Oduu: Sirni adeemsa walharkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Odaa bultum gaggeeffamee

Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa

Finfinnee, Bitootessa 09/2023 – Sirni adeemsa walharkaa fuudhinsa Baallii Abbaa Gadaa Ituu Odaa Bultumtti sirnoota garagaraan gaggeeffamee.

Akka Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa guyyaa Bitootessa 09 gabaase, sirni saaqinsaa kunis eebba Abbootii Gadaafi Manguddoo akkasumas haasaa hogganttoota mootummaa taasisaniin kan eegalamee jira.

Mallattoo sirna dimokraasii haqaa tahuun kan leellifamu Sirni Gadaa waggaa saddeet saddeetiin baallii abbaa dabareef dabarsa. Tuutni Gadaa Sabbaaqaa kan Sirna Gadaa Ituu tuuta Gadaa Dhiphisaatiif Baallii dabarsee kennuuf sirnichi eegaluu isaa Abbaan Gadaa Shaamil Ahimadoo himan.

Sirni Gadaan sirna bulchiinsa siyaasaa dinagdeeniifi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan ummanni mirgaafi dirqama isaa beekee ittiin walii galuufi tokkummaan ittiin waliin jiraatudhas jedhaniiru.

Sirnicharratti Bulchaan Aanaa Odaa Bultum Obbo Haamid Ibraahim, akka jedhanitti, Sirni Gadaa bu’uura sirna dimokraasii ammayyaa, duudhaa ittiin bulmaataa akkasumas bu’uura seenaafi eenyummaa Oromooti jedhan.

Milka’insa sagantichaaf qaamolee tumsa taasisaa tureen galateeffataniiru.

Sirnuma kanarratti Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Harargee Lixaa Obbo Saanii Rashiid, akka jedhanitti, sirni Gadaan qabeenya Oromoo qofa osoo hintaane kan biyyaa, Afrikaafi Addunyaatis, kanaaf kunuunsiine dhalootaaf dabarsuuf hundi keenyaa gahee nurraa egamuu bahaachuu qaban jedhan.


Sirni jilannaan kunis har’aarraa jalqabee guyyoota ittianaan 12’f Ardaa jilaa Gadaa Odaa Bultum jalatti sirnoota garagaraatiin ittifufinsaan kabajama.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.