Xiinxala: Hongee walitti fufiinsaan mudateen Naannoo Somaalii, Godina Daawaatti jiraattonni xiyyefannoo hatattamaa barbaadu, gabaasaaleen namootni beelaan du’uu mul’isu

Miidhaa godinicha keessatti sababa hongeen qaqqabe (Suuraa: Jiraattota)

Finfinnee – Rakkoo hongeen irra deddeebiin naannoo Somaalee Godina Dawaatti mudate kun kanaan dura kan hin mul’anne fi namoota baay’ee beelaaf kan saaxile akkasuumas, miidha jabaa ta’ee bineeldoota fi bineensoota irraa geesisaa jira. Hongeen mudachaa jiru kun laggeen gogsaa jira.

Jiraattonni akka jedhanitti, hawaasni horsiisee bulaa aanaalee godinichaa afur, jechuunis aanaa Mooyyalee, Hudat, Qadadumaa fi Mubaarak keessatti argaman balaa hamaa irraa gaha jiruu kanaaf deebii hatattamaa barbaada jiru.

Jiraataa aanaa Mooyyalee kan ta’an obbo Alii Ibraahim akka Addis Standarditti himanitti, haalli Godina Dawaa yeroo kamuu caalaa hammaataa ta’uu fi godinichi godinaalee naannichaa kamuu caalaa miidhaa cimaan rukutama kan jiru dha. Garuu xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e kan hin arganneedha jechuun ibsaniiru.

Obbo Aliin haalli ammaa horii ajjeesuu bira darbee lubbuu namoota keessattuu daa’imman fi maanguddoota hanqina nyaataatiin rakkoof saaxilamaa akka jiru himan. Dabalataanis, rakkoo kanaan wal-qabattee lubbuun namoota lama, aanaalee lama keessatti darbuu isaa himu.

Akka Aliin jedhanitti, dhiheenya kanaa balaa hongee kanaan akka maanguddoon lubbuun isaa darban jiraachuu eeruun, suuraa [armaan gaditti mul’atu] wayita manguddoon kun ganda Alo Hulluuqootti awwaaamu Addis Standard’f erge. 

”Galoonni balaa hongee dandamachuu danda’an dheebuun du’aa jiru, kanaa jechuun balaan nama irra gahe tilmaamuun ni danda’ama,” jechuun ibsa, itti dabaluun ”namoonni bishaan bakkuma argatan hundarraa fidachu hin danda’an sababa gaalli fi harroonni isaan bishaan itti guraan jala du’aa jiraniif ” jedha.

Jiraataa biraa aanaa Hudet irraa dhufan obbo Mohaammud Soomuu, abdii kutannaan Addis Standarditti akka himanitti, godinicha keessatti horsiisee bultoonni gara 108, 228 ta’an, hongee kanaan loon isaanii dhabaniiru, gaala fi loon biroo dabalatee beeylada naannoo 219, 724 ta’an kan du’an yoo ta’u, gargaarsi hatattamaa yoo kenname malee beeyladoonni akkasii 744,920 sababa hanqina nyaataa fi bishaaniin baduuf qarqara irra jiru,jedhan.

Obbo Mohaammud akka jedhanitti, maanguddoota godinichaa biroo waliin ta’uun dargaggoonni ragaa namoota hongeen miidhamanii walitti akka qaban gochuun gargaarsa ittiin gaafachuuf yaalii gochaa turanillee hanga ammaatti namoota hongee kanaan lubbuun darbe quba akka hin qabne himan.

Itti dabaluudhaanis, raashini yookaan nyaati kiiloo lama, ji’a sadii hanga shanii jidduutti kenamuun alatti  gargaarsi godhamuuf tokko akka hin jirre kaasu. Obbo Mohaammud akka jedhanitti, deebiin mootummaa naannicharraa hin argamne. “Namoonni magaalota keessatti gurguruuf muka walitti qabuu fi cilee hojjechuun, ykn hojii humna namaa kamiyyuu hojjechuun off jiraachisuuf rakkachaa jiru” jedhan.

Aanaalee godinichaa keessaa tokko kan aanaa Mubaarak gogiinsa kanaan qormaata keessa galeera. Aanichatti qindeessaan sodaa balaa obbo Jaylaanii Husseen haala jiru Addis Standard’f ibsuun ummanni duraan laga Dawaa aanicha keessaa yaa’u irraa fayyadamaa waan ture amma lagichi waan gogeef caalaatti rakkoof saaxilamuu himan. 

“Lagni Dawaa, kan duraan hojii qonnaa jallisiin qonnaan bultoota naannoo sanaa fayyadaa ture amma guutummaatti gogiinsa keessa jira, gogiinsi deema jiru kun hammam jabaa akka ta’e ragaa ba’ee jira” jedhan.

