Oduu: Hidhattootni Amaaraa godinaalee fi aanaalee muraasa to’achuu komaand poostii yeroo ariifachiisaa naannoo Amaaraa beeksise

Tamasgan Xurunah. Suuraa: Screeshot/AS

Finfinnee, Hagayya 07/2023 – Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) fi hogganaa Komaand Poostii labsii yeroo ariifachiisaa to’atu Tamasagan Xurunah, hidhattootni naannoo Amaaraa keessatti socho’an godinaalee, aanaalee fi magaalota muraasa “to’achuu” ibseera. 

Tamasgeen ibsa gabaabduu kaleessa waaree booda miidiyaalee mootummaaf kenneen, Komaand Poostiin Labsii Yeroo Ariifachiisaa mootummaa naannoo Amaaraa keessatti hojii karoorfame hojiirra oolchuu eegaleera jedhe. Labsiin kun hanga ammaatti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan hin raggaasifamne.

Godinaalee fi aanaalee naannichaa tokko tokko to’achuu bira darbee humnoonni hidhatan maqaa isaanii osoo hin eeramiin “humna saamichaa” jedhamanii ibsaman, iddoo muraasa keessatti “yakkamtoota mana hidhaa keessaa gadi lakkisaniiru” jedhe. Akkasumas kaayyoo mootummaa naannichaa diiguu” fi gara “sirna federaalaatti ce’uu” qabatanii socho’uun isaan himateera. Haa ta’u malee, naannolee to’annoo garee kanaa jala jiranii fi manneen hidhaa “yakkamtoonni” jedhaman irraa gadi lakkifaman eeruu irraa hanqateera.

Tamasgan itti dabaluudhaan akka jedhetti, Komaand Poostiin kun kutaalee adda addaa afuriin qoqqoodamee socho’aa jira. Isaanis: Komaand Poostii Lixa Amaaraa, Komaand Poostii Kaaba Dhihaa, Komaand Poostii Giddu Galeessa Shawaa, Koomaand Poostii Bahaa Amaaraa ta’uu eerameera.  

Waraana waggaa lamaa Tigraay, Amaaraa fi Affaar waliin gahee yaadachiisuun, erga waraanni dhaabbate booda “hidhattootni al idilee” kunneen gara sirna nageenyaatti akka makamanii yookiin gara jireenya idilee isaanitti akka deebi’an yaalii taasifamuus gariin isaanii garuu “gara gahee diigumsaa itti turanitti deebi’an” jedhe.

Labsii Yeroo Ariifachiisaa jalatti aangoon bulchiinsa naannoo Amaaraa kan daangeeffamu yoo ta’u, mirgi namoota dhuunfaa adda addaas akkaataa ajaja labsichaan kan daangeffamu ta’uu ibsameera. AS 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.