Xiinxala: Mootummaan Naannoo Oromiyaa Waraanaaf Gargaarsa Gurguddaa Kennu Hongee fi Beela Baalee Bahaatti Muudachaa Jiru Dhaabsisuun Itti Ulfaachaa Jira

Qarshii Raayyaa Ittisa Biyyaatiif walitti qabame
Suuraa: Waajjira Kominikeshinii Baalee Bahaa

Darajjee Gonfaatiin 

Finfinnee, Mudde 1,2021-Godinaalee Oromiyaa heeddu keessumaa naannawa gammoojjiitti hongeen beeladoota baay’ee ajjeesuu fi namoonni miliyoonaan lakkaa’amanis beelaf saaxilamuu jiraattota irraa yaadni Addis Standard ga’aa tureera. Haa ta’u malee akka hongee Booranaa xiyyeeffannoo osoo hin argatin kan hafe Hongee godina Baalee Bahaatti muudate.

Hongeefi beelli godinaalee garaa garaa keessatti otoo mul’achaa jiruu mootummaan naannoo Oromiyaa naannolee biraaf gumaachaa adda addaa gochaa ture. Kana malees mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo garaa garaatti gargaarsa hedduu Raayyaa Ittisa Biyyaatiif kennaa turuu anga’oonni ibsaa turaniiru. 

Godinni Baalee Bahaa gama isaatiin gumaacha gochaa ture. Akka midiyaan mootummaa wajjiin hidhata qabu gabaasetti Hagayya keessa jiraattoonni godinichaa re’oota 300 fi Sangoota 90 Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisuun dubartoonni godinichaa nyaata qopheessaniiru. 

Hongeen dheerachuu irraa kan ka’e beeladootni baay’een du’aniiru kaan isaanii akka malee huqqachuun lafaa ka’uu dadhabaniiru. Sababa kanaan namni waan nyaatu dhabee rakkoo hamaa keessa  jira.”

Hajii Amaan Huseen, Jiraataa Aanaa Sawweenaa

Kana malees Waajjirri  Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Aanaa Sawweenaa dhiyeenya kana Jiraattonni  Godina Baalee Bahaa Aanaa Sawweenaa  Raayyaa Ittisa Biyyaatiif qarshii Miliyoona 8 ol deeggarsa kan taasisee fi  kanaan alattis Dubartoonni aanichaa galaa gara qarshii 44000 oliitiin qopheessuun akka ergan gabaasee ture. Haa ta’u malee dhimma kana qulqulleeffachuuf yaaliin Addis Standard bulchaa aanaa fi waajjira kominikeshinii Oromiyaa dubbisuuf godhe hin milkoofne.  

Hajii Amaan Huseen, Manguddoo, Godina Baalee Aanaa Sawweenaa keessa jiraatan yoo ta’an, sababa hongee kanaan hawaasni Sawweenaa rakkoo hammaataa keessa akka jiran duubbatu. ”Hongeen dheerachuu irraa kan ka’e beeladootni baay’een du’aniiru kaan isaanii akka malee huqqachuun lafaa ka’uu dadhabaniiru. Sababa kanaan namni waan nyaatu dhabee rakkoo hamaa keessa  jira.” jedhan.

“Dargaggeessi baay’een jireenyi hammaannaan beelaan dhumuu irraa jedhanii adda waraanaa deemaa jiru. Kan amma haala rakkisaa keessa jiru fi bakka dhaqanis hin qabne  manguddoota, dubartoota fi daa’immani.”jedhu.  Fulbaana darbe keessa dargaggootni dhibba ja’a tahan  Baale Bahaa irraa gara adda waraanaa akka deeman  gabaasaaleen ni agarsiisu.

Saadam Usmaan jiraataa Godinaa Baalee Aanaa Laga Hidhaa magaalaa Beeltuu  akka Addis Standarditti himetti,“Rakkoon ammaa nutti cime rakkoo hongeen dheerachuu dabalataan  rakkoo nageenyi fi tasgabbiin  biyyattii keessatti dhabamuu bulchiinsa gaarii dhabuu waliin qal’iinsa   jireenya uumameedha.” 

