Adeemsa Dhaddachaa bu’aa ba’ii qabuufi achii buuteen dhabamuun booda Gammachuu Ayyaanaa mana murtiitti dhiyaate

Suuraa: Mo’a TV

Finfinnee, Sadaasa 30/2021-Gammachuu Ayyaanaa mana murtiin bilisa bahee achi buuteen erga dhabamee baatii ja’a booda Sadaasa 29,2021 mana murtiitti dhiyaate. Erga too’annoo jala oolee adeemsa mana murtii wal xaxaa keessa kan darbe Koloneel Gammachuu Ayyaanaa essa akka jiru osoo hin beekamin ji’a booda mana murtii waliigalaa Federaalaa dhaddacha ijibbaataa irratti dhiyaate.

Qondaalli ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Dilbata Adooleessa 4,2020 erga gara biyyaatti deebi’ee to’annoo jala ooluun, baatii tokkoo booda Hagayya 07 Mana Murtii aanaa magaalaa Sulultaatti dhiyaate.Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, dabalatee namootni siyaasaa Dr Shuggux Galataa, Mikaa’el Booran fi barattoota yuunivarsiitiiwwan addaa addaa namootni 11 galmee Koloneel Gammachuu Ayyaanaa jalatti warra himataman ta’uu manni murtichaa kan ibse.

Fulbaana 4,2020 ammoo namoota galmee Koloneel Gammachuu Ayyaanaa jalatti himataman namootni 24 wabii birrii 10,000tin akka bahan manni murtichaa murtee kennee.Haa ta’uu malee sababa hin beekamneen mana hidhaa keessa turuun Onkoloolessa 10,2020, manni murtii aanaa magaalaa Sulultaa qondaaltota ABO kan ta’an Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, Mikaa’el Booran, Lammii Beenyaa dabalatee namoota 10 irratti himatni akka banamu ajaje.

Sadaasa 19,2020 Namootni Galmee Koloneel Gammachuu Ayyaanaa,jalatti himataman kunneenis Mana Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaatti dhiyaachuu otoo qabanii Koomishiniin Poolisii Oromiyaa hidhamtoota kanneen mana murtiitti osoo hin dhiyeessin hafe. Abbaa Alangaas gama isaatiin namoota kan irratti yakka isaan himachiisu waan irratti hin argaminiif,akka hiikamaniif beellama torban lamaa kennuus, komishiiniin Poolisii Oromiyaa garuu hidhamtoota kanneen gadhiisuus ta’ee beellama mana murtiittis dhiyeessaa hin turre.

Sadaasa 23,2020 Manneen murtiin bilisaa ta’ee akka gadhiifaman ajajni darbus, Abbaan Alangaa, galmee isaanii erga cufee booda namoota ja’a waliin baatii tokkoof achi buuteen isaanii erga dhabamee booda, Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Caffee Tumaatti (Lidataa) argamutti Koloneel Gammachuun kophaa isaa dhiyaate. Himata kanaan dura himatamee bilisa jedhameen ammas Mana Murtii Oolaanaa Federaalaatti deebi’ee himatame. Mudde 9,2020 ammoo Namoota Galmee Koloneel Gammachuu Ayyaanaa jalatti himataman irratti Manni Murtii Ragaa golgaa duubaa dhageeffachuuf beellamuus Koloneel Gammachuu Ayyaanaa irratti ragaa baatotni Golgaa (Maggarrajaa) duubaa utuu hin dhiyaatin hafe.

Amajjii 15,2021 Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee hidhamtoonni galmee Kiisii Qixxumaa jala jiran mana Murtii Federaalaatti dhihaatanii turan. Koloneel Gammachuu Ayyaanaa mana murtii Murtii Aanaa Magaalaa Sulultaatin biliisa ba’anis Koomishii Poolisii Oromiyaatiin too’atamuun gara Federaalaatti dabarfamee , mana hidhaa Qiliinxootti galmee yakkaa jalqaba ittiin himatamee tureen himatame. Sanaan boodas mana hidhaa Qilinxoorraa baafamuun bakka hin beekamne geeffame Koloneel Gammachuun dhaddachicha irratti waamichi nu waliin hojjadhuu gama mootummaan taasifamuufi mana murtichaa yaadachiisun,waamichaa taasifameef fudhachuu diduu irraa kan hafe yakka dalage akka hin qabne dubbatee ture.

Kana malees hidhamtoota waliin himatame kan mana hidhaa Qiliinxoo jiran gidduutii baafamee, mana hidhaa Qaallittii bakka namoota yakka ajjechaa raawwatanii hidhamanii jiran gidduutti hidhamuun isaa lubbuu isaaf sodaachisaa ta’u mana murtiitti himus manni Murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa Amajji 25 A.L.H bulchiinsi Mana hidhaa Qiliinxoo sababa Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabarsee mana hidhaa Qaallittiitti kenne ragaa barreeffamaatiin akka dhiheessu ajajee.

Kana boodas, Manni murtii olaanaa federaalaa dhaddachi Lidataa Caamsaa 17,2021 namoota galmee Kiisii Qixxumaa jalatti himataman Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee 12 bilisaan akka gadhiifamaniif ajajee. Haaluma kanaan manni hidhaa qaallittii Caamsaa 18,2021 koloneel Gammachuu Ayyaanaa dabalatee namoota 9 gadhiisee akka ture abukaatoonni isaani miidiyaaletti himan.

Haa ta’u malee namootni kunneen mooraa mana hidhichaa keessaa akkuma bahaniin osoo maatiidhaan wal hin qunnamin qaamoleen nageenyaa mootummaan fudhatamuu fi eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu abukaattoon isaanii Addis Standarditti himee ture. Akka miseensi maatii Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Addis Standarditti himanitti “Himata baatii jaha dura bilisa jedhameen deebisanii ol iyyannoo irratti dhiyeessan.”

Koloneel Gammachuun mana murtii waliigalaa Federaalaa dhaddacha ijibbaataa irratti dhiyaate.Manni murtiis beellama Mudde 16, 2021tti qabe.Miseensi maatii Addis Standardi dubbise kun ibsetti Koloneel Gammachuun yeroo ammaa too’annoo Poolisii Federaalaa jala jiraachuu eeran. Kana malees dhaddacha irratti abukaattoon isaa akka hin argamin dubbataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.