Manni Maree Minstirootaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa akka hundaa’u murteesse

Finfinnee,Mudde 13/2021-Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 2ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen labsii wixinee hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti mari’achuun murtoo dabarse.

Ibsa waajjirri Muummichi Ministiraa Abiy Ahimed baaseen Mootummaan filannoo marsaa 6ffaaf dhimmoota biyyaalessaa raawwachuuf waada galee keessaa marii biyyaaleessaa hunda hammate gaggeesssuun waliigaltee biyyaalessaafi dhimmoota biyyaarratti ejjennoon waloo akka jiraatuuf hojii hojjetaman keessaa isa tokko ta’uu yaadachiisee.

Kanuma irratti hundaa’udhaan dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaa jedhaman irratti hayyoonni yaada siyaasa gara garaa qabatanii turan tokkummaa biyyaalessaarratti ejjennoo ummata walitti fiduu akka qabatan taasisuuf, marii biyyaalessaa hunda hammate hojiirra oolchuuf qaama walabaa ta’een akka durfamufi gurmaa’uu hundeessuun barbaachisaa ta’ee argamuusaatiin wixineen labsii Komishiniin Marii biyyaalessaa Itoophiyaa qophaa’uun Mana Maree Ministirootaaf murtoof dhiyaateera.Manni Maree Minstirootaa labsii wixinee hundeeffama dhiyaate irratti erga mari’atee booda galteewwan barbaachisan itti dabaluun akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka dabarsu murteesseera jedha ibsichi.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.