Oduu: Bakka bu’oonni hawaasa godina Gujii komii fi mormii hundeeffama godina ‘Boorana Bahaa’ hordofee uumaman ilaalchisee mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mari’atan 

Miseensota Abbootii Gadaa Gujii fi jaarsolii biyyaa ibsa kennan, Suuraa: VOA Afaan Oromoo

Finfinnee, Bitootessa 10/2023 – Miseensota Abbootii Gadaa Gujii fi jaarsolii biyyaa jiraattota godina Gujii bakka bu’uun aanga’oota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mari’atan. Jiilli abbootii Gadaa kun dhimma marii aannga’oota mootummaa waliin taasise ilaalchisuun kaleessa waaree booda ibsa laateera.

Dhimmoota hundeeffama godina haaraa ‘Boorana Bahaa’, akkasumas mormii fi rakkoo nageenyaa isa hordofee uumaman ilaalchisee kaleessa Bitootessa 09 gara Finfinneetti dhufuun waajjiraalee mootummaa naannoo Oromiyaa fi federaalaaf iyyannoo akka galchan kan ibse jiilli abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa kun, dhimma mormii fi rakkoo nageenyaa hundeeffama godina haaraan walqabatee godina Gujiitti dhalatan ilaalchisee Pirezdaantii Itti/aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii fi itti gaafatamaa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Fiqaaduu Tasammaa waliin mari’achuu ibsaniiru. 

Marii taasifameenis, “mootummaan hawaasa godina Gujii osoo hin mariisisiin magaalaa Nageellee dabalatee aanaalee sadi Gujii irraa baasee godina haaraa jala galchu isaa uummata biratti fudhatama akka hin qabne kaasuu kan himan jilli abbootii Gadaa kun, mootummaan naannoo Oromiyaa aanaalee Gujii, Baalee fi Booranaa walitti fiduun godina ‘Boorana Bahaa’ jechuun tibbana akka haaraatti hundeesse irratti moggaasni maqaa isaa “Boorana Bahaa” jedhamuun isaa sirrii akka hin turre itti himamuu kaasaniiru. 

Haata’u malee godinichi bifa kamiinuu kan hin diigamne ta’uu fi godinni kun aanaalee sadan keessaa kan walitti babbahee hundeeffame waan ta’eef uummatni Gujii, Baalee fi Booranaan waliin ta’uun, wal mari’atanii moggaasa godinichaa jijjiruu akka danda’an nu beeksisaniiru jedhan.

Bakka bu’oonni hawaasa Gujii kanaas dhimma marii aanga’oota mootummaa waliin taasisanii fi tarkaanfii gara fuulduratti godhamu qaban irratti hawaasa godina Gujii waliin akka mari’atan beeksisaniiru.

Walgahii idilee 3ffaa bara hojii 6ffaa Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa Wiixata, Guraandhala 27, 2023 gaggeesseen “gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ummataan ka’aa tureef deebii kennuu fi rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf” godinni Boorana Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uufi teessoon isaa magaalaa Nageellee ta’ee murtaa’uu ibsamuun isaa ni yaadatama. Teessoon godina Gujii ammoo gara Adoolaa Reeddeetti jijjiiramuutu himame.

Godinni akka haaraatti hundaa’e kun Godina Gujii irraa aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, magaalaa Nageellee; Godina Booranaa irraa ammoo aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waacillee; akkasumas godina Baalee irraa ammoo, aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ibsameera.

Hundeeffama godinichaa hordofee mormii aanaalee godina Gujii keessatti ka’een yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa sadi darbuu, lama madaa’uu fi namni hedduu hidhamuu Addis Standard jiraattota godinichaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.