Itoophiyaan Lammiilee Hidhaa Saawudi Keessa Jiran Gara Biyyaa Deebisu Eegaluufi

Finfinnee, Lammiilee Itoophiyaa Saawudi Arabiyaatti hidhamanii jiran gara biyya isaanitti deebisuu Roobii, Bitootessa 30, 2022 irraa akka eegalu Ministeerri Haajaa  Alaa beeksise.

Ministeerichi akka beeksiseetti, koreen haala dandamannaa fi biyyatti deebisuu  lammiilee Saawudi Arabiyaa irraa dhufan akka hordofuuf hundaa’e, Wiixata Bitootessa 28, walgahii Deetaa Ministira Ministeera Haajaa  Alaa Itoophiyaa, Birtukaan Ayyaanoon, hogganame godheera. “Koreen dhaabbilee 16 of keessatti hammate kun baatiilee 7-11 dhufan keessa lammiilee Itoophiyaa gara kuma 100tti dhiyaatan gara biyya isaani akka deebi’an ibseera,” jedhe Ministeerichi.

Addis Standard dararaa lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawwaman mana hidhaa Saawudi Arabiyaa keessatti isaan muudachaa jiru gabaase ture. Gabaasaaleen heddu akka mul’isanitti tarkaanfiin mootummaa Saawudi Arabiyaa godaantota seeraan ala irratti fudhachaa jiru lammiilee Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffateedha. Hidhamtoota manneen hidhaa kana keessa jiran akka himanitti haadholii, daa’immanii fi dubartoonni ulfaa nyaata fi dawaa gahaa malee hidhamanii argamu. 

Mootummaan Itoophiyaa giddu seenee rakkoo kana keessaa akka isaan baasuuf irra deddeebiin iyyannoo taasisanis, aanga’oonni Imbaasii fi Ministeera Haajaa Alaa itti gaafatamummaa isaanii dhiisanii iyyannoo isaaniif deebii laachuu akka didan qeequ.

Baatii Amajjii keessa, Ministeerichi mootummaan yeroos ‘Dhimmoota ijoo’ furmaata itti laachuu qabu waan turaniif hojii lammiilee Itoophiyaa gara biyya isaanii deebisu addaan citee ture jedhe. Dubbii himaan Ministeera Haajaa  Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, “Dhiyeenyatti koreen haala gara biyyaatti deebi’an mijeessu gara Saawudi Arabiyaa ni imala,” jechuun miidiyaa biyya keessaaf himeera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.