Dura taa’aan KFO, Pirofeesar, Mararaa Guddinaa, mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo waliin araara akka buusuu waamicha dhiyeesse

Baqqalaa Garbaa, Pirofeesar Mararaa Guddinaa
Suuraa: UBUNTU TV

Finfinnee – Dura taa’aan Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO), Pirofeesar Mararaa Guddinaa, mootummaan Itoophiyaa garee waraanaa Oromiyaa keessatti socho’u, kan ofiin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhe waamu fi kan mootummaan ‘Shanee’ jedhe waamu waliin araara akka buusuu waamicha dhiyeesse. 

Mararaan haasaa baniinsa kora paartii KFO irratti taasiseen, mootummaan Itoophiyaa Naannoo Tigraay keessa waggaa tokko oliif waraana Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) waliin godhaa ture dhaabuuf murteessusaa yaadachiisuun, Oromiyaattis hidhattoota mootummaan ‘Shanee’ jedhu waliin araara buusuu akka qabu waamicha dhiyeesse.

Waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture jalqabuma irraa kaasee mormaa turre kan jedhe Mararaan, mootummaan ammallee Naannoo Tigraay qofa osoo hin taane Oromiyaa dabalatee bakkeewwan walitti bu’iinsi jiru garaagarummaa jiru araaraan hiikuun uummataaf nageenya akka laatamu gaafate.

“Eenyumtu haa injifatu, ijoollee Oromoo bosona jiranis haa injifatan, warri masaraa mootummaa keessa jiranis haa injifatan, garuu waraanni kun uummata Oromoo gatii guddaa kaffalchiisa,” kan jedhe Piroofesar Mararaa Guddinaa,  “Adaraa Waaqa, warri dandeessan itti yaadaa jedhaati itti himaa. Saba Oromoo balleessitanii hin badiinaa, taphni kun nuun baasu.” waamicha jedhu dhiyeesse.

Itti dabaluun, “Isuma Tigreef kennitan sana, warreen bosona Oromiyaa jiraniifis kennaa” jedhe.

Mararaan haasaa isaarratti, mootummaan waajjiraalee KFOn qabu 206 keessaa 203 cufuufi miseensota heddu hidhuun Filannoo irratti akka hin hirmaanne godhu eeruun qeeqeera.

Paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo kora sabaa guyyoota lamaaf gaaggeesseen Proofeesar Mararaa Guddinaa irra deebiin dura taa’aa paartichaa taasiisuun yoo filatu, Baqqalaa Garbaa dursaa itti aanaa dura taa’aa, Jawaar Mohaammad itti aanaa dura taa’aa gochuun filateera.

Kora kanaan, Dajanee Xaafaa, Mulaatuu Gammachuu, Gurmeessaa Ayyaanoo, Mootii Begii fi Haamzaa Adaanee dabalatee koree hoji raawwachiiftuu paartichaa miseensota 15 qabu filatamaniiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.