Oduu: Rakkoon nageenyaa naannolee Amaaraa fi Oromiyaatti mudate akka isaan yaaddeessu mootummoonni biyyoota shanii ibsan

Finfinnee, Hagayya 11/2023 – Mootummoonni biyyoota Awustiraaliyaa, Jaappaan, Niwuu Ziilaand, Yunaayitid Kingidam, fi Ameerikaa ibsa waloo Hagayya 11 baasaniin rakkoo nageenyaa tibbana naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti mudachuun du’a lammiilee nagaa qaqqabsiise akka isaan yaaddeessu ibsan.

Ibsa isaanii keessatti, qaamoleen hundi lammiilee nagaa akka eegan, mirga namoomaa akka kabajan, akkasumas dhimmoota walxaxaa ta’an karaa nagaan furuuf waliin akka hojjetan dhaamuun, hawaasni addunyaa lammiilee Itoophiyaa hundaaf tasgabbii waaraa buusuuf deeggarsa taasisuu kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishiniin mirgoota namoomaas haala nageenya naannoo Amaaraa hammaachaa dhufuun yaaddeessaa ta’uu ibse ture. Qaamoleen lamaan mirgoota namoomaa akka kabajanii fi waldhabdee jiru karaa nagaan akka furanis gaafateera.

Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Teedroos Adihaanoom gama isaaniin jalqaba torbe kana keessa walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessatti hammachaa dhufe dhaabbatani isaanii daran kan yaaddeessu ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama. 

Dr. Teedroos rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate ilaalchisee barreeffama gabaabaa karaa Twitara isaanirratti maxxansaniin, “hokkara naannoo Amaaraatti mudateen daandiiwwan waan cufamaniif akkasumas tajaajilli interneetii waan adda citeef, deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi qunnamtii taasisuun ulfaataa ta’eera,” jedhan.

Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsa hidhattoota naannicha keessa socho’an (“Faannoo” jedhanii kan of waaman) fi humna nageenyaa mootummaa gidduu mudate hammaachaa dhufuun lubbuu lammiilee hedduu galaafateera. Haalli nageenyaa naannichaa hammaachuun isaa yeroof geejjiba lafoo fi qilleensaa akka addaan citu dirqisiiseera. Kana malees, kutaalee naannichaa hedduu keessatti tajaajilli intarneetii akka addaan cituus taasise ture.

Hidhattoonni Faannoo haleellaa Wiixata darbe Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa magaalaa Mandiidaatti raawwataniin lubbuun miseensoota poolisii Oromiyaa lamaafi barataa tokkoo darbuu ni yaadatama. Haaluma walqabatuun hidhattoonni Faannoo naannoo ollaa kan taatee Amaaraa irraa karaa daangaatiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessatti guyyaa Kibxata darbe Hagayya 08, 2023 raawwataniin namoota lama irratti miidhaan qaqqabbuu BBCn bulchaa aanichaa fi jiraataa wabeeffachuun gabaase ture.

Waldhabdee guyyoota muraasa booda Roobii gara galgalaa, komaand poostiin labsii yeroo ariifachiisaa magaalota hedduu walaba taasisuu ibsuun daangeeffama yeroo dabarseera. Magaalota akka Baahirdaar, Gondar, Dabra Maarqos, Shawaa Roobiitii fi Laalibalaatti Hagayya 10 eegalee tajaajilli idilee akka eegalu ajaja dabarse ture. Labsiin kun tajaajila fayyaa, aanga’ootaa fi humnoota nageenyaa malee sochiin konkolaataa fi namaa galgala sa’aatii 1:00 booda akka hin jiraanne dhorkeera.

Humnoonni nageenyaa mootummaa Naannoo Amaaraa to’achuu fi tajaajilonni idilee akka eegalan ajajni darbuu hordofee magaalonni gurguddoon naannichaa tasagabbaa’aa jiraachuu Addis Standard jiraattota wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.