Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaa keessatti namootni miliyoona 25 ta’an beela hamaafi hanqina bishaanitiif saaxilamanii jiru-IRC

Suuraa: OBN

Finfinnee, Koreen Baraaraa Idil Adddunyaa(IRC) hongee hamaa muudateen namoota miidhaman gargaaruuf baasii dabalataa doolaara miliyoona 5 gargaarsa atattamaaf oolu ramade. Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaa keessatti namootni miliyoona 25 ta’an beela hamaafi hanqina bishaanitiif saaxilamanii jirus jedhe. 

Itoophiyaatti daayirekteerri dhaabbatichaa Firaank Mikmaanus “Laaninaa fi jijjiiramni haala qilleensaa goginsa hamaa Itoophiyaa keessaatti waggaa 40 keessatti hin muudatin uume. Kunis namootni 307,000 ta’an bishaan, nyaataa fi lafa qonnaa barbaacha qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an taasise jira. Miidhaan hongee walitti bu’insa biyyattii keessa jirun walqabatee daran hammaachaa jira. IRC’n namoota hongeen miidhamaniif doolaara miliyoona 2.5 baasuun gargaarsa bu’uura taasisaa jira. Haa ta’u malee miidhaa dhaqqabaa jiru dandamachiisuf, gargaarsa kana caalutu barbaadama ” jedhe. 

Hongeen bara 2011 muudate Gaanfa Afrikaatti lubbuu namoota 260,000 galaafate hedduu ammoo beelaaf akka saaxile  kan yaadachiise Firaank adeemsa amma jiruun balaan hongeen kun fidu kan bara 2011 caala ni hammaata jedhe. “Kanaaf gumaachitootni idil addunyaa fi dhaabbileen hawaasaa balaa kana hambisuuf walgargaaranii akka hojjatan waamicha dhiyeessina”  jedhe. 

Kana malees dhaabbatichi Gaanfa Afrikaatti namootni miliyoona 13 beela fi hanqina bishaanitiin rakkachaa jiraachuu akkasumas sababa hanqina nyaatatiin lakkoofsi namoota hoospitaala seenanii dabalaa akka jiru ibse.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.