Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Ol iyyannoo abukaattota Jawaar faa fudhatee kan Abbaa Alangaa kuffise

Finfinnee, Mudde 4/2021- Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa lammaffaan oolmaa kaleessatiin Ol iyyannoo abukaattota Jawaar faa fudhatee kan Abbaa Alangaa kuffise. Murtiin kun kan kenname Sadaasa 17,2021 Abukaattotni Jawaar Mohaammadfaa fi Abbaan Alangaa Mana Murtii Waliigalaa Federalaa Dhaddachaa Ijibbaataatti ol iyyannoo erga dhiyeessaanii booda.

Adoolessa darbe himatamtootni afur galmee Jawaar Mohaammadiin waamaman, Jawaar, Baqqala, Hamzaa fi Dajaneen ajjeechaa jumlaa, qabiinsa hidhamtootaa badaa fi ajjeechaa seeraan alaa mormuun mana murtiitti akka hin dhiyaannee ibsanii turan.Adoolessa 28,2021 Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti, Dhaddachi Yakka Shororkaafi Dhimmoota Heeraa 1ffaan, ragaleen abbaa alangaa bakka himatamtootni hin jirreetti akka dhagahamu murteesse ture.

Ol iyyannoon abukaattota murtee Manni Murtii Federaalaa Olaanaa himatamtootni afur bakka hin jirretti ragaaleen Abbaa Alangaa haa dhagahamu jedhu mormuuni kan dhiyaate. Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa lammaffaan oolmaa kaleessatiin himatamtootni bakka aragamanitti ragaaleen Abbaa Alangaa akka dhagahaman murteesse.

Abbaa Alangaa gama isaatiin murtee Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ‘ragaleen Abbaa Alangaa golgaa malee ragaa haa bahan’ jedhu mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federalaa Dhaddachaa Ijibbaataatti ol iyyannoo dhiyeessan.Oolmaa kaleessatiin Murteen ‘ragaleen Abbaa Alangaa golgaa malee ragaa haa bahan’ jedhu nageenya ragaalee kiyyaa yaada keessa hin galchine jechuun Abbaan Alangaa mormee ture.

Haa ta’u malee Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa lammaffaan ol iyyannoo Abbaa Alangaa kuffise. Haaluma kanaan manni murtichaa komii Abbaan Alangaa dhaddacha irraa hafuu Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaane fi Dajanee Xaafaa dhagahuuf Mudde 15,2021tti beellama qabate. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.