Oduu: Weerarri Koleeraa haaraan magaalaa Mooyyalee keessatti lubbuu namoota shan galaafate
Giddugala wal'aansa koleeraa magaalaa Mooyyaleetti argamu (Suuraa: Boruu Hukaa) Madihaanee Iqqubaamikaa'eliin @Medihane Finfinnee, Bitootessa 25/2023 - Weerarri koleeraa haaraan torban lamaan darbanii kaasee hanga ammaatti daangaa Itoophiyaa fi Keeniyaa, magaalaa Mooyyalee keessatti lubbuu namoota shan galaafateera. Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa magaalaa Mooyyalee godina Booranaa, Boruu Hukaa hanga