Xiinxala: “Jeequmsi keessaa fi alaa Oromiyaa fi Itoophiyaa raasaa jiru dogongora aangoo argame cimsachuuf jecha raawwatameeni” – Jawaar Mohaammad

Dura taa’aa itti aanaa KFO fi xiinxalaa siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad

Finfinnee, Bitootessa 11/2023– Jeequmsi keessaa fi alaa Oromiyaa fi Itoophiyaa raasaa jiru dogongora aangoo argame cimsachuuf jecha raawwatameeni jedhe dura taa’aa itti aanaa Koongireesii Feederaalaa Oromoo (KFO) fi xiinxalaan siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad.

Barruu fuula 73 mata duree “Haala keessa jirruufi boqonnaa qabsoo itti aanu” jedhuun barreessee irratti, qabsoo uummata Oromoo boqonnaawwan shanitti qooduun kan xiinxale Jawaar Mohaammad, boqonnaa aangoo cimsachuu yeroo amma qabsoon Oromoo keessatti argamu keessatti rakkoolee mudatan akkasumas qabsicha gara boqonnaa shanaffaa sirna diimokiraatawaa ijaaruutti ceesisuuf wantoota godhamuu qaban kallattii akeekee jira.

Akka Jawaar jedhutti qabsoon uummata Oromoo mootummoota Hayilasillaasee, Dargii fi Wayyaanee keessaa boqonnaawwan Dadammaqiinsa, Ijaarsamiinsaa fi Biyyoomsuu keessa darbee, bara 2018 qabsoo Qeerrootiin gara boqonnaa afraffaa Aangoo qabachuutti ceheera.

Qabsoon Oromoo baroota darbana keessa gaggeeffamaa ture, bara 2018 sirna alagaa aangorraa buusuun murna Oromoo abbaa irree ta’e akka aangootti bahu taasiseeras jedha xiinxalli Jawaar kun.

“Ummanni Oromoo qabsoo marsaa dhiheenya kanaa gaggeesseen aangoo harka alagaatii baasuu dandahee jira. Garuu har’ as roorroofi hiyyummaan ittuma fufte. Maalif? Deebiin gabaabaan aangoo harka alagaatii baafanne harka nama/garee Oromoo tokkoo galchine malee aangoon harka ummata Oromoo waan hin galiniifi” jedha.

Qabsoon sabaa tokkoo erga sirna cunqursaa alagaa ofirraa finqolchitee booda, aangoo san dhuunfattee dantaa ofii eegsiisuuf bogonnaalee Afur; Aangoo Qabachuu (ascendance), Aangoo Cimsachuu (consolidation), Fudhatama argachuu/ dhugeeffachuu (legitimization) fi Aangoo Tikfachuu (preservation) of keessatti hammata kan jedha Jawaar.

Qabsoon Oromoo wal’ aansoo waggoota dheeraa booda bara 2018 sirna cunqursaa alagaa ofirraa buuftee aangotti ol baate kan jedhu xiinxalli Jawaar kun, waggoota shanan dabran kana adeemsa aangoo cimsachuu (power consolidation) kana keessa jirti jedha. 

“Jeequmsi keessoofi alaa Oromiyaafi Itoophiyaa raasaa jirus dogongora aangoo argame kana cimsachuudhaaf jecha raawwatameeni” jechuunis falma.

“Qabsoon Oromoos aangoo harkatti galfattetti fayyadamtee rakkoo furuu osoo hin taane, aangoon sun madda miidhaa haarayaa itti taate”

Jawar Mohaammad

Dogoggoroonni kunneen aangoon kan qabatame sochii uummataatiin ta’uufi gaheen paartilee siyaasaa xiqqaa tahuun utubaalee aangoo sirna tokko ijaaruu dadhabuu, xiinsammuun qophaayuu dhabuu, hanqina dandeettii fi muuxannoo biyya bulchuu dhabuu, ilaalchii fi karoorri hoggansa aangoo qabatee hawwii mooraa qabsoo Oromootiin wal-faallessuu fa’i ta’u kaasuun xiinxalee jira.

“Garaagarummaan hawwii hooggansa aangoo qabateefi qabsaa’otaa Oromoo kun walshakkii uume. Kan aangoo qabate na kuffisu jedhee shakkuun, Oromoo caalaa ormatti hirkatutti deeme. Qabsaa’ onni Oromoos sirna abbaa irree haaraa alagaa firoomfateef waanuma sabichi hanga ammaa argateeyyuu diiguu barbaadu jalatti kufuuf deemna jechuun siyaasa mormiitti deebi’uu eegalan.  