“Rakkoon ammaa nutti cime rakkoo hongeen dheerachuu dabalataan  rakkoo nageenyi fi tasgabbiin  biyyattii keessatti dhabamuu bulchiinsa gaarii dhabuu waliin qal’iinsa   jireenya uumameedha.” 

Saadam Usmaan, Jiraataa Godinaa Baalee Aanaa Laga Hidhaa

Bara kana kan durii caalaa  jireenyi akka malee akka qaala’eefi gatiin midhaan nyaataa dabaluun rakkinicha caalatti ammeessuu dubbate. Kanaanis, namootni deeggarsa midhaan nyaataa barbaadanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraatuyyuu, dhaabbileenis ta’e qaamni mootummaa deeggarsa taasisaa jiran akka hin jirre eera.

Godinaaleen Baalee iddoo oomishni qonnaa baay’inaan itti oomishamu yoo ta’u, waggoota muraasaan as garuu, sababa hongeen dheerachuutin oomishni qonnaas hir’achuu fi naannawa gammojjitti ammoo beeladoitni baay’een du’aaf saaxilamaniiru. Kana malees bara darbe  weerarri Hawaannisaa muudachuudhaan marga beeladootaa dabalatee oomishaa qonnaan bultootaa irraan miidhaan qaqqabsiisee salphaa miti. Iddoowwan tokko tokkotti bara kanas weerarri hawwaannisaa kun mul’achuu jalqabeera.

Summiin weerara Hawaannisaa balleessuuf xiyyaaraan biifameen kanniisni dhumee oomishni dammaa dhabamuu fi dhibeen gaalaa muudachuun sababa biroo rakkoo beelaaf isaan saaxile   ta’uu jiraattootni dubbatan.

Hajii Amaan Huseen, Manguddoon Baalee Aanaa Sawweenaa, ”Yeroo biraa yoo rakkoon akkasii yoo muudate, hawaasni keenya dammuma nyaatee bara ba’a ture. Bara  kana garuu dammis akka durii hin jiru. kanniisni summii hawaannisaaf naqameen dhumtee, beeladootni baayyeenis miidhamanii, rakkoof saaxilamne.” jechuun raakkoo jiru ibsan.

Godina Baalee fi Baalee Bahaatti anaalee addaa addaa  keessatti homaan awwaannisaa muldhate too’achuuf summii Awwaannisaa helekoopteroota sadiin biifuu isaa Biiroon  Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Mudde 19,2013 beeksisuun  isaa ni yaadatama.

“Bara kana roobni yeroo dheeraaf utuu hin roobin turuun margi horii fi bishaan akka dhabamu taasisuun namaa fi beeladootallee miidhaa jira.”

Ahimed Hasan, Bulchaan Aanaa Daawwee Sarar

Aanaalee Godinichaa hongeen itti hammatee beeladootni baay’een nyaata fi bishaan dhabuun dhuman keessaa tokko  aanaa gammoojjii  Daawwee Sarari. Aanichatti namootni rakkoof saaxilaman lakkofsaan kuma 30 caalaan deeggarsa hatattamaa akka barbaadaan bulchiinsi aanicha beeksise.

Akka Bulchaan Aanaa Daawwee Sarar Ahimed Hasan jedhanitti “Bara kana roobni yeroo dheeraaf utuu hin roobin turuun margi horii fi bishaan akka dhabamu taasisuun namaa fi beeladootallee miidhaa jira.”

Haa ta’u malee akkataa ummatni  rakkoo kana dandamachuu danda’u irratti keessumaa namootni beelan akka hin miidhamneef  deeggarsi midhaan nyaataa akka taasifamu akkasumallee haala ittin beeladoota baraaruun danda’amu irratti marga fi  bishaan dhiyeessun danda’amu irratti hojjatamaa jiraachu himan.

Boottee bishaaniifi nyaata beeyladaa dhiyeessuuf caalbaasiin bahee gara hojitti galamuu fi fuula duratti  furmaata  waaraaf pirojeektota  bishaanii irratti hojjatamuuf karoorfamuu hima Ahimed.

