Oduu: Gaaga’ama siyaasaa Itoophiyaa mudachaa jiru dadhabina paartii biyya bulchaa jirurraa kan maddeedha: ABO

Finfinnee, Hagayya 08/2023 – Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) gaaga’amni siyaasaa kaaba Itoophiyaatti ka’e Oromiyaatti babal’chuun nageenya naannichaa akka hin booressine “lammiilee fi qabsaa’onni” eegumsa akka taasisan gaafate.

ABOn ibsa Hagayya 06, 2023 baaseen, gaaga’amni siyaasaa biyyattiitti mudate kun “dadhabina paartii biyya bulchaa jiru” ta’uu eeruun haleellaa daangaa Oromiyaa irratti mudachuu danda’u waloon akka qolataniif “lammiileefi qabsaa’ootaaf” dhaameera. 

“Jeequmsa nageenyaa fi lolaan rakkinoota daangaa Oromiyaa irratti aggaamamuu malan irraa Oromiyaa ittisuun dirqama lammiilee Oromiyaa fi qabsaawotaa tahuu gadi jabeessinee hubachiifna,” ibsichatu jedhe. 

Gaaga’amni siyaasaa Itoophiyaa mudateef sababii dadhabiina bulchiinsa paartii biyya bulchuu paartii Badhaadhinaa irraa kan ka’e gaaga’amni namoomaa, dhiittaan mirga dimookraasii fi namoomaa babal’achuu ibsichi dabalee addeeseera.

Akka ABOtti, gaaga’amni siyaasaa biyyattii mudate kan maddan sababa Paartii Badhaadhinaa rakkoolee siyaasaatiif furmaata waaraa barbaaduu dadhabuutiin kan dhufeedha jedhe.

“Keessaayyuu waggoota afran darban keessa erga Paartiin Biltsiginnaa aangoo siyaasaa dhuunfachuun biyyattii gaggeessuu eegalee as rakkoon wal xaxaa fi gaaga’amni hedduu ulfaataan biyyattii fi ummatoota mudateera. Bahaa-dhiha, Kaabaa-kibba darbees giddu-galli osoo hin hafne guutummaa biyyattii keessatti jeequmsa siyaasaa fi balaa waraanaa dhuma hin qabneen lubbuun lammiilee miliyoonaan galaafatameera; qabeenyi biyyattii biliyoonaan shallagamu barbadaaweera; Dhalli namaa mirgi dimokraasii kabajamuufiin hafnaan mirga uumamaa iyyuu mulqamee ooli bultii dhowwatameera,” ibsa ABOtu jedhe.

“Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa (MCNO)” ijaaruun rakkoo wal xaxaa, kufaatii fi gaaga’ama siyaasaa biyyattii mudateef furmaata ta’uu ABOn eereera sababiin isaa rakkoon biyyattii furmaata waaraa kan argatu nageenya Oromiyaa tiksuudhaani jedhee kan amanu ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee, waamicha marii hunda-hammataa bara 2018 eegalee ABOn taasisaa tureef mootummaa deebii hin laatin hafuun rakkoo jiru babal’iseera jedhe. 

Haaluma wal fakkaatuun, paartiin Izeemaa gama isaatiin ibsa kaleessa baaseen, “ka’umsi jeequmsa biyyattii tarsiimoo fi humna dhabuu paartii biyya bulchuu irraa kan maddeedha” jedhe. Lolli naannoo Amaaraatti mudate kunis dadhabina paartii biyya bulchuuti jedhe. Labsiin yeroo hatattamaa mootummaan tibbana naannoo Amaaraatti labse dadhabina mootummaa seera kabachiisuu irratti qabuuti jedhe. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.