Oduu: Humnoonni mootuummaa magaalota Naannoo Amaaraa to’achuu hordofee magaalonni gara sochii idileetti deebi’aa jiru – Jiraattota

Magaalaa Baahirdaar (Suuraa: Fuula feesbuukii kominikeeshinii magaalaa Baahirdaar irraa)

Finfinnee, Hagayya 11/2023 – Humnoonni nageenyaa mootummaa Naannoo Amaaraa to’achuu fi tajaajilonni idilee akka eegalan ajajni darbuu hordofee magaalonni gurguddoon naannichaa tasagabbaa’aa jiraachuu jiraattonni Addis Standarditti himan.

Jiraataan magaalaa guddoo naannoo Amaaraa, Baahirdaar, Addis Standard dubbise tokko akka jedhetti, Raayaan Ittisa Biyyaa (RIB) magaalattii guutuumaatti dhuunfachuu fi tasgabbiin bu’aa jiraachuu ibsuun, sochiin konkolaataa mul’atu garuu kan Raayyaa Ittisa Biyyaa qofa ta’uu himeera. 

Rakkoon geejjiba konkolaataa haa jiraatu malee jiraattonni magaalattii miila fi biskileetiidhaan socho’aa jiraachuu ibsuun, daandiiwwan cufamanii turaniis banamuu addeesseera.

Jiraataan magaalattii biraa naannoo “ye duroo dippoo” jedhamu jiraatu yaada isaa Addis Standarditti akka ibsetti, tajaajilli ibsaa fi hospitaalaa guutumatti eegaluu himeera. Haata’u malee, tajaajjilli baankii hamma yoonaatti hin eegaliin hafuu dabalee himeera.  

Jiraataan magaalaa Shawaa Roobiit Addis Standard dubbisees magaalittii keessatti sochiin idilee guutumatti eeegaluu himeera. Konkolaataa fi baajaajii magaala keessaa, akkasumas tajaajila geejjiba gara Finfinneetti taasifamu eegaluu himeera. Haata’u malee tajaajilli baankii akka hin eegaliin eereera.

Gabaasa Reuters guyyaa Roobii baaseen, humnoonni mootummaa magaala Gondar fi Laalibalaa to’achuu gabaaseera.

Kamisa gara galgalaa, komaand poostiin labsii yeroo ariifachiisaa magaalota hedduu walaba taasisuu ibsuun daangeeffama yeroo dabarseera. Magaalota akka Baahirdaar, Gondar, Dabra Maarqos, Shawaa Roobiitii fi Laalibalaatti Hagayya 10 eegalee tajaajilli idilee akka eegalu ajaja dabarse ture.

Labsiin kun tajaajila fayyaa, aanga’ootaa fi humnoota nageenyaa malee sochiin konkolaataa fi namaa galgala sa’aatii 1:00 booda akka hin jiraanne dhorkeera.

Waldhabdeen ture lubbuun namootaa galaafachuu gabaasonni adda addaa mul’isaniiru. Mana Maree Waloo Waldaalee Hawaasa Siivilii Itoophiyaa ibsa Addis Standardiif ergeen iddoo namoonni hedduminaan jiraatanitti haleellaan turuu eeruun lubbuu namootaa galaafachuu kan danda’u ta’uu ibseera. Waraanichi karaa nagaan akka furamu manni marichi gaafateera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishiniin mirgoota namoomaa haala nageenya naannoo Amaaraa hammaachaa dhufuun yaaddeessaa ta’uu ibsee ture. Qaamoleen lamaan mirgoota namoomaa akka kabajanii fi waldhabdee jiru karaa nagaan akka furanis gaafateera. AS

.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.