Baalee Bahaa  keessatti aanaalee hongeen itti hammaate fi  hanqina roobaa qaban akka Daawwee Sarar, Daawwee Qaachan,Sawweenaa, Raayituu fi Gololcha  keessatti  rakkoo wal fakkaataan uumameera.

Hagayya keessa jiraattoonni godina Baalee Bahaa re’oota 300 fi Sangoota 90 Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasiisuun dubartoonni godinichaa nyaata qopheessaniiru. 

Godina Baalee Bahaatti roobni dhabamuurraa kan ka’e namoonni Kumni 200 fi kumni 70 ol hongeen’ miidhamuu  kan ibse Komishiniin Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaati.  Ammatti midhaan kuntaalli 6807, aanaalee Godina Baalee Bahaatti rabsamaa  jiraachuu fi  namoota 270,000 gargaaruuf hojjachaa jirachuu Komiishinarri  Itti aanaa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaafi Kaafamtoota Misoomaa  Garramoo Oliqaa kan hime. 

Bara kana hongeen Baalee Bahaa, Harargee lamaan, Gujii lamaan,  Boorana fi iddoo gammoojji birootti mul’achuun namooti miiliyoona lama caalaan deeggarsa hatattamaa kan barbaadan ta’uus eeraniiru.Mootummaan naannoo Oromiyaa hawaasa naannawa gammoojjitti hongeen miidhaman kanaaf birrii miliyoona 100 ol  ta’u ramaduun deeggarsa barbaachisuu qaqqabsisaa akka jiru ta’uunis ibsameera

Haa ta’u malee Qindeessaan Waldaa Hojii Gamataa Aanaa Sawweenaa Gammachiis Hamdashaa, rakkooon ammaa ummata Baalee muudate rakkoo birmannaa fi tumsa guddaa gaafatuudha jedha. “Namootni deggarsa midhaan nyaataa dhabani beelaaf saaxilamaa jiran yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Gargaarsi yeroo hatattamaa , rakkoo amma muudate kanaaf yaadame qaqqabaa  jiru hanga yoonaa waan as  hin geenyeef ummatni yaaddoo guddaa keessa  jira.” jedha Gammachis.

“Deeggarsichi gahaa miti, kan namoota muraasa qofaaf taasifamee malee kan rakkoo hammaataa ummatatti dhufe irraa bayyanachiisu miti.”

Arbii Huseen,Jiraataa Aanaa Daawwee Sarar

Aanaa Daawwee Sararitti namoota sababa hongee kanaan deeggarsa eeggataa jiran keessaa manguddoon Arbii Huseen isaan tokko,”Hongee bara kanaa kan yeroo kaanirraa waanti addaa godhu namnillee beeladootuma wajjin beelan dhumuu ga’uu isaati.” jedhu. “Haa ta’u malee deeggarsichi gahaa akka hin taane, kan namoota muraasa qofaaf taasifamee malee kan rakkoo hammaataa ummatatti dhufe irraa bayyanachiisu miti.” jedhan

Bara kana sababa jijjiirama qilleensaan hongeen irra deddeebbiin mul’achun biyyoota Gaanfa Afrikaa hubuun hanqina nyaataafi bishaaniif saaxiluu  UN ibseera. Mootummoonni Misooma Baha Afrikaa (IGAD) fi UN’tti Dhaabbatni Nyaata fi Qonnaa (FAO) miidhaa hongeen dhaqaqqabsiisu xiqqeessuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu waamicha dhiyyeessun gaanfa Afrikaa naannawa miseensonnii IGAD jiranitti namoonni miiliyoona 26 ta’an hanqina nyaataaf saaxilamuu ibsa waloo tibbana baasaniin beeksisaniiru. 

Bulchaan Godinina Baale Bahaa Aadam Qaasim hawasaa hongee muudate kana jalaa baraaruuf deeggarsi taasifamaa jiruu fi qeeqa jiraattootni kaasan irratti gaaffii gaafannee, qaamaan dhuftan malee deebii hin kennu jedhe. Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa “Addis Standard miidiyaa walabaati jennee waan hin amanneef dhimma kam irrattuu odeeffannoo hin laannu” jechuun deebii kenne. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.