Oduu: Kibba Itoophiyaatti naannolee haaraa hundeeffamanitti dhimmi ramaddii magaalota teessoo waajjiraalee bulchiinsaa komii kaase

Mormitoonni Godina Gaamoo ramaddii waajjiraalee bulchiinsaa naannoo Kibba Itoophiyaa morman (Suuraa: Madda AS)

Finfinnee Hagayya 10, 2023 – Jiraattonni naannoo haaraa hundeeffame Naannoo Kibba Itoophiyaa fi Godina Kambaataa Xambaarroo {kan naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa keessa jiru] wixinee ramaddii magaalota teessoo waajjiraalee bulchiinsaa dhiyaateen walqabatee mormii kaasan. 

Jiraattonni Godina Gaamoo fi magaalaa Arbaa Mincii, kan mana maree federeeshiniitiin ji’a Adooleessa keessa naannoo Kibba Itoophiyaa jalatti akka galan sagalee guutuun hundeeffaman, oduu magaalli guddoon Godina Walaayittaa kan taate Walaayittaa Sooddoon magaalaa guddittii naannichaa ta’uuf jirti jedhuun walqabatee odeeffannoo deemaa jiru mormuun hiriira bahaniiru.

Maanguddoon hawaasa Gaamoo Saadiqaa Simee jedhaman yaada Addis Standarditti kennaniin, mormiin Sanbata darbe eegale kun itti fufuun Kibxata darbe jiraattonni magaalaa Arbaa Mincii mana jireeenya isaaniitii osoo hin bahiin oolaniiru jedhe. Iddoowwan garaagaraa gabaa beekamaa “Bubuu Meedaa” dabalatee cufamanii oolaniiru. Waajjira hundeeffamuuf deemu walqixxummaa kan hin qabne fi of fuulduras gaaffii kan kaasu ta’uu ibsuun jiraattota keessatti komii uumuu himeera. 

Jiraataan godinichaa biraa komiin jiraachuu mirkaneessuun filannoo hiree murteeffachuu yeroo godhametti Arbaa Mincii magaalaa guddoo naannichaa taati abdiin jedhu kan kennamee ture ta’uu himeera.  Akkaataa jiraataa kanaatiin, murtee sanada miliqee bahe kana irratti jiru kun “seenaa fi aadaatiin dogoggoradha” jedheera. 

Hiriirri adeemsifame kan nagaa ta’uu ibsuun, haata’u malee aanaa Qucaa magaalaa Salaam Barriitti jiraataan tokko dhukaasa poolisitiin ajjeefamu maddeen lamaanuu mirkaneessaniiru.

Mormii kana ka’e hordofuun, bulchaan Godina Gaamoo Birhaanuu Zawdee rogeeyyii fi maanguddoo godinichaa wajjiin dhimmicharratti mari’achuu waajjirri kominikeeshinii godinichaa beeksiseera. Marii taaasifameen naannicha keessa magaalli guddoon tokko qofa osoo hin taane magaalonni jaha kan hundeeffaman ta’uu Birhaanuun hirmaattota marichaatti himeera. Magaalonni jahan kunneen karaa saayinsaawaa fi walqixxummaadhaan kan filataman ta’uu ibseera.

Godinni Gaamoo ibsa kana haa baasu malee, jiraattonni Hagayya 10, 2023 irratti mormii gochuuf qophaa’uu Addis Standard’ttti himaniiru. 

Naannoon Kibba Itoophiyaa kan Walaayyittaa, Oomoo Kibbaa, Geede’oo fi Gofaa fi aanaa addaa shan (Burjii, Baaskeetoo, Alee, Ammaarroo fiI Daraasheee kan of keessa qabu yoo ta’u naannoo 13 ta’uun filannoo hiree murteeffachuu Guraandhala 06, 2023 gaggeeffameen ijaarame.  

Haaluma wal fakkaatuun, godina Kambaataa magaala Duraameetti haala hundeeffama magaala guddoo naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatiin walqabatee mormiin adeeemsifameera.  Haadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa, Xambaarroo, Silxee fi aanaa addaa Yamii haala hundeeffama magaala guddoo akka geeddaramuu sagalee isaanii dhageessisuu mormaniiru.

Qondaalota olaanoo Saba Sablammootaa fi Ummatoota Kibbaa Sadaasaa eegalee Piroojektiin kana irratti mari’achaa turaniiru. Haa ta’u malee, wixinee miliqe bahe akka mul’isutti murteen kuni godina tokko deeggaruun kan raawatameedha jechuun keessumaa jiraattonni godina Kambaataa Xambaarroo mormaniiru. 

Hirmaataa mormichaa fi gaggeessa dargaggootaa kan ta’e Alamaaw Laggasaa Addis Standard’tti akka himeetti, godina Kambaataa magaala Duraamee keessatii muddamni jiraachuu ibseera. 

Magaala Duraameetti Jimaata darbe hiriirri mormii guddaan turuu ibsuun sambata irra immoo mana jireenyaatiin osoo hin bhain dabarsuun mormichi itti fufeera jedhe. Akka jiraataa kanaatti, godina Kambaataatiif biiroo tokko kennuu fi godina Haadiyyaa magalaa Hosaanaa magaala guddaa naannichaa akka taatu wixineessuun komii kaasuu ibseera. Kana malees, sababa hiriira mormii kanaan walqabatee too’annoo poolisii jala galuun sarbamuu himateera. 

Yaaliin Addis Standard qondaalota naannichaa argachuuf taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.