Lamiroot Kamaal Ragaa ittisaa dhiyeeffachuu akka hin dandeenye mana murtiitti himte

Finfinnee Mudde 2/2021-Laamiroot Kamaal Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Yakkaa 2ffaa Farra Shororkaa fi Dhimma Heeraa irratti argamuun ragaa ittisaa yakka ittiin himatamte of-irraa ittistu dhiyeeffachuuf har’a mana murtiitti dhiyaattee.

Haa ta’uu malee Laamiroot ragaa ittisaa dhiyeeffachuu akka hin dandeenye fi akkaataa seera ragaa abbaa alanagaatiin manni murticha murte akka kennuuf gaafatte.Laamiroot Kamaal namoota ajjeechaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa keessa harka qabu jedhamanii shakkamuun himataman 4 keessa tokko yoo taatu Sadaasaa keessa mirgi wabii eegameefi akkaataa adabbii seera yakkaa keeyyata 575 tin ragaalee ittisaa akka dhiyeeffattu manni murticha eeyyame.

Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Yakkaa 2ffaa Farra Shororkaa fi Dhimma Heeraa Sadaasa 18, 2021 Wabii birri 5000 tin akka gadi dhiifamtu ajaje.Manni murtii Olaanaa Federaalaa kun himannaa yakka Shororkessuummaa dura ittiin himatamte erga jijjirameen booda akkaataa keeyyata 113 lakkofsa 2 tiin ragaa ittisaa akka dhiyeeffattu eeyyameefi ture.Kanaanis Manni murtichaa Mudde 8,2021tti murtee kennuuf beellameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.