Oduu: Aanga’oonni Tigraay Sagantaan Nyaata Addunyaa Tigraayitti gargaarsa nyaataa raabsuu eegale jedhamuu haalan

Finfinnee, Hagayya 10/2023 – Miidiyaan Asoosheetid Pirees (AP) kaleessa akka gabaasetti, Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) gargaarsa naannoo Tigraayitti dhiyeessu addaan citee ture irra deebiin eegalee jedheera. Gargaarsi kun sababa himannaa hannaa gargaarsa nyaataa irratti dhiyaachaa tureen erga addaan citee baatii sadii ta’eera. Akka AFP gabaasetti, Sagantaa Nyaata Addunyaa namoota 100,000 ol ta’an aanaalee Tigraay afur keessa jiraataniif qamadii kiiloo giraama 15 kennaa jira.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Tigraay Gabrahiwoot Gabra’igzaabheer (PhD) kutaalee naannichaa tokko tokko keessatti hojiin gargaarsaa deebi’ee eegaluu isaa mirkaneessuun, haata’u malee akka gargaarsi nyaataa addaan cite ture deebi’ee eegaleetti fudhatamuu akka hin qabne Addis Standardiif himeera. “Dubbiin akka miidiyaaleen addunyaa gabaasanitti miti, kan irra deebiin jalqabe sagantaa seeftii neetiidha,” jedhe.

Akka Gabrahiwoot jedhutti, tarkaanfiin WFPn sagantaa seeftii neetii eegaluuf fudhate dogongoraan akka gargaarsa namoomaa deebisuutti fakkeeffamaa tureera jedhe. Gabrahiwoot “gargaarsi namoomaa dirqama tokkollee namoota gargaarsa fudhatan irratti kan hin fe’amne yoo ta’u, sagantaaleen seeftii neetii garuu namoota hojiiwwan mootummaa adda ta’an irratti hirmaatan kan hirmaachisudha” jedhe.

Sagantaan Seeftii Neetiin (PSNP) naannoo Tigraayitti bara 2004 irraa eegalee hojiirra kan ture yoo ta’u, namoota dhuunfaa gara miliyoona tokkootti dhiyaataniif deeggarsa taasiseera. Waldhabdee baatii Sadaasa bara 2020 mootummaa federaalaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti uumameen sagantichi yeroof dhaabbate ture.

Akka Gabrahiwoot jedhutti sagantaan kun dhiheenya kana hojiitti deebi’ee amma raabsaa isaa babal’isuun aanaalee afur godinaalee Kaaba Lixaa fi Kibba Tigraay keessatti argamanitti dhiyeessaa jira. 

Himannaa gargaarsa namoomaa dhaabbilee gargaarsa idil addunyaa irraa Itoophiyaatti dhiyaatu faayidaa hin malleef oolaa jira jedhu dhiyaachuu hordofee dhaabbileen gargaarsa gurguddoon lama, Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) fi Ejensiin Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis (USAID) gargaarsa Itoophiyaatti dhiyeessaa turan erga addaan citan baatii sadi ta’eera. Gargaarsi kunis yoom akka deebi’e eegalu guyyaan murtaa’e akka hin jirrees ibsaniiru.

Kenniinsa gargaarsaa addaan cituun kun lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa’aman balaadhaaf saaxilee jira. Keessumaa kanneen wiirtuuwwan buqqaatota biyya keessaa fi hawaasa keessummeessitoota keessa jiraatan daran miidheera. 

Akka Gabrahiwoot jedhutti, erga gargaarsi namoomaa kun dhaabbate booda, naannoo Tigraay keessa qofa sababa dhaabbachuu deeggarsa kanaan walqabatee lubbuun namoota 1300 ol darbeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.