Jilli Gadaa Karrayyuu achi buuteen dhabamee ture mootummaan hidhamanii namni tokko du’uu Gamtaan Abbootii Gadaa beeksise


Finfinnee, Mudde 17/2021- Abbaan Gadaa Karrayyuu fi Tuutni Gadaa Karrayyuu ajjeefamanii,namootni hedduun achi buuteen dhabamee ture mooraa waraanaa Poolisii Addaa Oromiyaa Mojo jirutti akka argaman maddeen muli’isan. Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa namootni achi buuteen isaanii dhabaman Mojo jirachuu isaanii mirkaneessan. Kana malees namoota hidhaman keessaa namni tokko akka du’es dubbataniiru. Jiraattotni Aanaa Fantaallee gama isaaniitiin erga Tuutni Gadaa Karrayyuu ajjeefamanii kaan hidhamanii boodaa dararaan hammaate jedhu.


Kana dura Tuutni Gadaa Karrayyuu Abbaa Gadaa, Abbaa Bokkuu fi hoggantootni Gadaa Karrayyuu 14,Mudde 1, 2021 iddoo Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf walitti qabamanii fudhamanii ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture. Mootummaan naannoo Oromiyaa Abbaan Gadaa Karrayyuu garee ‘shororkeessaa shanee’ tiin ajjeefaman jechuun haale. Waraanni Bilisummaa Oromoo(Kan Mootummaan Shanee jedhee waamu) gama isaatiin ajjeechaa Abbootii Gadaa humnoota mootummaatu raawwate jedhe.


Gadaa Boruu Hawaas Obboleessi Abbaa Gadaa Kadir Boruu Hawaas ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu irraatti raawwatameen gadda guddaan akka itti dhagahame ibse. Qaamoleen mootummaa warra hidhatan gargaartu jechuun Abbootiin Gadaa Karrayyuu fi uummata Karrayyuu gidirsaa akka turan eere Gadaan.
Kana malees ajjeechaan kun, ganda Haroo Qarsaa keessatti uummataan ‘miseensa Shanee baaasaa’ jechuun humni mootummaa dargaggoota shan shakkan fuudhanii deemuuf yeroo yaalan humnoota mootummaa fi uummata gidduutti walitti bu’insi uumamee ture haaloo ba’uuf akka ta’e tilmaama Gadaan. “Ofii ajjeesanii nama biraatti quba qabuun waaqa birattis nama gaafachiisa darbees kufaatii siyaasaa mul’isa.” jedha Gadaan.


Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa ajjechaa Abbootii Gadaa duuka bu’anii qulqulleeffachaa akka jiran Addis Standarditti himan. Namootni achi buuteen dhabame humnoota mootummaatiin hidhamanii akka jiranis himan. “Ajjeechaa Abootii Gadaa Karrayyuu ni balaaleffanna. Namootni kun bakka jila godhachaa jiran irraa qaban. Abbootiin Gadaa ergaa waaqaa qaba.” jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan. Itti dabaluunis “Ajjeechaa Abbootii Gadaa ilaalchisee ibsa mootummaan baase ni balaaleffanna. Qorannoon ifaa akka godhamu gaafanna.”jedhan.


Gamtaan Abbootii Gadaa fi ittaanaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Awalu Abdo dabalatee aanga’oota mootummaa wajjiin Adaamatti Marii gaggeessuu kan eeran Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaan marii kana irratti Gamtaan Abbootii Gadaa ajjechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu akka balaaleffattee himan. “Gabaasaleen wal faallessan waan bahaniif eenyu akka ajjeese adda baafachuu hin dandeenye.” jedhan.


