Oduu: Barsiisonni Yuunivarsiitiwwan Naannoo Amaaraa naannichatti deebi’uu waan hin dandeenyeef Finfinneetti akka turan taasifamuu himan

Finfinnee, Hagayya 07/2023 – Barsiisotni Yuunivarsiitiwwan Naannoo Amaaraa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa kan bara 2015 ALI qoruuf yuunivarsiitiwwan biyyattii adda addaa keessatti ramadamanii turan gara naannoo isaanitti deebi’uu waan hin dandeenyeef magaalaa Finfinneetti akka turan taasifamuu himan.  

Sababa walitti bu’iinsa iddoowwan naannoo Amaaraa baay’ee keessatti itti fufee jiruun karaan cufamuu hordofee barsiisonni yuunivarsiitii naannoo Amaaraa irraa gara naannolee biroo ergamanii turan erga qormaanni xumurame booda gara iddoo irraa dhufanitti deebi’uu akka hin dandeenye Addis Standarditti himaniiru.

Qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa qoruuf gara yuunivarsiitii Dambi Dollootti ramadame kan ture barsiisaan yuunivarsiitii Gondar Indaalammaaw Waala, hojii qorumsa itti ramadame ture erga xumure booda qiindeessitoota Ejensii Qormaataa irraa itti itti bilbilamee gara yuunivarsiitii irraa dhufetti deebi’u waan hin dandeenyeef iddoo yeroodhaan keessa turu kan qophaa’eef ta’uu itti himamuu ibse.

Akka Indaalammaaw jedhutti, barsiisonni guyyaa kaleessa Finfinnee gahan yuunivarsiitii Siiviil Sarviisitti akka turan kan taasifaman yoo ta’u, iddoon qophaa’e waan guuteef iddoon biraa hanga qophaa’utti eegaa jiraachu hime.

Barsiisaa yuunivarsiitii Gondar kan biraa, Gargaaraa Piroofesar Sisaay Asaammiree, yuunivarsiitii Asoosaatti ramadamee qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa qoraa turuu himuun sababa rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruun Finfinneetti turuuf dirqamuu himeera.  

“Durgoo guyyaa mootummaa irraa nuuf kennamu 420 kan hin caalleedha, isa keessaa ammoo 40% iddoo bultiif jedhame irraa kutamaa” kan jedhe Gargaaraa Piroofesar Sisaay, kaffaltii durgoo kanaan qofa magaalaa Finfinnee keessa turuun nutti ulfaata jedhe. Kana malees, walitti bu’iinsa naannicha keessa jiruun miindaan ji’a Adoolessa kan isaanif hin kaffalamne ta’uu Addis Standarditti himeera.

Oduu walqabatuudhaan barsiisonni yuuniarsiitii biyyattii garagaraa irraa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa qoruuf gara naannoo Amaaraa imalan muraasa gara naannoo isaanitti kan deebi’an ta’uus ammallee kan hafan gaaga’ama guddaa keessa jiraachuu miidiyaalee hawaasaa irratti odeeffamaa jira. Ministeerri Barnootaas dhimma kana ilaalchisuun ibsa torban darbe laateen barsiisota naannoo Amaaraa keessa ugguramanii jiran baasuuf yaalii akka taasisu beeksisuun isaa ni yaadatama. 

Ministeerri Barnootaa ibsa isaa kana keessatti rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudateen qormaata addaan cituu bira darbee walitti dhukaasa hidhattoota fi humna nageenya mootummaa gidduu taasifamaa tureen barsiisaan qoruuf garas deeme fi poolisootni federaalaa hojii eegumsa yuunivarsiitichaarra turan lama ajjeefamaniiru. 

Barsiisaan ajjeefame kunis barsiisaa Yuunivarsiitii Walqixxee irraa qormaata kanaaf gara Gondar deeme, Gargaaraa Piroofeesara Taaddasaa Abbabaa jedhamu ta’uu Yuunivarsiitichi ibsa gaddaa baaseen mirkaneesseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.