Namoota Naannoo Oromiyaa Irraa Buqqa’anii Gara Qe’eetti Deebisuuf Mootummaan Ni Hojjata- Aanga’oota Ol’aanoo Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Lammiilee Naannoo Oromiyaa irraa buqqa’an gara qe’ee isaanii deebisanii qubachiisuuf mootummaan kan hojjetu ta’uu, Miseensi hoji raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Mufariyaat Kamiil fi sadarkaa Pirezdaantii Itti aanaatti Qindeessaa Bulchiinsa Qabeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Girmaa Amanteen, buqqaatota Naannoo Amaaraa, wiirtuu qorannoo qonnaa Sirinqaa jiran yeroo daawwatan dubbataniiru. 

Walitti bu’insa wallagga bahaa jiruun manootni buqqa’aa turaniiru. Xumura baatii Amajjii buqqaatotni saba Amaaraa godina Wallagga Bahaa irraa dhufan mana Amantaa lama keessa qubachuu Addis Standard odeeffatee ture. Yeroo sanatti buqqaatotni kunneen Bataskaana Isxifaanos kan kutaa magaalaa Qiirqositti argamuufi Bataskaana Mikaa’elii kan kutaa magaalaa Ekkaatti argamu keessa buufatanii turan. Addis Standard iddoowwan buqqaatotni itti qubatan daawwachuun buqqaatota fi gaggeessitoota hawaasa dubbiseere

Buqqaatota Godina Walloo Kibbaa qubatan kuma 34 keessaa kanneen kuma 29 ta’an bakkeewwan garaa garaa Oromiyaarraa buqqa’anii buufata qubannaa yeroo keessa akka argaman ibsa gabaasni Fana. 

Buufata kana keessa nyaata gahaa ta’e akka itti hin dhiyaanneefi kan dhiyaatuus gahaa waan hin taaneef rakkachaa jiraachu kan himan buqqaatonni kun, mootummaan furmaata akka itti laatuuf gaafataniiru. Buqqa’iinsi kun hidhattootaan qofa osoo hin taane hoggantoota godina fi aanaaleen kan deeggarame ta’uus eeraniiru. 

Yeroo ammaa kana Wallagga keessatti lammiileen heddu karaan itti cufame rakkoo fi dararaa olaanaa keessa kan jiran waan ta’eef mootummaan akka qaqqabuuf gaafatan, buqqaatonni kun. 

“Du’aatii fi buqqa’insa lammiilee kanaan humnoota farra nageenyaan dabalataan harka hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiran keessa jiraachu mala” kan jette Mufariyaat Kamiil, nagaa fi nageenya lammiilee eegsisuun xiyyeeffannoo itti laatame hojjetama jetteetti. 

“Haleellaawwan yeroo tokkoofi bakka hundatti banamanii rakkisaa fakkaatanis haala kanaan itti hin fufan, rakkoo jiru adeemsaan hiikna,” jette.  Lammiilee buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuufi nagaa buusuuf Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun qindoominaan hojjetamaa akka jiru himte, Mufariyaat. 

Girmaa Amantee gama isaatin, “Naannoo Oromiyaa keessatti daldaltoota walitti bu’iinsa lammiilee nagaa ajjeesaa, buqqaasaa fi qabeenya isaanii barbadeessaa jiran haala kanaan itti hin fufan” jechuun, namoota yakka kana keessa harka qaban balleessuuf mootummaan naannichaa humnoota nageenya federaalaa waliin ta’uun hojii seera kabachiisuu cimaa ta’e akka hojjatu ibseera.

Gama biraatiin, Godina Wallagga Bahaa bakka garaa garaa keessatti sababa rakkoo nageenyaa ‘Finxaaleyyiin Amaaraa’, Gumuuzii fi Waraanni Bilisummaa Oromoo qaqqabsiisaniin, jiraattootni hedduun baqachuu fi qabeenyi isaaniis manca’uu kan himan Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Alamaayyo Tasfaaye, “Rakkoo nageenyaa kanaanis namootni kuma 100 fi kuma 28 fi dhibba 200 caalaan lubbuu isaaniif baqatanii rakkoo hammataa keessa jiruu.” jedhe. Finxaaleyyii Afaan Amaaraa dubbatan kana maqaa dhahuu baatus Alamaayyoon, “Finxaaleyyiin Afaan Amaaraa dubbatan qamolee nageenyaa Oromiyaa fi jiraattota irratti dhukaasa banan jiru.” jechuun isaa yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.