Oddu: Biliinkan torbee dhufu gara Itoophiyaa imaluufi

Finfinnee, Bitootessa 10/2023 – Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan torbee dhufu Itoophiyaa akka daawwatan waajjirri isaanii mirkaneesse.

Biliinkan Bitootessa 14-17 gara Itoophiyaa fi Nijeer imalu. “Gaafa Bitootessa 15 ministirichi Finfinnee, Itoophiyaatti imaluun hojiirra oolmaan waliigaltee waraana dhaabuun nagaa buusuu fi haqa yeroo cehuumsaa mirkaneessuu maalirra akka jiru aanga’oota Itoophiyaa waliin mari’atu.

Akkaataa dhiyeessii gargaarsa namoomaa, wabii nyaataa fi mirgoota namoomaa irrattis michoota waliin ni haasa’u” jedha ibsi ministeera haajaa alaa Ameerikaa. Dura taa’aa Komiishinii Gamtaa Afriikaa waliin wal arguun dhimmoota waloo addunyaa fi naannoo irratti akkasumas waadaawwan Yaa’ii hoggantoota US-Afriikaa irratti dhimmoota akka wabii nyaataa, jijjiirama qilleensaa, cehumsa anniisaa, diyaaspooraa Afriikaa fi fayyaa addunyaa fa’i irratti dubbatu. Ministirichi deeggarsa Ameerikaan dhaabbilee addunyaa gurguddaa keessatti bakka bu’iinsa Afrikaaf qabdu ni mirkaneessus jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.