Waldhabdeen Hoggansa Adda Bilisummaa Oromoo Gidduutti Uumame Korri Sabaa Waamamee Haa Furamu- Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Finfinnee, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa waldhabdee hoggantoota Paartii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ilaalchisee ibsa Bitootessa 28, 2022 baaseen waldhabdee hoggansa Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti uumame korri Sabaa Waamamee akka furamu murtoo kennuu beeksiseera. Boordichi kana kan beeksise xalayaa Hayyu duree Daawud Ibsaa fi itti aanaa hayyu duree Araarsoo Biqilaatiif barraa’e maxxansuuni.

Bordiin filannoo muudama garee Araarsoo Biqilaa erga kuffisee booda adeemsa ture kan ibse yoo ta’u, murtoo Boordiin Filannoo Biyyaalessaa yaa’iin gareen Araarsoo Biqilaan durfamu Bitootessa 4, 2013 waame fudhatama hin qabu jechuun dabarse ture ol iyyaannoo Araarsoo Biqilaafaan dhiyaate bu’uura godhachuun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa sagalee caalmaan haquu yaadachiiseera.Boordichi komii isaa Mana Murtii Federaalaaf dhiyeessuus, murtichi iyyannoo hin barbaachisu jechuun sagalee caalmaan fudhatama dhabamsiifameera.

Kana booda Boordichi dhimmicha Mana Murtii Ijibbaataaf dhiyeeffachuun Manni Murtichaa murtii Fulbaana 3, 2021 dabarseen walfalmii garee Daawud Ibsaa fi Araasoo Biqilaa giddu jiru dhaggeeffate murtii bulchiinsaa akka irratti murteessuuf Boordichatti deebiseera.Kana booda akkaataa murtoo Mana Maree Ijibbaataa dabarseen garee lamaanuu falmii fi ragaa isaanii torban sadi keessatti akka dhiyeeffatan gaafachuu kan ibse boordichi, Daawud Ibsaan adeemsa falmii mana murtiirratti waan hin turreef sanada fuula 82 haala falmichaa ibsu akka isa qaqqabu erga godhame booda gareen lamaanuu falmii isaanii barreeffamaan dhiyeeffachu hime.

Boordichi ragaa fi falmii garee lamaan kana erga fudhate booda adeemsa falmii kana qorate yaada murtoo akka dhiyeessuuf garee ogeessota miseensa 3 qabu hundeessuun hojiitti galche. Gareen kunis falmii fi ragaa bitaaf mirga jiru murtii Mana Murtii Ijibbaataa Federaalaa dabarse waliin ilaaluun erga qoratee booda Guraandhala 8, 2022 yaada murtoo boordichaaf dhiyeesseera.

Qorannoo kanaan yaa’iin waliigalaa Bitootessa 11, 2021 garee Araarsoo Biqilaatin godhame adeemsa seeraa eeggate akkaataa dambii ittiin bulmaata paartichaan qaama yaa’ii waamuuf aangoo qabuun kan waamame akka hin taane irra deebiin mirkaneesse, murtii boordichi kanaan dura murteesse ture sirri ta’u ibse.Boordichi yaada murtoo kana bu’uura godhachuun rakkoo uumamaniif furmaata laachuuf haala yaa’ii waliigalaa ittiin waamamu ilaaluun, akkaataa dambii ittiin bulmaata paartichaan gareen laamuu miseensota koree hoji raawwachiistuu ta’anii fi kanneen lammiilee biyya alaa ta’an ala maqaa miseensota koree giddu galeessa 38 teessoo isaanii waliin akka dhiyeeffatan gaafateera.

Haaluma kanaan xalayaa Bitootessa 18, 2022 barreeffameen, Araarsoo Biqilaanfaa maqaa namoota 7 kan galchan yoo ta’u, Daawud Ibsaanfaa ammoo rakkoo amma paartichi keessa jiru irraan kan ka’e maqaa miseensota koree giddu galeessaa dhiyeefachuu akka hin dandeenye xalayaa Bitootessa 20, 2022 barreessaniin beeksisaniiru.Qaama yaa’ii waliigalaa waamuuf aangoo qaban kan ta’an miseensota koree giddu galeessaa teessoo isaaniin waamicha walga’ii akka isaan qaqqabu godhame yaa’iin kun akka gaggeeffamu yaalii gama boordichaan godhame waan hin milkoofneef filannoo murtii biraa fudhachu ibseera, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa.

Kanuma hordofee, Paartichi yaa’ii waliigalaa waamuu akka qabu ibsuun Paartichi rakkoo hoggansaa amma keessaa jiruun yaa’icha osoo hin gaggeessiin dura dambii waamicha yaa’ii fi seera filannoo hordofuusaa mirkaneessuun waan barbaachiseef, karoora waamicha yaa’ii, waamicha yaa’ii ilaalchisee murtoo qaamni seera qabeessi paartichaa laate fi qaboo yaa’ii murtichaa akka dhiyeeffatan murteesseera.

Boordichi qaamoleen kunneen murtoo kana baatii tokko keessatti yookaan hanga Ebla 24, 2022tti akka dhiyeeffatan murteessuu beeksiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin ibsa baaseen murtoon boordii filannoo isa dhaqqabuu beeksisuun, murtoon kun murtii waggaa tokko dura laatameen garaagarummaa hedduu hin qabu jedhe.

Murtii boordii filannoo kana hojiitti hiikuuf waajjiraaleen ABO seeraan ala cufaman akka banamaniifi miseensota ABO fi miseensota Gumii Sabaa Dhaabichaa mana hidhaatti dararamaan jiran, akkasumas Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa mana jireenyaa isaanii keessatti ugguraman akka gadhiifamaniifi walaba ta’anii akka lammii tokkootti ga’eef dirqama isaan irraa eegamu akka ba’aniif waggaa tokkoo oliif deddeebi’ee Boordii Filannoo Itoophiyaa gaafachaa kan ture deebii argachuu akka qabu eera ibsichi.

Adoolessa 17/2020 hayyu dureen Adda Bilisummaa Oromoo Daawud Ibsaa manatti uggurame. Adoolessa 26/2020 itti aanaan hayyu duree ABO Araarsoo Biqilaa walgahii humnoota mootummatiin eegamaa gaggeessuun Hagayya 07/2020 xalayaa boordii filannoof barreessuun hayyu duree Daawud Ibsaa ugguruu isaa beeksise. Fulbaana 12/2020 xalayaan hayyu duree ABOtiin mallattaa’e boordii filannoo dhaqqabe. Kana booda ture waldhabdee hoggansa ABO gidduu jiru furuuf boordiin filannoo hojii kan eegale.

Guraandhala 2021, carraaqqiin bordii filannoo waldhabee kana akkaataa labsii lakk.1133/2019tiin furuuf taasisee bu’aa malee hafeen booda boordiin filannoo ABOn yaa’ii waliigalaa akka gaggeessu gaafatee ture. Gareen Araarsoo Biqilaa hayyu duree filachuun xalayaa Bitootessa 13,2021 barraa’een boordii filannoo beeksise. Gareen kun guyyaan galmee kaadhimamtootaa filannoo waxabajjii 2021 akka dheeratus gaafatee ture. Boordichi sanada heerri dhaabaa jijjiiramuu ibsuu fi walgahii Araarsoo Biqilaan durfame, namoota 500 hirmaachisee mallattoo waliin dhiyaateef qoratee adeemsichi heera dhaabichaa kan hin eegne ta’uu beeksise. Kanuma hordofee gareen Araarsoo Biqilaan durfamu dhimmicha gara mana murtiitti geesse. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.