Abbaan Gadaa Karrayyuu fi Tuutni Gadaa Karrayyuu ajjeefaman, namootni hedduun achi buuteen dhabame

Suuraa: Visit Oromia Jiloo Diidoo(Korma Garaa Hidhe)

Finfinnee, Mudde 03/2021– Mootummaan naannoo Oromiyaa Abbaan Gadaa Karrayyuu garee ‘shororkeessaa shanee’ tiin ajjeefaman jechuun ibsa baase. Ibsi waajjirri Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa baase kun Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu ajjeefamuu mirkaneesseera.

Haa ta’u malee ragaaleen Addis Standard dubbisee waan uumame haala kanaan ibsu. Sadaasa 30,2021 ganama naannoo sa’aatii 3 Poolisiin Addaa Oromiyaa, Poolisiin Aanaa fi Milishaan godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee ganda Haroo Qarsaa deemuun uummataan ‘miseensa Shanee baaasaa’ jechuun hiraarsaa turuu ragaan Addis Standard argate ni ibsa.

Kana malees dargaggoota shan shakkine fuunee deemna jechuun humnoota mootummaa fi uummata gidduutti walitti bu’insi uumamuu Addis Standard odeeffate. Walitti bu’insa kana booda humnootni mootummaa naannoo sa’aatii 11Haroo Qarsaa irraa gara Matahaaraa deebi’an.

Mudde 1, 2021 bakka Mootoma jedhamu, kan Haroo Qarsaa irraa kilomeetira 60 fagaattutti, Tuutni Gadaa Michillee Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf walitti qabame. Mootoman bakka anga’ootni sirna gadaa qubantaniidha. Poolisiin Addaa Oromiyaa, Poolisiin Aanaa fi Milishaan dhufee namoota jila kana irratti argaman namoota 41 ta’an walitti qabanii fudhanii deeman jedha ragaan Addis Standard dubbise.

Mudde 1 galgala naannoo sa’aatii tokko namoota murtaa’an ajjeesuun darban. Bariitu isaa Mudde 2 uummanni reeffa kaafachuuf yaalii godhe garuu humnootni mootummaa uummatni akka reenfa hin kaafne ittisaa oole. Galgala keessa naannoo sa’aatii 4 uummanni reenfa kaase. “Reenfi kaafame kan namoota 14 yoo ta’u, qaamni isaanii dhaanamee bifa isaanii adda baasuun ni ulfaata. Namoota 41 qabaman keessa 14 ajjeefamaniin ala kuun eessa akka jiran wanti beekamu hin jiru” jechuun ragaan Addis Standarditti hime.

Itti gaafatamaan waajjira Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa namootni du’uu fi dhabamuu isaanii amanee jira. Kana malees walitti bu’insi humnoota mootummaafi uummata gidduu uumamee hin beeku jedhe. Itti dabaluunis Hayiluun tarkaanfiin kun hiriira deeggarsaa mootummaaf godhamee haloo ba’uuf kan fudhatamee jedhe.

Gaaffiin ragaaleen qaban garuu “Yoo Shaneen jara kana ajjeesera ta’e akkamitti Mootummaan sirna awwalchaa irratti osoo hin hirmaatiin hafe?” kan jedhu.Kana malee ragaleen Addis Standard dubbise gadda Gamtaa Abbootiii Gadaa irraa qaban akkas jechuun ibsan “Abbaan Gadaa kun Abbaa Gadaa Oromoo maraati malee Abbaa Gadaa Karrayyuu qofa miti.”

Callisuun Gamtaa Abbootiii Gadaa gaaffii nutti uume.” jedhan.Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa “Dhimma hin qulqulleeffatin irratti yaada hin kennu. Boru achi deemee nan qulqulleeffadha.” jechuun deebii laataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.