Oduu: Haleellaa hidhattootni Naannoo Amaaraa ‘Faannoo’ Aanaa Fantaalleetti raawwataniin namootni lama miidhaman 

Finfinnee, Hagayya 10/2023 – Hidhattoonni Faannoo naannoo ollaa kan taatee Amaaraa irraa karaa daangaatiin Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessatti guyyaa Kibxata darbe Hagayya 08, 2023 raawwataniin namoota lama irratti miidhaan qaqqabbuu BBCn bulchaa aanichaa fi jiraataa wabeeffachuun gabaaseera.

“Naannoo Irraan Buutee irratti jarri hidhattoota Faannoo uummata eeggatanii lolan. Akkasitti nama lama waraanan. Lola hamaatu ture,” jedhan jiraataan Aanaa Fantaallee Obbo Mahaammad Awwal.

Aanaa Fantaalleetti walitti bu’iinsichi iddoowwan Irraan Buutee fi Arroollee jedhamanitti uumamuu kan himan jiraataan aanichaa kun, “lafa uummataa bakka duraan ilmooleefi re’een keessa ooltu keessa seenanii dursanii iddoo qabatanii eeggatan. Ganama subii naannoo sa’aa 1:00 yoo ta’u lolli ka’e,” jedhan.

Hidhattoonni kunneen naannoo Amaaraa aanaa Minjaar Shankooraa irraa kan dhufan ta’uu kan dubbatan jiraataan kun, qaamoleen kunneen irra deddeebiin aanicharratti haleellaa raawwataa kan turan ta’uu himu. “Humna isaaniitu yeroodhaan dabalaa deema malee taateen kun waan yeroo dhiyootii as qofa ta’e miti. Warra qaataa hidhatee, uffatas of danda’aa akkuma waraanaatti qabu, kan meeshaa hidhannoo guutuu qabudha,” jedhan.

Walitti bu’iinsa guyyaa Kibxata Hagayya 08, 2023 godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee tureen namoota lama irratti miidhaan gahuu bulchaan aanaa Fantaallee Obbo Boruu Jiloo himaniiru. “Haala yeroo ammaa waliin walqabatee humna horsiise bulaa keenyaan ala humni finxaaleyyii guyyaa Kibxataa rakkoo uumee jira,” jedhan.

“Meeshaan isaan qabanii fi horsiise bulaan keenya qabus wal hin gitu. Guyyaa Kibxataas meeshaan gurguddaa dhuka’aa akka ture odeeffannoo hawaasa keenyarraa dhageenyeerra,” jechuun bulchaan aanichaa Obbo Boruun haala ture himaniiru.

Haaluma walfakkaatuunis hidhattoonni Faannoo haleellaa Wiixata darbe Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa magaalaa Mandiidaatti raawwataniin lubbuun miseensoota poolisii Oromiyaa lamaafi barataa tokkoo darbuu ni yaadatama.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee naannoo Qorkee jedhamutti bara darbe Bitootessa 29, 2022 keessa haleellaa hidhattootaan raawwatameen Komaandar Abdiisaa Ifaa dabalatee milishoonni godinichaa fi miseensoonni poolisii federaalaa 26 ta’an ajjeefamanii, 15 kan ta’an ammoo madaa’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo, haleellicha kan raawwatan qaamolee karaa seeraan alaa hidhatanii maqaa Faannootiin socho’ani jechuun Addis Standarditti hime. Haleellaa kanaan miseenstotni poolisii federaalaa 2 fi konkolaachisaan tokkoo dabalatee namootni 26 ajjeefamaniiru jedhe ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.