Oduu: Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti hammaachaa jiru akka isa yaaddessuu ibse

Dr. Teedroos Adihaanoom, Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa. Suraa: The Economic Times

Finfinnee, Hagayya 07/2023 – Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Teedroos Adihaanoom walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessatti hammachaa dhufe dhaabbatani isaanii daran kan yaaddeessu ta’uu ibsan. 

Dr. Teedroos rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate ilaalchisee barreeffama gabaabaa karaa Twitara isaanirratti maxxansaniin, “hokkara naannoo Amaaraatti mudateen daandiiwwan waan cufamaniif akkasumas tajaajilli interneetii waan adda citeef, deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi qunnamtii taasisuun ulfaataa ta’eera,” jedhan.

Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsa hidhattoota naannicha keessa socho’an (“Faannoo” jedhanii kan of waaman) fi humna nageenyaa mootummaa gidduu hammaachaa kan jiru yoo ta’u, geejjiba lafoo fi qilleensaa akka addaan citu dirqisiiseera. Kana malees, kutaalee naannichaa hedduu keessatti tajaajilli intarneetii addaan citeera. 

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dhuma torban darbe keessa imala gara magaalota naannoo Amaaraa kan akka Gondar, Dassee fi Laalibalaa taasisu yeroof addaan kutuu beeksise ture. Boodarra ammoo imala gara magaalaa guddoo naannichaa Baahirdaarittis taasifamu addaan cituu beekameera. 

Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) fi hogganaa Komaand Poostii labsii yeroo ariifachiisaa to’atu Tamasagan Xurunah ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin, hidhattootni naannoo Amaaraa keessatti socho’an godinaalee, aanaalee fi magaalota muraasa “to’achuu” ibsaniiru. Haata’u malee, komaand poostiin labsii yeroo ariifachiisaa kun naannichi yeroo gabaabaa keessatti gara nagaa fi sochii idileetti akka deebi’uuf hojjetaa akka jiru ibseera.

Haata’u malee, Daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom walitti bu’iinsi rakkoo fayyaa hawaasaaf dhiibbaa kallattii akka qabu fi sirna fayyaa biyyattii irratti rakkoo hammaataa kan geessisu ta’u eeruun yaaddoo isaanii ibsaniiru.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa michootni gargaarsa namoomaa waliin hojii hojjechaa jiran akka hin gufanneef fi dhiyeessiin taasifamu akka hin danqamneef naannoo Amaaraa keessatti sirni fayyaa naannichaa xiyyeeffannoon akka eegamu hubachiisaniiru. Kana malees, “hunda caala nagaan akka bu’u dhaamna,” jedhan. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.