“Haalli kun hoggansi aangoo qabates hundee hawaasaa (social base) ofiitirraa deeggarsa dhabuun akka rarra” u godhe. Qabsoon Oromoos aangoo harkatti galfattetti fayyadamtee rakkoo furuu osoo hin taane, aangoon sun madda miidhaa haarayaa itti taate,” jedha.

“Warri aangoo qabate [aangoo ofii] cimsachuu dadhabuun sirna bulchiinsaa kanneen isa duraa hundarra laamshoo (weak state and dysfunctional govemment) ta’e geggeessaa jiru. Biyyattii walwaraansa hamaa keessa galchuun kufaatii diinagdee hamaa fi kasaaraa dippilomaasii guddaan akka isa mudatu taasise. Gama ummata Oromootinis walwaraansa hamaa dhumaatiin takkaa isa mudatee hin beekne keessa galche,” jedha Jawaar.

Dogongoroota aangoo cimsachuuf godhaman irraa kan ka’e gurmuun aangoo gabate dantaafi mirga Oromoo eeguu hin dandeenye. Sababa kanaan Oromoorraa deeggarsa aangoo cimsachuuf isa barbaachisus ta’ ee fudhatamas hin arganne jedha. Kanaafuu akkuma mootummoota ammaan duraa, haariiroon Oromoofi mootummaa ammaa iidduu jirus kan diinummaa (securitized) ta’ee itti fufuu hima.

“Fakkeenyaf saba Oromoo bal’aa maqaa Gammadaa jedhamuun yoo bakka buufne, Gammadaan gaafa Hayilasillassee Shiftaa, gaafa Darqii Wanbadee, Gaafa Wayyaanee Ashabbaarii, gaafa Bilxiginnaa ammo Shanee magaa jedhu itti maxxansuun diineffama. Shiftaa, Wanbadee, Ashabbaarii fi Shaneen maqa xureessii Oromoo sirnicha mormu dhabamsiisuuf itti maxxanfamuudha” jedha.

“Tarkaanfii humnaan aangorra turuuf murni aangoo gabate fudhatuun Oeerroon bara 2018 aangotti isaan baase, bosonatti galee humna qawween buusuuf lola itti banee jira. Hariiroon bifa kanaa ammoo gama lachuu, ummataafi mootummaas miidhaa jira. Haala kanaan itti fufnaan mootummaan kunis carraan aangoo tiikfatee umriin dheerefachuuf qabu dhiphaadha” jechuun ibsa.

Akka xiinxala kanatti qabsoon Oromoo boqonnaa afraffaa kan aangoo qabachuu fi cimsachuu keessa jiru kun gara boqonnaa shanaffaa mootummaa dimookiraatawaa uummataan filatame ijaaruutti ce’uu qaba.

Kana gochuun ammoo furmaatni jalqabaa himata (narrative) sirreessuu akka ta’e akeeka Jawaar. Kana jechuun himatni hariiroo diinummaa biyya Itoophiyaa fi Oromoo jidduu jiru, Itoophiyaa diiguu fi Oromiyaa ijaaruu jedhu sirraahuu qaba jechuun ibsa.

“Tarkaanfii humnaan aangorra turuuf murni aangoo gabate fudhatuun Oeerroon bara 2018 aangotti isaan baase, bosonatti galee humna qawween buusuuf lola itti banee jira”

Jawaar Mohaammad

Hoggansi Oromoo aangoo qabatee jiru himatawwan gama lamaanuun shakkamaadha kan jedhu xiinxalli kun, gama uummataatiin hoggansi ammaa simichuma kaleessa nu miidhe itti fufsiisa shakkiin jedhu akka jiru, biyyi ykn sirni  Itoophiyaa ammoo hoggansi aanfoorra jiru gaafii Oromoo yoo gabate na diiga jedhee shakkii akka qabu eera. 

Kanaafuu ilaalchi tarkaanfataan /Progressive patriotism/ shakkii kana lamaan araarsuun furuuf fayyadu akka bara Wayyaance ‘democratic centralism’ osoo hin taane, ‘democratic pluralism’ dha jechuun falma. 

Kunis waan sadi of keessatti kan hammatu yoo ta’u, murtii siyaasaa keessatti olaantummaa hogganaa ykn murna tokkoo gofa osoo hin taane fedhiifi hawwii gareelee biyyattii keessa jirani hedduutu gahee gabaata, aangoon kan gabatamu humnaan ykn gubbaa gadi kan fe’amu osoo hin taane fedhinnaafi filannoo ummataan ta’a, sirni bulchiinsaafi aangoon nama/garee tokkoofi sadarkaa gubbatti gofa kan too ‘atamu osoo hin taane, bifa sadarkaa adda addaatti kan qoqqodame (decentralized power and administration) ta’a jedha. 

