf ni dhiyeessa.

Gulaaltuu olaantuun Addis Standard Siyaannee Mokonnon, dhabbatichii Afaanota sadiin  hojii eegaluu ilaalchisuun, “Addis Standard akka miidiyaa walabaatti odeffannoo waqtawaa  ta’e kennuun hordoftoota biyya keessaaf sagalee haaraa ta’a. Miidiyaa walabaa keessatti sagalee addaa addaa arguun nama gammachiisa. Keessumaa tajaajila Afaan Oromoon kenninuuf hordoftoota irraa yaadoota gaariin nu qaqqabaaniiru. Kanaaf waan isaan nurraa eegan guutuuf nutis cimnee kan hojjannu ta’uu ibsuun barbaada.” jette.

Kanaa malees Siyaanneen rakkoon wal-xaxaan yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti miidiyaa walabaa muudataa jiraachuu eeruun, Addis Standard hangamiyyuu qormaatni dabalaa deemu,amanamummaa isaa,seera ogummaa fi qabatamummaa isaa tajaajila kennu mara keessatti cimsee kan itti fufu ta’uu waadaa galtee jirti.

Weebsaayitii Afaan sadiin tajaajilu eegaluu birattis,JAKENN,duudhaalee ogummaa dhaabbatichaa fi mul’ata isaa sirreessuun,naamusa isaa haala gaariin hundeeffame jabeessuu fi sadarkaa isaa kan eeggate taasisuuf, barruulee maxxansaa kan jalqabaa ta’an kanneen tajaajilootni kennaman iftoomina akka qabaatan taasisan irratti hojjatamaa jira. Barruleen kunneenis Imaammata Gulaallii JAKENN fi qajeelfamoota, kitaaba harkaa gaazexeessaa fi qajeelfamootni barruu faan keessatti argamu.

Dabalataanis Dhabbatichi falaasamni Gulaallii isaa haqa hawaasummaa irratti kan hundaa’e fi qabiyyee falaasama gulaalliitiin isa jalqabaa kan ta’e qopheessuun hawaasaaf ifa gochuuf qophii xumuraa jira.

JAKENN bifa haaraan caaseffamuu fi jalqabuu weebsaayitii afaan sadiin tajaajiluu dhaabbatichaa ilaalchisuun hoji gaggeessituu Olaantuun dhaabbatichaa fi gulaaltuu olaantuun Addis Standard duraanii Tsadaalee Lammaa kutaan Oduu Addis Stanadard baga gammaddan jette.

“Weebsaayitiin Addis Standard har’a afaan sadiin hojii jalqabe kun, qormaatawwan hojii miidiyaa Itoophiyaa keessatti baay’atan kan darbe bu’aa carraaqqii waggaa takkoo fi walakkaati. Kanneen ga’umsaa fi kutannoon hirmachaa turtan hundi baga gammaddan jechaa, bu’aa ciminaan hojjachuu keessanii hawwiin eegna.” jette Tsadaalen

Itti dabaluunis hojii gaggeessituu olaantuun,dhaabbatichaa mallattoo Addis Standard kan ta’e barruun Addis Standard, maxxanfamuu jalqabuun torban muraasa booda dubbistoota bira akka ga’uuf hojjatamaa jiraachuus eerte. Maxxansi Barruu Addis Standard Onkoloolessa bara 2016 dhaabbatee ture.

Kana malees hojiiwwaan hojjatamaa jiran keessaa tokko Yuutubii Addis Standard ta’uu kan eerte Tsadaaleen,“ Itoophiyaa keessatti haalli hojii miidiyaa miijataa ta’uu baatus, JAKENN tajaajila kennu hunda keessatti naamusa gaazexeessummaa qabatee itti fufuuf ejjannoo qaba.”jette.

Addis Standard dhimmoota hawaasummaa,siyaasa fi diinagdee irratti xiyyeeffachuun, JAKENN Publishing PLC jalatti hojjataa jiru yoo ta’u miidiyaalee walabaa tajaajila kennaa jiran muraasa kessaa isa tokkoodha.

JAKENN Gurraandhala 2011(A.L.A) abbootii aksiyoonaa lamaan kan hundeeffame yoo ta’u, miidiyaa cimina kaayyoo fi bilisummaa gaazexeessummaan beekamu Maxxansa Addis Standard kan beeksiseedha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.