Lagni Dawaa aanaa Mubaarak keessatti argamu guutummaatti gogee daandii konkolaataa fakkataate jira (Suuraa: Jaylaanii Husseen)

Rakkoon kun duraanuu lubbuu namootaa balaadhaaf saaxiluu akka danda’uu sodaachaan ture kan jedhan Obbo Jeeylaan, keessumma dhiheenya kana waa’ee du’a namoota sadii hongee kanaan walqabatee akka odeeffannoo argatan eeruun, garuu mirkanneessu immoo akka hin dandeenye himan.

Qindeessaan sodaa balaa Godina Dawaa, Obbo Abdireeshid Ibrahiim Adeen gama biraatiin hongee fi gogiinsi godinicha keessatti mudate kun waggoota dheeraaf kan turee jechuun yaada kennu, kessuma hanqina bishaanii, nyaataa fi dhimmoonni buqqaatota yaaddoo jalqabaa ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluun, ”Godinicha keessatti ji’oota 6 darbanitti gaalli fi horiin gara 334,719 ta’an du’aniiru, kanneen kuma 639 ol sababa hanqina nyaataatiin du’uuf qarqara irra jiru” jedhan.

Obbo Abdireeshid, aanaaleen afran hanqina bishaanii hamaa waan qabaniif, bishaan raabsuuf tattaaffii taasisaa jirra jedhan. Maatiin kuma 45 yookaan namoonni gara kuma 270 ta’an deebii hatattamaa kan barbaadan yoo ta’an, maatiin naannoo kuma 32 ol ta’an gara naannoo adda addaatti buqqa’aniiru.

Tatamsa’ina dhukkuba koleeraan alatti, haala sodaachisaa kanaan walqabatee Obbo Abdireeshid akka jedhanitti, “gargaarsi hatattamaa yoo dhufuu batee ykn araarri Waaqaa lafa bu’ee malee, manni barumsaa cufamuu ni danda’aa jedhaniru”.

Dabalataanis haala hongee kanaan wal-qabatee bineensonni bosonaa paarkii godinicha keessaatti argamu Gaara’iilee jedhamu keessa jiraatanillee miidhamaa jiraachuu himan.

Bineensota hongeen miidhaman (Suuraa: Jiraattota)

Biiroo hoggansa sodaa balaa naannichaatti qindeessaa kan ta’an Obbo Baashiir Araab, hongee fi gogiinsa naannoo Somaalee zoonii adda addaa keessuma zoonii Dawaa dabalatee hammaataa akka ta’e dubbatanirru.

Akka Obbo Baashiir jedhanitti, konkolaataan bishaan fe’amee gamaa mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa tokko tokkoon, gandoota Mooyyalee 12, gandoota Hudet 20, gandoota Qadadumaa 10, fi gandoota Mubaarak keessatti raabsamaa jira jedhan.

Haa ta’u malee, “hammaafi bal’inni rakkoo kanaa bakkaa hundaa gahuun rakkoo kan fidu yoo ta’u, hanqinni qabeenyaafi bu’uuraalee daandii naannichaa hawaasa bira ga’uufis baay’ee rakkisaa taasiseera jedhan.

“Dhaabbileen miti mootummaa fi mootummaa waliinis gargaaraa kan jiran ta’us, haalli jiru dandeettii isaanii ol ta’uun isaa adda baafamee waan jiruuf, hanga dhuma torbee kanaatti wantoota barbaachisu bobbaasuuf murtaa’eera,” jedhan obbo Bashir.

Haata’u malee, odeeffannoo namoonnii sababa hongee fi gogiinsa kanaan du’an ilaalchisee odeeffannoo akkasii hin qabu, taateewwan akkanaas hin dhageenye jedhaniru. Muuxannoo waggoota darban keessaa yaadachuun, namoonni hongee fi gogiinsa kanaan walqabatee xiyyeeffannoo fi deebii dabalataa argachuuf jecha taateewwan du’a uumamaa biroo gogiinsa waliin walqabsiisuu danda’u jechuun tilmaama isaanii kaa’an.

Gogiinsi yeroo dheeraa sababa rooba giddu galeessaa gadi ta’een naannoo Somaalee Aanaalee adda addaatti miidhaa geessisaa kan ture ta’us, irra deddeebiin Godina Dawaa miidhaa cimaa geessisuun rakkoo namoomaa qaqqabsiisun isaa ni yaadatama.

Godinni Dawaa naannoo Oromiyaa Godina Booranaa waliin kan wal daangessu yoo ta’u, godinni Booranaa naannoo biraa hongee fi gogiinsa hamaadhaan miidhamee dha. Godinaalee kanneen keessa baay’inaan kan jiratu hawaasa horsiisee bulaa dha.

Dhiheenya kana hawaasni horsiisee bulaa naannoo Somaalii godinaalee hongee fi gogiinsaan rukutaman sadii keessaa tokko kan ta’e, godina Afdeer keessattis horii isaanii hunda jechuun ni danda’ama, erga dhabanii booda nyaataa fi bishaan malee jireenyaa fi du’a gidduutti jiraacha akkaa jiraan eeruun jiraattonni deebii hatattamaa akka argatan waamicha dhiyeessaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.