“Biyya akka Itoophiyaa seenaa abbaa irruummaafi loogii gareetiin miidhaan hedduun gahaa ture tan gadoofi goddannisni hanga har’ aa hin waldhaanamiin, kan yeroo ammaatti dammaqiinsi sabummaa sadarkaa olaanaarra gahee jiru (heightened nationalist consciousness) keessatti, aangoo gubbatti hudhanii gabanii olaantummaa nama/garee tokkootiin murtii gubbaa gadi buusaa biyya ijaaruu dhiisii tursiisuun hin danda’ amu” jechuunis falma.

Gama mooraa qabsoo Oromootiinis himatni Itoophiyaa guutummaatti diinomfachuu jijjiiramuu qaba jechuun falma Jawaar. 

“Qabsoon sabaa takka murna alagaa aangorraa buuftee muri ishii keessa madde aangoo qabatee sira abbaa irree yoo jaare, mirga guutuu goonfachuuf qabsoo itti fufuun barbaachisaa ta’us himata sirreeffachuun dirgama. Yeroo sirna abbaa irree alagaa irratti gabsaa’amu ‘liberation narrative’ fayyadamaa turame, gaafa murna abbaa irree ofiitti gabsaa’amu ammo gara ‘democratization narrative’ ceesisuutu fayyada” jedha.

Adeemsa diimokiraatessuu keessatti ilaalchonni dogoggoraa lama diimokiraasiin hin danda’amu jedhuu fi diimokiraasiin hin barbaachisu jedhu sirraawuu akka qabus ni dhaama.

Boqonnaa qabsoo shanaffaa kan ta’e diimokiraatessuu keessatti qabxiileen ijoon akka nagaa buusuu, daneessummaa keessoo taliiguu, saboota ollaa waliin hariiroo gaarii tolfachuu fi hariiroo alaa cimsuu qabxiileen jedhan barbaachisoo ta’uu eera.

“Akka Oromootti nagaa keessaafi alaas buusuu irratti fuulleffachuu qabna. Nagaa keessoo buusuf bakki irraa eegalamu, humnoonni qawween walwaraanaa jiran, gara marii araaraatti akka dhufan gama maraan dhiibbaafi tumsa gochuudha. Murni aangoo harka qabu aadaa “kophaan nyaadhaa’ warra isa dura aangorra turanirraa dhaaleen balaa dhaqgabe hubachuun aangoofi itti gaafatamummaa hiruudhaaf of qopheessuu qaba. Gama kaaninis humnoonni qabsoo hidhannoo keessa jiran qawwee kaasuuf sababa amansiisaa gahaa qabaatanis lolli itti fufuun saba kanaaf kasaaraa hamaa akka fidu beekuun nagaaf of qopheessuu qabu” jechuun gorsa.

Gareeleen dirree waraanaatti walwaraanaa jiran waliigaltee lola dhaabuu irra erga gahanii booda dhaabbileen siyaasaa hafaniifi hayyoonni biyyaa hirmaachuun waliigaltee siyaasaa (political settlement) cimaa gama hunda fayyaduufi amansiisu irra gahamuu barbaachisa jedha.

Hariiroo saboota waliin tolfachuu ilaalchisee, keessaahuu saba Amaaraa fi Oromoo jiddutti dhimmoota gurguddoo jaha irratti garaagarummaan akka jiru mariin hooggansi Oromoo fi Amaaraa baroota 2019-2020 gooneen adda baafnee turre kan jedhu Jawaar kunneenis, Akkaataa seenaan biyyattii itti hubatamu (politics of historical memory), Dhimma Finfinnee, Dhimma daangaa naannolee lamaanii, Dhimma dhalattoota saboota lamaanii naannawa lamaan keessa jiraatanii, Heera mootummaa, Dhimma Afaanii ta’uu tarreessa.

Dhimmoonni kun gara walwaraansaatti akka hin geessine, gama tokkoon cimina keessoo jabeessaa (as deterrence tactic) gama biraan ammoo mariin sirnaawaa hoggansa siyaasaa Amaaraa gochuun barbaachisaa ta’a jedha.

Itti dabaluun boqonnaa diimokiraatessuu keessatti humna nageenyaa cimsuu, diinagdee sirnaan taliiguu fi beekumsa omishuun tamsaasuun barbaachisaa akka ta’es hubachiisa. AS

Barruu guutuu buufachuuf as cuqaasaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.