Kongireesiin Federaalawaa Oromoo Kora Sabaa Gaggeessuu Eegale

Darajjee Gonfaa tiin

Finfinnee Bitootessa 26, 2022 – Paartiin Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)’n Kora sabaa Finfinneetti gaggeessuu eegalee jira.

Dura taa’aa itti aanaa Liigii Dargaggootaa KFO fi miseensi koree olaanaa paartichaa Gurmeessaa Ayyaanoo akka Addis Standarditti himetti dhimmi xiyyeeffannoo mariichaa “Dhimmoota keessoo paartichaa fi haala walii galaa biyyaa irratti mari’achuuf kora qophaa’edha” jedhe.

Itoophiyaa keessatti mariin biyyoolessaa gaggeefamuuf qophiin taasifamaa jira. Akka Gurmeessan jedhetti xiyyeeffannaa guddaan dhimma adeemsa gara fuula duraa paartichaa ta’us, haala walii galaa biyyattii fi dhimmoota marii biyyaalessaa ilaallatan irrattillee kan mari’atamuu ta’uu eerera.

Asiin dura akkataa labsii fi dambii ittin bulmaatatti kora yeroo yeroon  gaggeeffachuu fi hoggantoota paartichaa filachuun sababa haala biyyattii fi rakkoowwaan paartiicha muudataniin kan utuu hin gaggeessin ture ta’uu kan eere qondaalli paartichaa kun , ammas yaaddoon sun jiraatuus akkaataa danda’amuun yoo haalli miijate koricha  qopheessee jira jedhe.

Korichi har’aa fi boru hootela Waabii Shabaleetti kan gagggeeffamu yoo ta’u namootni  600 ol ta’an akka hirmaatan himeera.

KFO’n gaaga’ama siyaasaa Itoophiyaa keessa jirtu keessaa kan itti ba’uun danda’amu marii biyyoolessaa haqa qabeessaa, dhugaa fi hunda hirmaachise qofan akka ta’e ibsa isaa  yeroo addaa baasuun ibsaa tureera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.