Hongeen Booranaatti muudate Ji’oota Afuriin dheerachuu danda’a

Finfinee, Mudde 13/2021-Hongeen Booranaatti muudate ji’oota afuriin dheerachuu danda’a. Kanaaf gargaarsi looniif godhamu cimee itti fufuu qaba jedhe Bulchaan Godina Booranaa.

Hongee muudate ilaalchisuun turtii Eejensii Pireesii Itoophiyaa waliin godheen Bulchaan Godina Booranaa Jaarsoo Boruu, Booranaatti roobni hanga ammaatti hin roobne jedhe. Kunis hongee muudate ji’a afuriif ni dheeressa jedhe.

Gargaarsa mootummaa fi dhaabbilee birootiin lubbuun namaa baraaramus hanqinni nyaata loonii fi bishaanii horii irratti miidhaa fidaa jira. Hanga ammaatti hongee kanaan beeladootni fi bineensotni kuma 84 ta’an du’an, kumni 100 ol ammo haala yaaddessaa keessa jiru jedha bulchaan godinichaa.

Sanyiin beeladoota fi bineensota Booranaa qabeenya biyyattii waan ta’aniif Mootummaan naannoo fi Federaalaa xiyyeeffannoo guddaa gochuu akka qaban ibse.

Madda: EPA

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.