Oduu: Kamiseetti namoota 300 ol WBO deeggaruun shakkamanii waggoota lamaa oliif murtii malee hidhamanii akka argaman ibsame

Finfinnee, Hagayya 12/2023 – Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo magaalaa Kamiseetti namoota Waraana Bilisummaa Oromoo ykn garee hidhattoota mootummaan “Shanee” jedhe waamu deeggaruu fi miseensa ta’uun shakkaman 330 waggaa lama oliif mana hidhaa Kamisee keessatti murtii malee hidhamanii akka argaman VOAn jiraattota wabeeffachuun gabaaseera.  

Jiraataa Godina Addaa Saba Oromoo kan ta’an Ahmad Umar yaada Sagalee Ameerikaaf kennaniin, waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa tureen walqabatee obboleewwan isaanii lama to’annoo jala oolfamanii dhimmi isaanii mana murtiitti erga dhiyaate booda bilisaan akka gadhiifaman ajajamuus, poolisiin godinichaa isaan gadhiisuuf eeyyamamoo waan hin taaneef ammallee mana hidhaa keessa akka argaman himaniiru. 

Hidhamtoota waggootaaf murtii malee hidhaatti argaman keessaa inni tokko weellisaa sirba walloo weellisuun beekamu Sa’aad Awwal argama. “Sa’aad si’a 40 ol mana murtii dhiyaatee himata irratti dhiyaate ragaa qabatamaan kufaa taasisuus, hanga ammaatti mana hidhaa keessatti argama,” jechuun maatiin isaa ni jiraattotni himaniiru.

Yeroo ammaa kana mana hidhaa Kamisee keessatti hidhamtootni 760 kan argaman yoo ta’u, isaan keessa kanneen 330 ta’an deeggartummaa fi miseensummaa Waraana Bilisummaa Oromoon shakkamanii kan hidhaman ta’uu jiraattotni VOAn dubbise himaniiru.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti waajjira damee naannoo Amaaraa dhimma kana irratti ammaaf “deebii laachuuf haala mijataarra akka hin jirre” ibsuun fuulduratti dhimmicha hordofee deebii akka laatu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.