Oduu: Hongeen Booranaa hammaatee, namoonni beelaa fi dhukkuboota yaalamuu danda’aniin du’aa jiru – Waldaa Hakimoota Oromiyaa

Booranatti namoonni 800,000 ol ta’aan gargaarsa nyaataa barbaadu, horiin miiliyoona 3.3 ol ta’an dhumaniiru (Suuraa: Kominikeeshinii Zoonii Booranaa)

Finfinnee – Waldaan Haakimoota Oromiyaa (WHO) hongee Kibba Oromiyaa godina Booranaatti mudateen, fayyaa ummataarra miidhaan cimaan gahaa jira jechuun akeekkachiise.

Ibsaa Addis Standard’f addatti ergeen “namoonni beelaa fi dhukkuboota yaalamuu danda’aaniin du’aa jiru. Ammoo, beeyladotni miliyoonaan lakkaa’aman waan jalaa dhumaniifi fi gargaarsa nyaataa gahaan dhiyaachuu dhabuu isaa irra kan ka’ee lakkoofsi namoota du’anii dabalaa jira” jedheera.

Hanqinni nyaataa, bishaan qaama keessaa hir’achuu, fi dhukkuboonni bishaaniin daddarban dhimmoota fayyaa hongee kanaan  wal qabatanii uumamaa jiraan keessaa kanneen ijoo fayyaa hawaasaa gaaga’aa jiranidha jedha WHO.

“Dhukkuboonii hanqina nyaataa wal qabatanii haalaan dabaleera. Akka waliigalaatti Hanqina Nyaataa Cimaa (GAM) %16.04 yoo ta’u, dubartoota ulfaa fi harma hoosisan (PLW) biratti Hanqina Nyaataa Giddugaleessaa (MAM) %40 ga’eera” akkasumas, namoonii rakkoo hanqina nyaataan wal qabatee du’aa jiran daballii guddaa agarsiiseera” jedhe.

Akka WHO jedhutti sababa hongee godinicha keessatti mudateen weerarri dhukkuba gifiraa kan ka’e yoo ta’u, godinicha keessatti aanaalee Mooyyalee, Guchii fi Gomoleetti namoonni 127 gifiraan qabamuun isaanii mirkanaa’eera. Lakkoofsi kun bara 2021tti 126 irraa kan ture bara 2023tti gara 396tti ol guddachuu isaa Waldaan Haakimoota Oromiyaa beeksiseera.

Itti dabaluunis lakkoofsi daa’imman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, miidhaan saal-qunnamtii akkasumas lakkoofsi namoota of ajjeesanii naannoo hongeen rukkutetti haalaan dabaleera jedhe.

Waldaan Haakimoota Oromiyaa akka jedhetti rakkoo hongeen kun qaqabsiise furuuf tarkaanfiiwwan gahaan hin fudhatamne, gargaarsi godhamaa jirus bifa qindaa’een ta’uu dhabuun isaa bu’aa barabaachiisu hin argamsiifne jedhe. Miidhaa fayyaa sababa hongeen gahu salphisuuf deeggarsi soorataa, nyaata dhangala’oo, qoricha hatattamaa, fi tajaajila bishaan qulqulluu akka daran barabaachiisan WHO dhaameera.

Gabaasaaleen namoonni du’aa jiraachuu mul’isan bahanis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa garuu namoota godina Booranaatti gargaarsa hatattamaa barbaadaniif gargaarsa barbaachisu kennaa akka jiru ibsee, sababa hongee kanaan namni du’e akka hin jirre hime.

Booranni iddoolee hongeedhaan garmalee hubaman keessaa tokko yoo ta’u roobni waqtiilee roobaa shaniif waan hin roobiniif jiraattota godinichaa 800,000 ol ta’an gargaarsa hatattamaa akka eeggatan taasisuun loowwan miliyoona 3.3 ol ta’an ajjeeseera.

UN gabaasa dhiyeenya baaseen akka jedhetti, hamma Sadaasa 2022tti namoota dhibee hammaataa hanqina nyaataatiin qabaman 27,526 galmeessuun tokkoffaa kan ta’e naannoo Oromiyaati. Isa 2021 fi 2022 wal bira qabnee yoo ilaallu aanaalee Affaar, Oromiyaa, Somaalii fi naannoo saba sablammootaa fi ummatoota kibbaa keessatti hanqinni nyaataa hamaan harka 21 dabaleera.

Gabaasa gafa Guraandhala 18 baaseen ammoo, Guraandhala 2023 booda naannoolee hongeen rukkutamanii hunda keessatti miidhaan hongee daran hammaata jedhe jira, dabalaatan “hanqinni bishaanii hamaa” ta’ee naannoo Oromiyaa aanaalee hongeen rukkutaman kudhan keessatti mul’achuu isaa ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.