Oduu: Gujiitti mormiin jiraattotaa itti fufe, mootummaan murtee “Nageellee” godina Boorana Bahaa jala galchuu irraa hin deebine

Guyyoota darban magaalota godina Gujii gara garaa keessatti hiriirri mormii adeemaa ture (Suuraa: Badhaasaa Hayiluu/Facebook)

Finfinnee – Kibba Oromiyaatti jiraattonni godina Gujii magaalaan “Nageellee” godina Boorana Bahaa haaraa hundeeffame jala akka galtu murtii mootummaan Naannoo Oromiyaa dabarse mormuun torbee tokkoo oliif mormii itti fufanii wayita jiranitti mootummaan murtee kana humnaan raawwachiisuuf cichee jiraachuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Mormiin torbee darbe godinicha keessatti kan ka’e, Caffeen Oromiyaa murtee magaalaa Negeellee fi aanaalee sadii Gujii jalatti bulaa turan godina Boorana Bahaa jala akka galan Fulbaana 27 erga beeksisee guyyaa tokko booda.

Bitootessa 03 Addis Standard mormii magaalota godina Gujii keessatti dhoheen wal-qabatee yoo xiqqaate namoonni nagaa sadii ajjeefamanii, lama madaa’uu isaanii fi namoonni hedduun to’annoo jala ooluu gabaasuun ni yaadatama.

Jiraattonni godinichaa guyyoota darban sochii daldalaa idilee mara lagachuun mormii isaanii ibsachaa kan turan yoo ta’u, magaalota godinichaa hedduu keessatti hiriirri mormii gurguddaanis gaggeeffamaa tureera.

Jiraattonni sochii daldalaa lagachuun mormii ibsataa turan (Suuraa: Badhaasaa Hayiluu/Facebook)

“Mootummaan naannichaa ummata godina keenyaa [Gujii] osoo hin mariisisiin murtee kana akka tasaa dabarse. Ummanni murtee kana hin fudhanne. Ammas mormii jiraattotaa  cinaatti dhiisuun karooricha humnaan raawwachuuf sochii gochaa jira,” jechuun jiraataan magaalaa Nageellee tokko Addis Standard tti himeera.

Jiraataan kun akka ibsetti, Kibxata darbe aanaalee Sabbaa Boruu fi Aaga Waayyuu (Daawwaa) keessatti hiriirri mormii guddaan geggeeffamaa ture, Roobii kaleessaa bakka buutonni jiraattota godinichaa dhimmicha irratti mootummaa federaalaa waliin mari’achuuf Finfinnee galuu hordofee hiriirri mormii adeemaa ture adda citeera.

Addis Standard maddeen dhimmichatti dhihoo ta’an irraa akka hubatetti, mariin aanga’oonni naannoo irraa gara Gujii imalan Abbootii Gadaa dabalatee aanga’oota godinichaa waliin guyyoota darban godhaa turan bu’aa barbaadamu fiduu hin dandeenye.

Bakka buutonni Hawaasa Gujii mootummaa federaalaa waliin mari’achuuf gara Finfinnee imalan Kamisa har’aa ibsa akka Kennan eeruun miidiyaaleef waamicha taasisanii jiru.

Caffeen Oromiyaa, Fulbaana 27, magaalota akka haaraatti gurmeessuun, bulchiinsa godina haaraa Booranaa Bahaa kan godina Oromiyaa 21ffaa ta’ee ijaaramu ifoomse. Teessoon bulchiinsa godinichaas magaalaa Nageellee kan duraan teessoo bulchiinsa godina Gujii turte akka taatu, bulchiinsi godina Gujii ammoo gara Adoolaa Reeddee akka deemu beeksise.

Murteen Caffeen naannichaa “gaaffii misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii ummataa yeroo dheeraaf deebii kennuuf” jedhee murteesse kun garuu jiraattota godina Gujiitiin fudhatama dhabee magaalota godinichaa hedduu keessatti mormii guddaa uumeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.