Walitti Bu’insa Lubbuu Namoota 26 Galaafate Irratti Mootummaan Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa Ibsa Waldhahuu Baasan

Finfinnee, Walitti bu’insa humnoota hidhatan, naannoo Amaaraa, aanaa Shankooraa irraa dhufanii fi Milishoota naannoo Oromiyaa aanaa Fantaallee gidduutti uumameen  koomander Abdisaa Ifaa dabalatee milishootni hedduun du’uufi kuun immoo mada’uu isaanii gabaasaleen ni mul’isu.  Haa ta’u malee ibsa bulchiinsi aanaaleen lamaan baasan waan uumame irratti garaagarummaa qaba. 

Bulchaan aanaa Minjaar Shankoora, Taaddasaa Boset qaamni hin beekamne meeshalee gurguddaa gargaaramuun ganda Amoorabet irratti haleellaa gaggeessanii namoota ajjeesuun hedduu madeessanii jedhe. Haleellaan kun Bitootessa 29,2022 , Guyyaa keessaa sa’aatii 7:00 irratti akka ta’e kan eere bulchaan kun, namootni miidhaman hoospitaala Areertitti akka geeffamnii fi kaan ammoo magaalaa finfineetti akka geeffaman dubbate.  Taaddasaan dubartootni fi daa’imman naannoo sana turan akka baafamani fi warreen bosonatti baqatan haalli isaan amma keessa jiran akka hin beekamne ibse.

Bulchiinsi aanaa Fantaallee gama isaatiin  haleellaa humnootni ‘Finxaaleyyii’ naannoo Amaaraa raawwataniin Shaambal Abdiis Ifaa dabalatee aaamolee milishaa irraa miidhaan lubbuu fi qaamaa qaqqabuu ibse.  Qaamolee haleellaa kana raawwatan seeratti nan dhiyeessa jedhe bulchiinsi aanaa Fantaallee. Ibsichi  maatii miidhamtootaa hundaaf jajjabina kan hawwe yoo ta’u, bara kana aanaa Fantaalleetti lubbuun namoota baay’ee wareegamuun isaa yaadachiise qaamni dhimmi kun ilaallatu xiyyeeffannoo akka kennuu dhaame. 

Haaluma walfakkaatuun bulchaan Minjaar Shankoora kanaan duraas haleellaa walfakkaataan akka ture eeruun, “Sababni haleellaa kanaas beekamuu baatus farreen nageenyaa uummataa nagaa buqqisuuf taasisan ta’uu ni tilmaamama. ” Akka Taaddasaan jedhutti walitti bu’insi kun kan dhaabbate galgala sa’aati 12 irratti. Nageenya naannoo sanaa qaamolee nageenya booreessuuf karaa hundaa hojjaa jiran  ittisuuf  tattaaffiin godhamuu qaba jedhe. 

Bulchaan godina Shawaa Kaabaa(Naannoo Amaaraa) Taaddasaa GabraTsaadiq ,hidhattotni ganda Amoorabet jedhamu keessatti jiraattota irratti dhukaasa banan jechuun Amaaraa Miidiyaa Korporeeshiniitti hime. Akka inni jedhutti jiraattotni qaamolee nageenyaa beeksisuun yeroo deebi’anis miseensota poolisii Federaalaa isaan dubbisuuf yaalan irratti dhukaasa banan jedhe. 

Mootummaan naannoo Oromiyaa gama isaatiin ibsa kalee galgala baaseen gadda itti dhagahamee ibse. Akka ibsa mootummaa naannoo Oromiyaatti, haleellaan kun lubbuu milishaa hojii irra turanii fi poolisii federaalaa galaafatee jira. Mootummaan naannnichaa haleellaa kana ‘Finxaaleyyii’ aanaa Minjaar Shankoora keessa socho’aniitu gaggeesse jedhe. 

Mootummaan naannoo Amaaraas ibsa halkan kaleessaa baaseen oduu sobaa tarkaanfii farreen nageenya irratti fudhatameen walqabatee tamsa’aa jiru akka dhaabbatu gaafate. Ibsichi qaamolee oduu soba tamsaasan jedhu adda otoo hin baasin, tarkaanfii seera kabachisuu fi  yakka namummaa irratti raawwatamu ittisuuf fudhatamu dabsuun akka dhaabbatu akeekkachiise.  Yakka aanaa Shankoora keessatti raawwatame kanaa namoota miidhamaniif gadduu isaa kan ibse mootummaan naannichaa qaamoleen hawaasa yakka akkanaa ittisuu irratti qoodha akka fudhatan dhaame. 

Bulchaan godina shawaa bahaa Abbaabbuu Waaqoo, haleellicha kan raawwatan qaamolee karaa seeraan alaa hidhatanii maqaa Faannootiin socho’ani jechuun Addis Standarditti hime. Haleellaa kanaan miseenstotni poolisii federaalaa 2 fi konkolaachisaan tokkoo dabalatee namootni 26 ajjeefamaniiru jedhe. 

Akka Abbaabbuun jedhutti haleellaan kun kan raawwatee naannoo Oromiyaa keessatti. Bulchaan aanaa Minjaar Shankooraa garuu hidhattootni naannoo Oromiyaa irraa daangaa ce’anii ganda aanichaa keessatti haleellaa akka raawwatan eere. Kana malees bulchaan aanaa Minjaar Shankooraa, af-gaaffi VOA afaan Amaaraa waliin taasiseen namootni hidhatan kunneen poolisii federaalaa ajjeesan jedhee himate. Mootummaan Federaalaa dhimma kana irratti hanga ammatti ibsa hin laatne. Mootummaan naannoo Oromiyaas ibsa dabalataa hin kennine. Yaaliin Addis Standard itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii naannoo Oromiyaa Hayiluu Addunyaa  dubbisuuf  taasise hin  milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.