Oduu: MM Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Hagayya 05/2023 – Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan dhimma nagaa, badhaadhinaa fi nageenya Itoophiyaa ilaalchisee kaleessa galgala bilbilaan mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibsa baaseen beeksise. 

Marii kana irratti Antoonii Bilinkan hojiirra oolmaa waliigaltee waraana dhaabuu kaaba Itoophiyaa irratti fooyya’insi gaarii mul’achuu kaasuun, rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti mul’atu akka isaan yaaddeessu eeraniiru. 

Akka ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaatti, hoggantootni biyyoota lameen gargaarsa nyaataa saffisaan jalqabsiisuuf sirna raabsaa gargaarsa namoomaa haala cimaa ta’eef diriirsuun danda’amu irratti mari’ataniiru. 

Kana malees, Ameerikaan furmaata dippiloomasii Hidhaa Haaromsaa irratti gaggeeffamuuf deeggarsa guutuu kan laattuu ta’uu ibsameera. Akkasumas MM Abiy Ahimad rakkoo nageenyaa Sudaan keessatti mudate furuuf yaalii taasisaniif jajamaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.