Roobaa,sodaa nageenya isaaf kan maqaan abbaa isaa kan hin eeramne,namootni hidhaa keessa jiran Jiloo Borayyuu Hawaas kan dhaanamee du’e dabalatee namoota 23 jedha. Jiloo Borayyuu Hawaas Roobii Mudde 8,2021 du’e. Reenfi isaa guyyaa lama booda garee jaarsolii Karrayyuu badu isaa dhagahinii gara Mojoo deemaniinin argame. Haala namoota hidhaa keessa jiranii yoo ibsu “Miseensotni Waraana Bilisummaa Oromoo eessa akka jiran baasaa jedhamanii baay’ee reebamanii madaa’anii jiru. ” jedha Roobaan


Kana malees uummatni Karrayyuu ta’e jedhamee beelaaf saaxilamaa jira kan jedhu Roobaan erga Abbootiin Gadaa ajjeefamanii sochiin hundi dhaabbatee jira jedha. Magaalaa deemaanii waa bitachuun hin jiru, uummatni horsiisee bulu socho’ee nyaata fi bishaan horiif akka hin barbaanne dhorkamee jirachuu eera. “Uummatni dararaa fi hidhaa jumlaaf saaxilame jira.Namni magaalaa waa bitachuus ta’ee mana yaalaa deemu qabamee reebamee hidhamaa jira.” Dubartoota fi maanguddoo dabalatee namootni 200 hidhamanii jiru kan jedhu Roobaan “Namoota hidhamanii jiraniif nyaata geessanii gaafachuun hin danda’amu. Namootni baay’een maatiin isaanii du’anii fi jiraatanii hin beekan.”jedha.


Waraanni Bilisummaa Oromoo(WBO) aanicha keessa jiraachuu kan gaafatame Roobaan “Mootummaan WBOn Fantaallee keessa akka socho’u ni dubbata garuu nuti waanti argine hin jiru.” jedha. Gadaanis “Uummatni Karrayyuu gara mootummaas gara WBOs hin jiru. Ajjeechaan Abbootii Gadaa kun Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa wajjiin wal fakkaata.” jechuun yaada Roobaa cimsa.


Mootummaan naannoo Oromiyaa namoota hidhaman Mudde 16,2021 hiikuuf waadaa akka gale kan hime Roobaan ajjeechaa kana aanga’ootni olaanoo quba akka hin qabne tilmaama. Yaada Abbaa Gadaa Goobanaa kan gabbise Roobaan “Aanga’ootni mootummaa ittaanaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Awalu Abdo dabalatee araara buusuuf maanguddoota waliin dubbachaa jiru.” jedha.


Roobaan humnootni mootummaa WBO haleeluuf naannoo sanatti ergaman uummata keessaa akka baafaman gaafata. “Uummatni hundi ‘shanee’ jedhamuu hin danda’u.Namoota nagaa hidhuu fi dararuun mootummaa fi uummata daran addaan fageessa” jedha.


Ittaanaa Pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Awalu Abdo gama isaatiin maanguddoota wajjiin mari’achuu haaluun gaaffii kana gara Komishinii Poolisii Oromiyaatti geessaa jedhe. Komishiinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasas qaaman malee yaada hin kennu jechuun deebii laatan.


Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo yaada isaa kana dura namoota badan uummata wajjiin barbaadaa jirra jedhu haaluun waa’ee namoota achi buuteen dhabamee quba hin qabu jedhe. Waa’ee namoota Mojotti hidhamanii jiranii yoo gaafatamu “Namni bade hin jiru. Ani waa’ee kanaa omaa hin beeku”jedhe.

Hiikamuu namoota hidhamanii qulqulleeffachuuf jiraattota Aanaa Fantaallee kan dubbise Addis Standard hanga gabaasni kun qindaa’etti namni hiikame akka hin jirre mirkaneeffate.


Komishiinin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fageenya irraa ragaa walitti qabaa jiraachuu fi garee qorattootaa erguun ragaa dhugaa akka walitti qabu Addis Standarditti hime. Yaaliin Addis Standard Itti gaafatamaan waajjira Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa, bulchaa Aanaa Fantaallee fi Ajajaa Humna Addaa Oromiyaa Komishinar Dachaasaa Bitimaa dubbisuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.