Oduu: Barattoonni mana barumsa J/T/Birruu godina Shawaa kaabaa aanaa Hidhabuutti Afaan Oromoo cimsuuf “Gumii Guddinaafi Dagaagina Afaan Oromoo” hundeessan

Finfinnee, Bitootessa 10/2023 – Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abooteetti Barattoonni Mana Barumsa J/T/Birruu Sad. 2ffaa Lakk.1 Guddina fi Dagaagina Afaan Oromoo Cimsuuf Bifa Gumiitiin Ijaarramanii Hojii Gaarii Hojjechaa Jiru.

Akka odeeffannoo Kominikeeshinii Aanaa Hidhabuu Aboote irraa argame ni mul’isutti, barattoonni Mana Barumsaa kun “Gumii Guddinaafi Dagaagina Afaan Oromoo” ykn “GGDAO” Jedhu M/B isaanii keessatti hundeessuun karaalee adda addaatiin hiriyoota fi hawaasa hubannoofi Barnootaa ta’uu akka danda’utti hojjechaa kan jiran ta’uu isaaniitu mul’atan.

Kanumaan walqabatee Gumii isaanii kana M/B isaanii keessatti cimsachaa fi hiriyoota isaanii waliin ta’anii Guddinaa fi Dagaagina Afaan Oromoo irratti hojii hojjechuun erga of Ijaaraafi jabeessaa dhufaniin booda qindeessummaa Waajjira Aadaafi Tuurizimii Aadaafi M/B J/T/Birruu waliin ta’uun beekkamtii Waajjira Bulchiinsa Aanaa Irraa fudhatanii guyyaa Bitootessa 06/2023 Sadarkaa Aanaatti Agarsiisa adda addaatiin taasisuun Gumiin Guddina fi Dagaagina Afaan Oromoo kun xiyyeeffannoo guddaa akka argatu taasisaniiru jiru.

Agarsiisa kana irrattis Seenaa Hundee Uummata Oromoo Barsiisu, Seenaa Guddina Afaan Oromoo, Akkasumas Sirna Gadaa Barsiisuu, kunis (Safuu, duudhaa, Amantaa Uummata Oromoo barsiisuufi Sirna Siinqee fi k.k.f). Kanumaan walqabatee Aartiin Guddinaafi Dagaagina Afaan Oromoo Keessatti shoora olaana qabaachuu isaa kan ibsu; Sirba,Diraamaa,Walaloo,Asoosamaafi Mammaaksota adda addaa qopheessanii saganticha irratti barnootaa akka tolutti dhiyeessanii jiru.

Dabalataan Kaayyoon Hundeeffama Gumii Guddinaafi Dagaagina Afaan Oromoo kun Aadaa,Seenaa,Duudhaafi Safuu Oromoo kan mul’isu ta’uu isaanii jiru.

Dhumarratti Agarsiisa kana Bifa Walaloo,Geerrarsaa,Diraammaafi Shubbisaan Akkaataa ittiin miiraafi quuqama Afaan Oromoo ibsuun dhiyeessanii gara fuula duraatti immoo qaamni Aanaa fi namoonni dhuunfan illee osoo nu bira dhaabbattanii cimnee hojjechuun Guddinaafi Dagaagina Afaan Oromoo ni milkeessina jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.