Oduu: Labsii yeroo ariifachiisaa hordofee ajaja waliigalaa Daayirektara Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaaleessaatin durfamu hundaa’e

Tamasgeen Xurunah, Daayirektara Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffaannoo Biyyaaleessaa. Suuraa: NISS

Finfinnee, Hagayya 05/2023 – Labsiin yeroo ariifachiisaa Mana Maree Ministirootaan labsame baatiwwan jahan dhufaniif hojiirra kan oolu ta’uu Ministirri Ministeera Haqaa Geediyoon Xiimootiiyoos (PhD) ibsuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Geediyoon Manni Maree Ministirootaa walga’ii kaleessa gaggeesseen naannoo Amaaraatti labsii yeroo ariifachiisaa labse ilaalchisee ibsa laataniiru.

Ibsa isaanii keessatti, naannoo Amaaraatti sochiin seeraan alaa taasiifamu sochii diinagdee fi hawaasummaa sadarkaa olaanaan danquu eeraniiru. Naannichatti sosochii seeraan alaa hidhannoon deeggaramee taasiifamaa jiru to’achuuf adeemsa seera kabachiisuu idileen rakkisaa ta’uu eeraniiru.

Sababa kanaan mootummaan naannichaa sirna seera kabachiisuu idileen haala jiru to’achuun rakkisaa ta’uu beeksisuu himaniiru. Mootummaan Federaalaa hojii seera kabachiisuu barbaachisaa ta’e akka gaggeessuu gaaffii dhiyeessuu dubbataniiru. Bu’uuruma kanaan nageenyaa fi tasgabbii ummata naannichaa eeguuf labsii yeroo ariifachiisaa labsuun barbaachisaa ta’ee argamuu eeraniiru.

Labsichi labsii yeroo ariifachiisaa lakkoofsa 6/2015 jedhamee kan waamamu ta’uu ibsaniiru.

Labsiin yeroo ariifachiisaa kun bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ifatti kaa’amuu dubbataniiru. Haata’u malee sadarkaa biyyaattis haaloonni nageenya biyyaa balaarra buusaan yoo mul’atan naannawaa biyyattii kamittuu hojiirra oolu akka danda’u kaasaniiru.

Hojiirra oolmaa labsichaaf ajajni qajeelcha waliigalaa labsii yeroo ariifachiisaa hundaa’uu dubbataniiru. Qajeelchi waliigalaa kun Daayrektara JeneraalaaTajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Tamasgeen Xurunahiin kan durfamu yoo  ta’u, itti waamamni ajajichaa Muummee Ministiraaf ta’uu himaniiru.

Caaseeffamni, gurmaa’insii fi miseensonni ajajichaa Muummee Ministiraan kan murtaa’u ta’uu labsichaan kaa’amuu kaasaniiru. Ajajni qajeelcha waliigalaa kun deengeffama yeroo labsuu, yeroo hin murtoofneef daandii tokko cufuu, malli geejjibaa dhaabbilee tajaajilaa akka cufamuu yookaan akka adda citu ajajuu aangoo qabaachuu himaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa barbaachisummaan labsichaa xumurameera jedhee wayita amane hojiirra oolmaan isaa baatii jaha dursee ka’uu akka danda’u dubbataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.