Xiinxala: Komiin baay’achaa dhufus bulciinsi magaalaa Shaggar manneen “seeraan alaa diiguu” ittin fufa jedhe, komii loogii sabummaa haale

Manneen naannoo Laga Xaafootti diigaman (Suuraa: Addis Standard)

Finfinnee – Aanga’oonni bulchiinsa magaalaa dhiyeenya hundeeffamtee Shaggar kan mootummaa naannoo Oromiyaa jala jirtu komii namoota manni jalaa diigamee baay’achaa dhufe cinaatti dhiisuun manneen seeraan alaa diiguu itti kan fufan ta’uu ibsaniiru.  

Bulchiinsi magaala Shaggar kutaalee magaalaa 12 fi aanaalee 36 of jalaa qabdu kan hundeeffamuun ishe torban tokko dura ifa ta’e manneen ragaa eeyyama ijaarsaa hin qabne diiguu erga eegalee torbanoonni hedduu darbaniiru.

Duulli manneen seeraan alaa diiguu aanga’oota bulchiinsa magaalaa Shaggariin adeemsifamaa jiru iddoolee hedduutti raawwatamaa jiru manneen iddoo Arbaa Araat jedhamu kan magaala Shaggar kutaa magaalaa laga Xaafoo Laga Daadhii keessatti adeemsisaa kan jiru ta’uu gaazexessitooonni Addis Standard daawwataniiru; jiraattotas dubbisaniiru.

Jiraattonni tokko tokko garuu duulli manneen diiguu kuni yaadachiisa tokko malee akka tasaa kan raawwatame jedhan kan jedhan adeemsi kuni loogii sabummaa of keessaa qaba jechuun aarii qaban mul’ifataniiru.

Abbaa ijoollee lamaa fi haadha manaa ulfa kan qabu Mohaammad Kaasaa namoota manni isaa magaala Shaggar kutaa magaalaa Laga Daadhii laga Xaafootii jalaa diigamee keessaa tokkoodha. Lafa sana qotee bulaarraa waggaa kudhan dura bituu man a irratti ijaaruusaa hima.

“Bulchiinsi duula mana diiguu kana yaadachiisa tokko malee diiguu eegale,” jechuun, “ tarkaanfii kana fudhachuu dura otuu dursee nutti himee turee fala barbaadanna ture,” jedheera.  

Mohaammad namoota sabaan Oromoo hin taaneerratti loogii sabummaa raawwatu jechuun  aanga’oota mootummaa yakkeera.  

“Yeroo manneen diigan manneen sabaan Oromoo ta’anirra ni utaalu. Mana abbaan waraa yookiin haati warraa Oromoo yoo taateyyuu hin diigan,” Mohaammad dabalee jedheera.

Kadiir Alii nama biraa duula mana diiguun kanaan hubameedha. Duulli manneen diiguu tasa raawwatame kuni mana malee hambisuu fi ijoolleen manaa barumsaa akka adda kutan taasisuun jireenya maatii hedduu miidheera jedha.

Namoonni hojjattoota mana diiguuf dhufan fuldura dhaabbaatna humnoota tika mootummaatiin rukutamuu himuun dubartiin tokko rasaasaa rukutamtee mana yaalaa jirtis jedheera.

Kadiir yaada Mohaammad kaase kan duulli mana diiguu kuni namoota sabaan Oromoo hin taanerratti xiyyeeffata yaada jedhu deeggareera.

Piroojektiin mana diiguu kuni qabeenya namoonni waggoota dheeraaf kuufatan kan harka biittinseera jechuu namoonni kunneen komii kaasaniiru.  

Maqaan abbaa isaa akka hin eeramne kan gaafate Geetaachoo jedhamu gaazexeessitoota Addis Standard dubbisanii turan kan mannisaa jalaa diigamee hambaa mana isaa funnaannachaa tureera. Manni isaa waggaa kudhaniif keessa jiraate akeekkachiisa tokko malee jalaa diigamuu Addis Standard’tti himuun yaada loogii sabummaa Mohaammadii fi Kadiir kaasan kan manneen namoota sabaan Oromoo ta’anii hin diigamu jedhu kuffiseera.

“Ani Oromoodha. Akkuma argitan kana namoota hubaman keessaaas tokkoodha,” Geetaachootu jedhe.

Jiraattonni kunneen duula man diiguu kanaan kan hibamanii fi maatii fi ijoolleen isaanii karaarratti bittinnaa’aniiru jedhu. 

Komii jiraattonni kuni kaasan kuffisuun duula saamicha lafaa seeraan alaarratti magaalattii keessa jiru cimsanii kan itti fufu ta’uu aanga’oonni magaala Shaggar Addis Standard’iif mirkaneessaniiru. 

Kantiibaan magaala Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD), “bulchiinsi manneen seeraan alaa ijaaraman kan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu itti fufa. Kan diignu manneen eeyyama ijaarsaa hin qabne qofa jedheera,” jedheera.

Bulchiinsi magaalichaa saamicha lafaa seeraan alaa irratti tarkaannfii fudhachaa jira: kanas itti fufa,” jechuun yakka duulli kuni loogii sabummaa qaba jedhu “sobaa fi qabatamaa hin taane” jechuun kuffisaniiru. “Bulchiinsichi hojii seeraan alaa magaalattii keessatti raawwatamu kamiyyuu hin obsuu,” jedhaniiru.

Kabaja ayyaana hundeeffama magaala Shaggar ji’a Amajjii keessa godhameerratii haasa’a taasiseen faayidaa ummata Oromoo Finfinee fi naannawasheerra argachuu qabu raggaasisuun giddugala gabaa fi misooma bu’uuraa babl’isuun kaayyoo jalqabaa magaalattii ta’uu Tashoomaan dubbataniiru. 

Magaalota akka Burraayyuu, Sulultaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sabbataa fi bulchiinsa addaa naanawa finfinnee kan akka Walmaraa, Suluultaa, Baaraaq fi Sabbataa hawaas waliitti baqsuun magaala guddoo hundeessuuf murteen kan dabarse mootummaa naannoo Oromiyaati. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.